Jaalalleewwan lootarii paawondii miiliyoona 184 mo'achun riikardii haaraa galmeessa

Madda suuraa, PA Media
Lootarii UK isa guddicha paawondii miiliyoona 184 kan mo'atan jaalalleewwan Gilooseester akka ta'an barame.
Joo fi Jees Tiwaat torbee darbe looterii rikoordii cabseeru paawondii 184,262,899 mo'achuun- weelistuu Adeel irra durreeyyii ta'aniiru.
Adde Jees, umurii ganna 44, abba warraa ishee umurii kan ganna 49 waliin, ijoollee lama kan qaban yoo ta'u, injifannoon kun "yeroo jiraachuuf abjoochuu" dandeenyu nuuf kenneera jedhu.
Rikoordii kanaan duraa kan qabatee ture, injifataa eenyummaan isaa hin beekamneen kan paawondii miiliyoona 170 Onkololeessa 2019 keessa injifatedha.
Kamisa irratti sagantaa TV irratti yommuu dhiyaate Obbo Tiwiit hojii idilee isaa gadhiisuu isaa mirkaneesseera.
Haadhi warraan isaas mana rifeensaa obboleettii ishee waliin hoggantu gadhiisuuf "yaadaa" jirti.
Obbo Tiwaat lootericha injifachuu isaa kan bare Kibxata darbe ganama bariin yeroo saree isa gadi baasuuf hirribaa ka'edha.
Yeroo maallaqa hagamii akka mo'ate arge "waanan godhun wallaale" jedha.
"Deebi'ee rafuu hin dandeenye, Jeesiin dammaqsuu hin barbaanne kanaaf saatii dheeraa waan fakkaatuuf calliseeman gadi ciise," jedha.
"Daangaa maallaqaa malee manneen bitachuu danda'u ilaaluun eegale, kun ammoo waan addaadha."
Yeroo haati warraa isaa hirribarraa dammaqatu, Obbo Tiwaat "Iccitii qaba, waanan sitti himu qaba," jedheeni.
Aadde Tiwaat mirri jalqabaa ishee amanuu dhisuu akka ta'e himuun, guyyaa idilee ishee itti fuftee sana booda qondaala Looterii Biyyaalessaa irraa injifannoo isaanii mirkaneessani.
Jaalalleewwan kun akka jedhanitti injifannoon kun, "yeroo itti wantoota adda adda waliin godhaniifi maatii fi hiriyyoota isaaniif yeroo bashanaanaa akka qabaataniif," nu gargaara jedhu.
Joo fi Jeen Tiwaat waggootii 11'f bultoo waliin ijaarratanii jiru.
Waliin ijoollee mana barnoota sadarkaa tokkoffaa keessa jiran lama kan qaban yoo ta'u, Joo ammoo gaa'ela isaa duraa irraa ijjoollee sadarkaa yunivarsitiirra jiran lama qaba.
Aadde Tiwaat: "Ijoolleen keenya lamaan yeroo hunda wa'ee gara Hawaa'ii deemuu ni odeessu, maaliif akka ta'e hin beeku garuu amma hawwiin kun dhugaa ta'u danda'a."
"Yeroo hawwiin isaanii dhugaa ta'u fuula isaanii arguuniyyu, maallaqa kamirra caala."
Aadde Tiwaat abbaan ishee wagga dheeraaf Looterii Biyyaalessa akka taphatu ibsuun, boodarra yemmuu inni wagga torba dura boqote abbaan warraa ishee shaakala kana itti fufuu isaa ibsiteetti.
Abbaan ishee du'uu isaa dura "yeroo hunda yoo looterii mo'attan maal gootu jedhee nu gaafata ture" jetteetti.
"Haasaa idilee ture, waan inni nu qopheessaa ture natti fakkaata," jetti.
Maallaqi kun mana dhiyeenya jaalalleewan kun bitatan irratti haromsaa barbaachisu akka hojjetaniif isaan gargaara.
Aadde Tiwaar mana kana kan bitan ijoollee isaaniif "jireenya baadiyyaa" kennuufi akka ta'ee fi saroota sadii, lukkuu shan, lootu lamaa fi Fardeen sadan isaani wajjiin keessa jiraachuuf karoorsanii turani.
"yeroo hunda ijoolleen yeroo hirribaa dammaqan gadi ba'anii akka Fardeen isaani sooranii nan fedha ture, amma kana asitti gochuu danda'u."
"Baaxiin manichaa dhimmisuun isaa fi haroomsa barbaaduun isaa rakkoo hin qabu ture, jireenya nuti maatii keenyaaf hawwinu waan tureefi."













