Dureewwan Ortodoksii Tigraay Ephis Qophoosota jaha muuduu beeksisan

Adeemsa filannoofi muudama dureewwan Tigraay ibsan Qul. Sinodoosii Mana Kiristaanaa beekamtii hin kennineef

Madda suuraa, Tigrai Television

Ibsa waa'ee suuraa, Adeemsa filannoofi muudama dureewwan Tigraay ibsan Qul. Sinodoosii Mana Kiristaanaa beekamtii akka hin kennineef ibsiteetti

Dureewwan Ortodoksii Tawaahidoo Naannoo Tigraay keessatti argaman abboota amantaa kudhan kana dura filan keessaa Ephis Qophosoota jaha muuduu beeksisan.

Itoophiyaa keessa hordoftoota hedduu kan qabdu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa adeemsa kana dursitee balaaleeffatte.

Sagantaa ALI Adoolessa 16, 2015 Bataskaana Aksum Tsihoon taasifameen dureewwan muudaman jedhaman Naannoo Tigraay, akkasumas biyya alaatti akka tajaajilan ibsameera.

Dureewwan Tigraay dhimma waraanaan walqabateen Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa waliin dhibdee seenan, mana kiristaanichaa irraa adda bahuun caasaa bulchiinsaa haaraa hundeessaniiru.

Caasaa ‘‘Manbara Salaamaa Kassaate Birihaan’’ jedhuun hundeessan Manni Kiristaanatti beekamtii akka hin kennineef ibsiteetti.

Taatullee dureewwan Tigraay yaada kana akka hin fudhanne ibsaniiru.

Qaamni olaanaa bataskaanichaa, Qulqulluun Sinodoosii mana Kiristaanichaa muudama kennama jedhame kana dursee adeemsichi ‘’qanoonaafi seera bataskaanichaa kan diigu’’ ta’u ibsiteetti.

Filannoon ''seera bataskaanaa kan hin kabajne, giddugaleessummaa bataskaanaa kan sarbu fi tokkummaa mana amantittii kan hubuudha,'' jechuun adeemsa kanarra dhorkaa kaa'uu ibsite.

Sagantaa filannoo dureewwan amantaa gaggeeffama jedhame duras mootummaan federaalaa akkasumas bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay gidduu akka seenu gaafatteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dureewwan amantaa ni muudamu jedhamanii gabaafame keessaa tokko bulchaa Bataskaana Qul. Maariyaam Awustiraaliyaatti argamtu kan turan Abbaa Sarqabirahaan W/Saamu’elidha.

Dureen amantaa kuni Awustiraaliyaa irraa gara Maqalee imaluuf yeroo buufata xiyyaaraa Boolee Finfinnee jiru gahan akka hin imalle dhorkamuu BBC’tti himanii turan.

Eegasii gara Hindiitti deebifamuutu gabaafame.

Manni Kiristaanaa muudama dureewwan Tigraay gaggeessine jedhan irratti ibsa baaste hin qabdu.

Ta’us, ibsa ALI Adoolessa 11,2015 baasten ‘’tokkummaa biyyaafi birmadummaa kan jeequ, jeequmsa biyyaaf kan hordofsiisu’’ jechuun ibsite.

Dabalataan, adeemsi nagaa akkuma jiranitti ta’e adeemsa seeraa hordofuun ‘’mirgaafi faayidaa Kiristaanichaa akka kabachiisu,’’ qajeelfamni akka itti kennamu murtee dabarsuu beeksisteetti.

Dhimma kana ilaalchisee Barreessaa Olaanaa Mana Lubummaa Mambara Salaamaa kan jedhaman Tasfaayee Hadaraa ''nuyi seera qabeessa.

''Isaan (Qul. Sinodoosii) seera qabeessummaa keenya gaafatan eenyu? Isaan seera qabeessaa,'' jechuun deebii kennuu Tv’n Naannoo Tigraay gabaaseera.

Waggaa baranaa Manni Kiristaanaa Tawaahidoo Itoophiyaa qormaata keessa seenteetti.

Amajjii darbe dureewwan amantaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman Ephis Qophosoota muudu isaanii ibsuun walqabatee muddamiifi hookkari ka’ee ture.

Waldhibdeen kuni boodarra marii taasifameen waliigalteerra gahamuu ibsamuus garaagarummaan biraa dureewwan Naannoo Tigraay irraa dhagahameera.

Manni Kiristaanaa ALI Adoolessa 09, 2015 Ephis qophosota sagal Finfinneetti yeroo muuddu, dureewwan Tigraay filaa turuu beeksisan

Madda suuraa, EOTC

Ibsa waa'ee suuraa, Manni Kiristaanaa ALI Adoolessa 09, 2015 Ephis qophosota sagal Finfinneetti yeroo muuddu, dureewwan Tigraay filaa turuu beeksisan

Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanichaa Abuuna Maatiyaas ‘’Barmaati ofumaan of muuduu dhaabsifamuu qaba,’’ jechuun mariin akka furamuufi kan miidhames akka kiisamu torba dura dhaamanii turan.

''Kanaan ala badiirratti badiin raawwatee gocha egeree bataskaanichaa qoru dhaabsisuu qabna,’’ jechuun akeekkachiisan.

Manni Kiristaanaa hariiroo dureewwan amantaa Tigraay jiran waliin furuuf yeroo adda addaatti sochii taasisuu ibsiti.

Jilli Abuuna Maatiyaasiin durfame ALI Adoolessa 03, 2015 gara magaalaa guddoo naannichaa Maqalee imaluus dureewwan amantaa hin arganne.

Dureewwan amantaa naannichaa garuu ''waa'ee marii xalayaan nu bira gahe hin jiru,'' jechuun ibsaniiru.

Dureewwan amantaa Naannoo Tigraay waraana naannicha keessatti adeemsifame Manni Kiristaanaa maallaqaafi meeshaa deeggarteetti jechuun himatu.

Dureewwan amantaa, hordoftoota akkasumas manneen Kiristaanaa naannicha keessa argaman irratti miidhaan yeroo gahu callisteetti jechuun komatu.

Qaamni Olaanaa Mana Kiristaanichaa yeroo waraanaa manni Kiristaanattii eegumsa barbaachisu gochuu dhabuun ''dhiifama'' gaafachuu ibseera.

Taatullee dureewwan Naannoo Tigraay ''gaha miti'' jedhanii akka amanan dureen kana dura BBC’n dubbise himuun isaanii ni yaadatama.

Waraanaan wal-qabatee Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaafi dureewwan amantii Ortodokisii Tigraay jiran gidduu hariiroon hammaate ammallee hin furamiin jira.

Waraanni Tigraayirraa ka'ee Naannoo Amaaraafi Afaar gahe baatii sagal dura xumura argachuun isaa ni yaadatama.