Qul. Sinodoosii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ummata Tigraay dhiifama gaafate

Dureewwan Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa

Madda suuraa, EOTC Broadcasting

Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waraana Naannoo Tigraay keessa adeemeen walqabatee itti gaafatama ofii bahuu dhabuu ibsuun dhiifama gaafate.

Yaa’ii qaamni olaanaa mana Kiristaanichaa guyyoota muraasa darban adeemsisaa ture yeroo Kamisa xumureetti ibsa kenneen kana jedhe.

Yeroo waraana kaaba Itoophiyaa waa’ee nageenya abbootii amantiifi hordoftoota ilaalchisuun waan barbaachisu gochuu dhabuun dhiifama gaafachuutu ibsame.

Waraanni waggaa lamaaf Tigraayiitti ka’ee Affaariifi Amaaraa dhaqqabee ture jalqaba waggaa kanaa waliigalteen nagaa mallattaa’uu hordofee tasgabbaa'eera.

Haa ta’u malee, dureewwan Ortodoksii Tigraay Manni Kiristaanaa Ortodoksii waan irraa eegamu hin goone jechuun durumaa mufii fi komii ibsaa turan.

Haaluma kanaanis, dureewwan Ortodoksii naannichaa Qulqulluu Sinodosii Ortodoksiin alatti Mana Lubummaa ofii hundeessuuf murteessuu ibsaniiru.

Paphaasota akka muudanis ibsanii ture.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa dhibdeen akka furamuf irra deddeebbiin carraaqaafi waamichas gochaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qulqulluun Sinodoosii ibsa baasen sababa dhiifama gaafateef akkanaan ibse:

‘’Waraanni akka dhaabatu yeroon ibsa baasuu dhabuun,’’ akkasumas yeroo waraanichaa dureewwan amantaafi ummata hunda ‘’qaaman argamtee jajjabeessuu dhabuun’’ dhiifama gaafatte.

Ibsi bahe manni kiristaanattii eeguma nagaan bu’ee deeggarsa namoomaa Qulqulluu Sinodoosiin hundaa’e yeroon ummata bira akka hin geessine ibse.

‘’Kanarraa kan ka’e Mana Kiristaanaafi ummata Tigraay gidduu komiifi waldhibdee uumameen Qulqulluun Sinodoosii ifatti dhiifama gaafateera,’’ jedhe.

Gaaffiin dhiifamaa kuni kan dhagahame abbootiin amantaa rakkoo uumame mariin furuuf torban dhufu gara Tigraay akka imalan erga ibsamee boodadha.

Naannoo Tigraay keessa manneen amantaa umrii dheeraa qabaniifi hordoftoonni amantichaa hedduu argamu.

Sababa waraana adeemaa tureen dureewwan amantaa akkasumas manneen amantaa irratti miidhaan olaanaa dhaqqabuu dureewwan Ortodoksii Tigraay ibsaa turan.

Manni Kiristaanaa ummataaf dhaqqabuu ibsituus kana dura yeroo waraanni adeemaa ture Paatiriyaarkiin Ortodoksii Itoophiyaa Abuuna Phaawuloos miidhaa waraanichaa ibsaa turan.

Yeroo tokkoos ibsa baasuuf akka dhowwoman qeequun isaanii ni yaadatama.