Meeksikootti wanbadoonni maallaqni lootarii nuuf haa kennamu jechuun gaafatan

Madda suuraa, Barcroft Media
Meeksikoo kibbaatti oolmaan daa'immanii lootarii mo'achuu hordofee, maatiiwwan wanbadootaan doorsifamaa jirra jechuun himatan.
Olmaan daa'immanii kun lootariin Peesoo miiliyoona 20 ykn doolaara Ameerikaa kuma 950tu baheef.
Maallaqni eddoon olmaa daa'imman 20 ol ta'e kunis maatiin akka bulfamu murtaa'e.
Haata'u malee erga oolmaan daa'immanii sun lootaricha mo'achuunsaa dhagahamee kaasee gareen hidhattootaa maatiiwwaniitti doorsiisa erguu eegalan.
Hidhattoonnis maallaqa lootarii sanaan meeshaan waraanaa nuuf haa bitamu jedhu.
Maatiiwwanis sababii dorsiisa kanaatiin mana jireenyaasaanii gadhiisuun baqachuufi jireenyi itti baduu himan.
Biyya Meeksiikootti haleellaan garee wanbadeen qaqqabu kan haalaan babla'ate wayita tahu, gareeleen kun namoota nagaa mindeessuun bakka tokko to'achuuf lola cimaa gaggeessu.
Tikkeetii peesoo 500 kan lootariin 'Plane Lottery' jedhamee beekamu kanas namni bituun, oolmaa daa'immanii fi manneen barnootaa humna maallaqaa hinqabneef bitee kennuu maqaansaa hin eeramu.
Maqaan namoota lootarii kana moo'atanii 100 ifa kan taasifame Fulbaana darbe keessa ture.
Kanneen carrooman keessaa tokkoo oolmaa daa'iimmanii ganda Okosiingoo keessatti argamudha.
Maatiiwwan oduu kana dhagahanis jalqaba gammachuun machaa'anillee, booda keessa garuu osoo lootarichi nu bahuu baatee jechuu hin oolle.
Miseensi waldaa maatii akka jedhaniitti, gare Loos Peetuls jedhamu irraa dorsiisni isaan qaqqabaa jiraachuufi garichis maallaqa lootarii sanaan bittaa meeshaa waraanaatiif oolfachuuf kan gaafate ta'uu himan.
Garee hidhattootaa kunis maallaqa kanaan meeshaa waraanaa bitachuuf kan gaafatu, gareewwan mormitootaa mandara ollaa keessatti argaman irratti haleellaa raawwachuuf jedhame.
Ta'us maatiiwwwan gaaffii garee kanaa diduun baaxiin oolmaa daa'immanii akka geeddaramuuf murteessan.
Kana malees Peessoo miiliyoona 14 kan hafe ammoo fedhii bu'uuraalee gandasaanii ittiin guutuuf yaaduu dhagahusaatti garee kun dorsiisa isaa kan itti cimse.
Bitooteessa darbe hidhattoonni maallaqa fiddu malee jechuun maanguddoo tokko rasaasaan rukutan.
Kana malees sababii haleellaa garee hidhattootaa kunneen baatii darbe keessa daa'immaniifi dubartoota irraan qaqqabsiisaniin maatiiwwan 28 naannicha gadhiisuun bahaniiru.
Miseensi waldaa maatii tokko qabeenyaa fi beeyladni miseensoota gandichaa irra caalaan gareedhuma kanaan jalaa saamamuu dubbatan.
Dubbii himaan maatii dhimma kana qondaaltoota mootummaatti beeksisuu fi gareewwan hanga meeshaa hin hiikkanneetti gara iddoo jireenyaa isaaniitti akka hindeebine himan.














