'Addunyaan Chaayinaa barbaaddi' jedhan Shiin marsaa sadaffaa pirezidantii ta'uu yoo ibsan

Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing marsaa sadeessoof pireezidantii biyyattii ta'uu fi garee hooggansa isaanii olaanoo yoo beeksisan ''addunyaan Chaayinaa barbaaddi'' jedhan.
Haasaa miidiyaaf godhaniin Shiin namoota ijoo mootummaa isaanii cinaa jiran beeksisuun cinatti diinagdee addunyaarraa qollifaa jirtii wayita jedhamutti egereen Chaayinaa garam akka imalu akeekaniiru.
Chaayinaan addunyaan adda cittee hin guddattu, addunyaanis Chaayinaa feeti'' jedhan.
''Waggoota 40'f duula walirraa hin cinne rifoormii fi diinagdee banaa gochuuf godhameen dinqiiwwan lama galmaahaniiru- guddina diinagdee saffisaafi tasgabbii hawaasaa yeroo dheeraa.''
Dhaabni isaanii amantaa irraa qabaachuuf galata kan dhiyeessan Shiin, biyyattiin galma hawaasa badhaadhe horachuuf qabattee milkeessiteetti jedhan.
Fuulduratti ammoo kaayyoon qaban Chaayinaa gama hundaan biyya sooshaalistii ammayyaa gochuu ta'uu dubbatan. Kanaafis amantaa guddaan horatameera jedhan.
Paartiin Koministii Chaayinaa yaa'ii isaa Sanbata kan xumure yeroo ta'u Shiin dura taa'aa akka ta'u murteessuu isaatiin marsaa sadaffaaf pireezidantii biyyattii ta'uun bulchuuf hiree argatan.
Shiin miseensota koree mootummaa isaanii keessatti aangoo olaanaa qabanii torba ifa godhan keessatti Ministirri Muummee duraanii Kee Kiyaang kaafamanii Lii Kiyaangiin bakka buufamaniiru.
''Koreen koo haaraan warruma beekamaniidha'' jechuunis miidiyaaleetti dubbatan.
Koreen namoota torbaa kun hunduu dhiira, umriin ganna 60 olidha. Koree 'politburo' jedhamu kan koreelee dhaabbii hooggananiifi miseensa 25 qabu keessattis dubartiin tokko hin jirtu.
Shiin jalqaba hoogganaa paartii biyya bulchuu ta'uun filatamanii carraa pireezidantummaa kan argatan bara 2012 ture. Yerosis kayyoon isaanii Chaayinaa biyya jabduufi humna qabeettii gochuu akka ta'e dubbatanii turan.
Shiin Pirezidantii biyyattii ta'uun cinaatti ajajaa humna waraanaa biyyattii, Waraana Bilisummaa Uummata Chaayinaatis ta'aniiru.












