Masriitti gumaachi kaardii bilbilaa saantima 0.50, doolaara miiliyoona 1 argamsiise

A mobile phone top-up card worth 10 Egyptian pounds that was donated to the Mersal Foundation in Egypt

Madda suuraa, Heba Rashed

Ibsa waa'ee suuraa, Shamarreen kun maallaqa hin qabu garuu kaardii bilbilaa paawundii masrii 10 nan kenna jette

Duulli gumaacha funaanuu interneeta irratti dhaabbata gargaarsa xiqqoo Masirii keessa jiruuf eegalame, sababa gumaacha shamarree tokkoon waan guddaatti geeddarameera.

Duulli gumaachaa kun kan eegale Dilbata baatiin Ramadaan xumuramuu isaa sa’aatii muraasa durseeti.

“Daa’imman yeroo isaanii malee dhalatan akka kunuunsitaniif gumaacha taasisuun barbaada, garuu maallaqa hin qabu. Kaardii bilbilaa hin fayyadamne qaba, isa gumaachuun fedha,” jedha ergaan barreeffamaa shamarreen eenyummaa ishee hin ibsine Dhabbata Mersaal, kan lammilee Masirii tajaajila fayyaa isaanii kaffaluu hin dandeenye gargaarutti ergame.

Shamarreen kun lakkoofsa kaardichaa, kan doolaara saantima 0.54 of keessaa qabu gumaachuun, namni kaardii guuttachuu barbaadu dhaabbata gargaarsaa kanaaf maallaqasaa kennuu danda’a jette.

Heba Rasheed, hundeessituu fi hooggantuun dhaabbata gargaarsichaa, kaardii bilbilaa kana caalbaasiif dhiyeessuun interneeta irratti maxxansituun, dhaabbileen gurguddoo duula gumaachaa kana irratti akka hirmaataniif gaafatte.

Gumaachi taasifamuu eegalee, duulli kun miidiyaa hawaasummaa irratti qalbii biyyatti guutuu hawwachuu eegale. Intarneeta irratti dhaadannoon "The_Most_Expensive_Top-up_Card_In_Egypt" (kaardii bilbilaa qaalii Masirii) kan jedhu baayyachuu eegale.

Akka dhabbileen gargaarsaa Masirii kaanii utuu hin taane, Dhaabbati Mersaal hojii isaa beeksisuuf miidiyaa hawaasummaa qofa fayyadama, akkasumas beeksisaaf hin kaffalu.

Duulli gargaarsaa kun beekkamtii argachuu kan deeme, yeroo dhaabbati bilbilaa Vodaafone Egypt, hanga maallaqa gargaarsa dhuma guyyichaatti sassaabamee, akka kennu erga waadaa seenee boodadha.

Duulli kun guyyaa tokko qofa keessatti gara doolaara miiliyoona 1 akka sassaabe tilmaamama.

“Gumaachi kun yemmuu akkaawuntii Mersaal seene argu baayyeen gammade. Shamarreen kun maallaqa xiqqoo gumaachitus akka isheen gammaddun barbaade,” jechuun Rasheed BBC’tti himteetti.

“Caalbaasiin kun tarii doolaara kuma muraasa argamsiise jedheen eege ture, bu’aan isaa garuu bayyee nama ajaa’ibsiisa.”

Rashaad maallaqa kana fayyadamuun siree wal’aansaa daa’imman yeroo malee dhalatanii (incubators) haaraa 17 bituufi biyyattii keessatti wiirtulee haaraa banuuf karoorfatteetti.

Biyyattii keessatti bara 2020’tti waligalaan daa’imman 1,000 dhalatan hunda keessa 17 akka du’an qoronnanoon ni ibsa. Bata darbe Dhaabbati Mersaal daa’imman 962 guyyaa 10,130 inkubeetarii kana keessa akka turaniif kaffaleera, kaffaltiin daa’ima tokko guyyaatti doolara 140 ture.

Dhaabbati Mersaal magaalaa guddittii Kaayiroo keessaa waajjira afur, magaalaa Aleksaandariyaa keessaa ammo waajjira tokko qaba, akkasumas hojjetoota 200 ta’an qaba. Yeroo weerara koronaavaayirasiitti, dhukkubsattoota hospitaala mootummaa keessatti wal’aansa addaa argachuu hin dandeenye wal’aanu keessatti ga’ee guddaa qaba.

Duulli gargaarsa walitti qabuu Rasheed milkaa’ina qabaatus, beekkamtiin dhaabbati Merseel interneeta irratti qabu angaa’ota Masirii kan aarse fakkaata. Qaamolee dhimichi ilaallatu irraa “eyyama dursaa” utuu hin argatiin interneeta irratti duula maallaqa walitti qabuu dhorkaniiru.

Waggootii dhiyoo keessatti Masiriin dhaabbilee miti mootummaa (NGO) irratti tarkaanfii fudhachaa turteetti.

Hojjettoonni NGO sochiii Muslim Brotherhood dhorkamaa ta’e waliin hidhata qabaachuun himatamaniiru ykn fakkii biyyattii biyyoota alaatti balleessuun himatamaniiru.

Kanneen himataman keessa gariin hidhaa jiru, kaan ammoo qabeenyi isaani qabameera ykn akka biyyaa hin baaneef dhorkamaniiru.

Anga’oonni duulli interneeta irratti maallaqa walitti qabuu, gartuulee shororkeessituun qisaaseeffamuu danda’a sodaa jedhu akka qaban ibsu.