US hanna gurguddaaf lammiilee Naajeeriyaa saaxilte

Madda suuraa, Getty Images
Aanga'oonni US namoota yakka hanna waliin dhahuu gurguddaa keessatti hirmaatu jedhamanii shakkaman 80 himatan.
Namoota himataman kana keessa "garri caalaan lammillee Naajeeriyaati,'' jedhan abokaatonni. Hattoonni kunneen teessoo toora interneetaa hojiifi dhimma jaalalaatti fayydamuun tooftaa waliin dha'uu diriirsanii namoota saamu.
Kanneen kiyyoo hattootaa kana keessa galan yeroo baayyee maanguddoota.
Hanga ammaatti poolisiin namoota US keessatti shakkaman 14 to'annaa jala kan oolche yoo ta'u, isaan keessaa 11 Loos Anjalas qofa keessatti qabaman.
Kanneen biroon Naajeeriyaa keessa jiru jedhamanii kan yaadamu yoo ta'u, achittis aanga'oonni biyyattii hattoota kana saaxiluu keessatti US waliin akka dhaabbatan himan.
Abokaatonni akka jedhanitti "seenaa US keessatti yakkaa isaa hundaa ol guddaadha jedhamedha".
Abbaan Alangaa US Niik qorannoo dhaabbata Ameerikaa yakka qoratu (FBI) dhimma kanarratti gaggeesse neetwoorkii yakkamtootaa cicciruudhaaf tarkaanfii jabaadha.
"Dhimmi kun qaama carraaqqiiwwan lammileen Amerikaa hattoota karaa toora intarnetaan waliin dha'uun nama saaman irraa eeguudhaan namoota lammileen Ameerikaafi biizinasii seeratti dhiyeessuudha.
FBI dhimma kana kan qorachuu eegale bara 2016 herrega baankkii tokkoratti yommuu ta'u, boodarra namoota US keessatti akkasumas guutummaa addunyaarratti hanna kanaan miidhaman irratti ballisee qorachuu eegale.
Ibsa kenneen Waajirri Abbaa Alangaa US Giddu-gala Onaa Kaalifoorniyaatti argamu akka jedhetti, namoonni himataman 80 kun yakka shira adda adda xaxuudhaan waliin dha'uun hatuu, shira maallaqa seeraan ala bakka tokkoo gara biraatti daddabarsuu akkasumas badii cimaa eenyummaa dhoksuun himanni irratti dhiyaate.

Madda suuraa, AFP
Shakkamtoonni hedduun biyya alaa jiru
Lammileen Naajeeriyaa lama maqaa Valentine Iro fi Chukwudi Christogunus Igbokwe jedhamuun beekaman warra US keessatti to'annaa jala oolfaman waliin hojjetu.
Jarreen kun lameen shakkamtoota biroo US fi Naajeeriyaa keessa jiran waliin ta'uudhaan shira xaxaniin namootarraa karaa seeraan alaa maallaqa fudhachuun biyya alaatti dabarsu.
Shira maallaqa Dolaara Miliyoona 46 hatuuf karoorfatan keessaa Dolaara Miliyoona 6 waliin dha'uudhaan argataniiru jechuun himate Waajirri Abbaa Alangaa US.
Shakkamtoonni himanni irratti dhiyaate hafan 66 biyya alaa ta'u jedhamanii shakkamu, "isaan keessaa garri caalan garuu Naajeeriyaa keessadha," jedhan aanga'oonni kunneen.
Namoonni maqaan isaanii yakka kana keessatti waamame US'tti daabarfamanii kennamuun mrutiitti dhiyaachuu jedhan dur-deemaan kumishiniin diyaasporaa mootummaa Naajeeriyaa Abike Dabiri-Erewa.
"Niti…warri Naajeeriyaa keessatti himataman fedhii isaaniitiin aanga'oota Ameerikaatti of kennanii maqaa isaanii qulqulleeffachuuu qabu.
Kana ta'uu baannaan mootummaan Naajeeriyaa seera addunyaa biyyoota lamaan gidduutti galameen namoota shakkaman kana dabarsitee kennuuf jirti."
Hojiin badaa namoota muraasaa maqaa lammileen Naajeeriyaa hunda gurraachessuu hin qabu.
Loltuu US sobaa
Shakkamtoonni maallaqa daddabarsuudhaaf namoota seeraan ala maallaqa daddabarsan fayyadamu. Kana gochuudhaanis maallaqa kallattiidhaan karaa dhaabbileen baankii dhiisanii karaa seeraan alaa daddabarsu jedhan himannichi.
Aanga'oonni kunneen shakkamtoota 80 ta'anirratti himannaawwan 252 dhiyeessaniiru.
Namoota hattoota kanaan miidhaan irra ga'ee keessaa dubartiin Jaappaan waraqaa mana murtii irratti FK jedhamtu Dolaara 200,000 hatamte.
Kanas tooftaan ittiin hatan warri waliin dha'anii saamicha taasisan kunneen akka nama maqaan isaa Kaappiteen US Terry Garcia jedhamu sobaan diyaamoondii Siiriyaa keessaa dhoksaan dabarsuu fedhuutti of fakkeessaniiti.
Dubartiin hatamte kun kaffaltaawan 35 hanga 40 kan taasifte yommuu ta'u, guyyaatti ergaan iimeelii 10 hanga 15 akka isheen maallaqa lakkoofsa herregaa US, Turkiifi UK keessatti argamu karaa nama sobaan kaappiteeniidha ofiin jedhuunakka ergitu taasifamuu LA Times gabaaseera.















