Barattoonni Taayiwaan sababii hanna itittuuf qacceen sanyii isaanii qoratame

Dubartii itittuu dhugdu

Madda suuraa, CTI News

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoo hannaa kaffaltoota gibiraa Taayiwaan doolaara 18,000 baasise

Dubartiin Taayiwaan hiriyyaa ishee wajjiin jiraattu jalaa itittuu hattee dhuguun himatamte qorannoo qaccee sanyii erga taasisteen booda adda baafamte.

Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti, shakkamtuun maqaanshee hin dhahamne hiriyyootashee Yunivarsiitii Aadaa Chaayinaa baratan wajjin jiraatti.

Baatii darbe keessa, hiriyyaanshee tokko itittuuun doolaara lama baasu hayyama ishee malee dhugamuu barti. Qaruuraasaa iddoo gatameetii baastee shakkamtuu kana gaafatti.

Hiriyyoota achi jiraatan keessaa namni anatu kana godhe jedhu dhibnaan, isheen na jalaa hatame jettu poolisii bira deemuun akka qoratamuuf gaafatti.

Qaruuraan itittuu jiidhaa waan ture ashaaraa fudhachuun hin danda'amne kanaaf poolisiin qorannoo qaccee sanyii (DNA)ajaje.

Poolisiin himattuufi himatamtuu dabalatee hiriyyooti waliin jiraatan hundi gara buufata poolisii dhufanii yaalamanis ajaje.

Qorannoon tokkoon tokko isaanii irratti adeemsifame doolaara 3,000 kan baasise yoo tahu yeroofi qarshiin hanga kanaa bahuunsaa kaffaltoota gibiraa biyyattii mufachiiseera.

Jiraataan naannichaa Liwuu jedhamu gaazexaa Apple Daily'tti akka dubbatetti ''kuni qabeenya ummataa qisaasuu dha. Otoo ani poolisii tahee itittuu tokko biteen ittan kenna ture jedhaniiru.

Ajajaan poolisii maqaan isaa hin dhahamne barbaadu ''dubbiin kuni simbirroo ajjeesuuf qawwee hanga fayyadamuuti, qajeelfama sirrii hin hordofne'' jedheera.