Dubartii fooldara 'imeelii hin barbaadamnee' keessaa lootarii doolaara mil. 3 argatte

Looraa Ispiirs badhaasa lootarii argatte waliin

Madda suuraa, Michigan Lottery

Ibsa waa'ee suuraa, Looraa Ispiirs badhaasa lootarii argatte waliin

Dubartiin Ameerikaa abbaa warraa ishee waliin wal hiiktee jiraattu imeelii ishii keessaa tasa carraa lotarii doolaara miliyoona 3 injifachuu ishee barte.

'Gaafa nama badhaasu, badaas nama hin dhamaasu' akka jedhan dubbiin.

Dubartiin ganna 55, Looraa Ispiirs, tikkeettii lootarii abbaa doolaara miliyoona hedduu onlaayinii ykn intarneetii gubbaatti bittee turte.

"Guyyoota muraasa booda, ergaa imeelii namni tokko naaf ergee na jalaa bade barbaachan fooldara 'imeeliin hin barbaadamne' (junk or spam folder) mil'adhe" jetti.

"Yeroos ture imeelii dhaabbata lootarii irraa ergaa naaf ergame kan injifatteetta jedhu kanan arge."

"Waanan dubbisaa ture amanuu hin dandeenyen ture. Imeelii keessaa baheen akkawontii lootarii koo banee ergaan sun dhugaa ta'uu isaa mirkaneeffadhe" jetti. Injifachuu ishee "rifaasisaa" ture jettee ibsiti.

Amma booda soorama bahuu fi imeelii jala buutee hordofuuf akka murteessite himti.

"Ergaan Lootarii Michigaan irraa naaf ergamu gara fooldara 'imeelii hin barbaadamnee' akka hin deemne, tarree imeelii barbaadamanii jala galcheera. Maaltu beeka imeeliin badhaasa kana caala guddaa yoo na qaqqaba ta'e," jetti.

Badhaasni lootarii guddichi kan akka Looraa Ispiirs injifatte kanaa, isteetiiwwan Ameerikaa 45 keessatti doolaara lama qofaan gurgurama.

Bara 2018 Kibba Kaarolaayinaatti namni tokko doolaara biliyoona 1.6 injifachuun rikoordii olaanaa galmeessee ture.