Qul. Sinodoosii Ortodoksii Oromiyaaf dabalatee Ephis Qophoosota sagal filate

Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Phaawuloos

Madda suuraa, Waldaa Qulqullootaa

Ibsa waa'ee suuraa, Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Phaawuloos

Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kutaawwan lallaba biyyaa Naannoo Oromiyaafi Kibbaaf Ephis Qophosoota sagal filachuu ibse.

Yaa’ii Sinodoosiin Ortodoksii guyyaa har’aa ALI Waxabajjii 28, 2015 taasiseen, dureewwan amantaa haaraa filachuu kan beeksise.

Kunneen kutaawwan lallabaa dureewwan amantaan akka dabalataatti qabamanitti akkasumas rakkoon qunnameera jedhamaniitti muudamu jedhame.

Filannoon kun Yaa'ii Waliigalaa Qul. Sinodoosii baatii Caamsaa keessa raawwateefi koreen dhimma kana hordofu hundaa'e bu'uura godhachuun kan raawwatedha.

Akka Manni Kiristaanaa ibsiteetti, dureewwan amantaa 18 dhihaatan keessaa kanneen sagalee caalmaa argataniitu filatame.

Manni Kiristaanaa tarree maqaa, kutaa lallabaa itti dorgomaniifi sagalee dureewwan amantaa argatan ifa gooteetti.

Dureewwan kunneen Oromiyaa keessa Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Bunnoo Beddellee, Arsii Lixaafi Harargee Bahaatiif filatamuun kan ibsame.

Kanneen hafan Dirree Dhawaa, Gede’oo akkasumas Daawuroo Kontaaf kan filatamanidha.

Sirni muudamaa Eephis Qophosoota filaman kun ALI Adoolessa 09, 2015 Paatiriyaarkii mana Kiristaanichaa Abuuna Phaawuloosiin raawwatama jedhameera.

Kanneen amma filaman saglan keessattis phaaphaasota 26 kanaan dura beekamtii Mana Kiristaanaa malee muudan jedhamuun wal dhabdee kaasee ture keessaa akka keessatti argaman ibsameera.

Akkamiin filaman?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Manni Kiristaanaa ibsiteetti, koreen dureewwan amantaadhaan hundaa’e ulaagaa Sinodoosiin dhaabbii lafa kaa’e bu’uura gochuun dureewwan amantaa 18 dhiheesse.

Koreen filachiiftuu kana keessattis Abuuna Ermiyaas, Abuuna Hiriyaaqos akkasumas Abuuna Saawiroos ni argamu.

Dureewwan amantaa dorgoman kutaa lallaba biyyaa ramadamanitti akka dorgomaniifi seenaan isaanii akka dhihaatu taasifamu ibsameera.

Eegasii Yaa’ii Qulqulluu Sinodoosii irratti sagaleen itti kennamee filatamuu Manni Kiristaanaa ibsiteetti.

Baatii Amajjii darbe dureewwan amantaa Manni Kiristaanaa beekamtii kiyyaan ala raawwate jetteen phaaphaasoti 26 muuduu ibsamuun isaa muddamaafi madda waldhibdee ta'ee ture.

Abuuna Saawuroos fa’i ummanni afaan isaatiin haala gahaa ta’en tajaajilamaa hin jiru, wiirtuuwwan Afaan Oromoon barsiisan akka cimaniifi kaan irratti gaaffii kaasan.

Akkasumas Qulqulluun Sinodoosii ''hunda-galeessa'' miti jechuun himatan. Manni Kiristaanaa himannaa kana ni waakkatte.

Muddama turenisn lubbuun lammiilees yoo darbu, kanneen dhibbaan lakkaa'amanis hidhaa bu'uu manni kiristaanaa yeroos ibsitee turte.

Eegasii mariidhaan waliigalteerra gahamuu erga ibsamee booda, Qulqulluun Sinodoosii baatii Caamsaa keessa dhimmicha akka ilaalu ibsamee ture.

Akkaatuma kanaan Yaa'iin Waliigalaa Qulqulluu Sinodoosii Itoophiyaa baatii Caamsaa keessa taasifame Ephis Qophosoota sagal filuufi muuduuf waliigalteerra gahuu ibsamee ture.

Yeroos Hangafni Phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Kibba Lixaa Abuuna Saawiroos BBC'tti akka himanitti, Oromiyaa irraa phaaphaasonni torba, Naannoo Kibbaa irraa namoonni lama akka muudaman waliigaluun korichi xumurame.

Yaa'ii yeroosii irratti dhimmi ijoo ta'e dhimma muudama Ephis Qophosootaa yeroo ta'u, koreen kana ilaalu hundaa'ee yaa'iin xumuramuu ibsame.

Isa hordofee ture guyyaa har'aa dureewwan amantaa filataman kan ibsaman.

Kolleejjonni dhimma amantaa barsiisan Afaan Oromoon akka banamanii fi meeshaaleen barnootaa Afaan Oromootti hiikamuun qophaa’uu qabu jedhamuun gaaffii kana dura dhiyaachaa ture ilaalchisee, qorannoon gaggeeffamee ALI Onkoloolessa bara 2016 keessa akka dhiyaatu Caamsaa keessa waliigaluun ibsamee ture.