Itoophiyaatti daangaan dhaabbileen amantaafi mootummaa gidduu ture maal fakkaata, amma hoo?

Lammileen Itoophiyaa amantaawwan garaa garaa waliin hidhata akka qaban himama.
Hariiroon amantaa waliin qaban kunis jireenya idileesaanii keessatti ifatti mul’ata.
Hanga bulchiinsi mootii Haayilasillaasee kufutti mootummoonni turan amantaa waliin, keessattuu Bataskaana Ortodoksii waliin hidhata cimaa qabu turan.
Mootummaan Dargii fi ADWUI garuu seeraan amantirraa adda of baasan illeen, karaa tokkoonis ta'e kan biraatiin amantii keessa yoo galan ykn amantiiwwan isaan irratti dhiibbaa uumaa turan.
Kaanaadaa Kaalgaaritti qorataa fi barsiisaa kan ta’an Pirofesar Geetaachoo Asaffaa, Itoophiyaatti mootummaa fi amantiin gargari kan jedhame qabatamaan hojiirra akka hin oolle dubbatu.
''Dhugaatti bara Dargii irraa kaasee mootummaa fi amantiin seeraan adda bahaniiru. Qabatamaatti garuu hin jiru,’’ jedhu.
Osoo Heera mootummaa keessatti hin hammatamiin dura, mootummaafi amantaan wal makuu qofaa osoo hin taane, waliif tumsaa wal gargaaraa turuusaanii eeran.
''Keessattuu bataskaanni Ortodoksii lafa bal’aa qabachuun, hanga gibira sassaabuu kan geessee turte. Seenaa mootii waliin hojjataa turte argina. Batasikaanittiifi mootummaan walitti dhufeenya bara dheeraa qabu turan,'' jedhu Pirofesar Geetaachoon.
Sirnoonni Itoophiyaa keessa turan bara aangoosaanii dheereffachuuf jecha dhaabbilee amantaa to’achuuf, tarsimoowwan garaa garaatti akka gargaaraman Daarektarri Olaanaan dhaabbata Mirga Namoomaa Itoophiyaa Obbo Yaared Hayilamaaram himan.
Obbo Yaared kanaafis sababoota lama dhiyeessaniiru.
''Caasaaleen hordoftoota miliyoonaan lakkaa’aman qaban dhaabbilee amantii qofadha. Isaan kanneen hordofuun caasaalee xixiqqaatti kan dhufan. Sababni lammaffaan ammoo ummanni 'amantiin cimsu jiraachusaati,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababa kanaaf dhaabbilee amantii qabachuun olaantummaa siyaasaa argachuuf ni fayyada kan jedhan Obbo Yaareed, akkasumas dhaabbileen amantaa to’annoo mootummaan ala ta'uun gochoota badaa kan balaaleffatan yoo ta’e ammoo, ''bulchiinsi badaadha jedhamu dhabamu mala,'' jedhan.
Yunivarsitii Finifinneetti barsiisaa sirna federaalizimiifi bulchiinsaa kan ta'an Dr Tasfaaye Jimaa, yaada lamaaniinu waliigalu.
Heerri Itoophiyaa akka jedhuutti, amantiin siyaasarraa, siyaasnis amantiirraa bilisa. Garuu kun hin taanee jechuun BBCtti himan Dr Tasfaayeen.
Hariiroon mootummaa fi dhaabbilee amantaa jidduu jiru kun waggoota kudhanitti lakkaa’amuuf laafee tures, garuu guutummaatti gargar hin baane.
Pirofesar Getachoon akka jedhanitti, mootummoonni Dargii fi ADWUI amantiirraa hiiquuf yaalaniiru jedhan.
''Bara Mootummaa amma bulchaa jiru keessa hoggantonni amantii dhimmoota siyaasa keessa seenaniiru, Namoonni mootummaaf hojjatan dhimmoota amantii keessaa seenan,'' jedhan.
Gartuuwwaan lamaanurraa kanneen faayidaa argachuu barbaadan jiraachuu eeruun,''wal da'eeffachuu waan barbaadaniif walitti makamuun jira,'' jedhanii amanu.
Bara sirna Mootii irraa kaasee qondaaltonnii mootummaa amma ganda baadiyyaatti dhaabbilee amantaa caaseffama qaban yoo to'atan ''waan fedhan raawwachuu akka danda'an ni beeku,'' jedhu.
Obbo Yaared akka jedhutti, dhaabbilee amantaa to'achuurra darbuun amantiiwwaan addaan qooduu, diiguu fi caasaa siyaasaa qabatanii akka ijaraaman godhameera,'' jedhan.
''Mootummaan kallattii gara garaaatiin amantii leellisa. Ka'ii sooma hiiki barana anatu qopheessaa jedha. Masqala anatu akkana godha jedha.
Qondaaltonni siyaasaa amantii keessa seenuun haala duraan ture ittuu hammeesse, amma gara walitti bu'iinsa faayidaa hin qabneef ka'umsa ta'an jedheen yaada,'' jedhan Obbo Yaared.
Pirofesar Geetachoon qondaaltonni siyaasaas dhimma amantii keessa akka seenaniifi, abbootiin amantiin dhimma siyaasaa keessa akka seenan kaasan.
''Kanneen amantaa seensa godhachuun gara siyaasatti seenan jiru. Kan biraammoo mootummaan qondaaltotasaa amantii keessa galche,'' jedhan.
Pirofesar Geetachoon akka jedhanitti, amma amantii fi siyaasni walitti dabalame.
Amantiin siyaasa keessatti
Obbo Yaared akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti siyaasni fi amantiin walirratti dhiibbaa uumu.
''Siyaasa jeequu yoo barbaadde amantii tuquudha. Dhaabbilee amantii kana tuttuquun nageenya dhabamsiisa, siyaasa jeeqa. Walitti bu'iinsa danuuf sababa ta'a,'' jedhan.
Rakkoo bataskaana Ortodoksii keessatti dhalateen namoonni ajjeeffamaniiru, sarbamiinsi mirga namoomaa raawwatamuufi masjiinni diigamuu hordofee jeequmsa ka'uu akka fakkeenyaatti eeran.
Giddu-seentummaan akkasii gaaffiiwwan hedduun akka ka'aniifi gargaartummaan akka uumamuuf sababa ta'a jedhu.
Pirofesar Geetaachoon, abbootiin amantii mootummaatti hirkachuun waan fedhan milkeeffachuu akka danda'an amanu jedhanii qeequ.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti wayita adeemaa turetti abbootiin amantii ''raayyaa ittisa biyyaa cina hiriirra, mootummaa waliin dhaabbanna,'' jedhan akka turan kaasan. ''Ejjannoon kun kan amantii otoo hin taane, ejjannoo siyaasaati,'' jedhu.
''Amantoonni Tigiraayitti rakkanne, ajjeefamne jedhanii wayita iyyatan bataskanni Ortodoksii iyyannaasaanii hin dhageenye.
Abbootiin amantii dirree waraanaa hanga dhaquutti gahuu argine jedhan.
Siyaasni amantii keessatti
Ogeeyyiin kunillee fala barbaada jedhu. Obbo Yaared, qondaalonni mootummaa yeroo fedhan siyaasaa yeroo kaan ammoo amantii keessa seenu jedhu.
Obbo Yaared akka jedhanitti, bilisummaan dhaabbilee amantii barbaachisaadha.
''Itoophiyaatti dhaabbilee amantii tuquun kannisa gaagura keessa jiru akka tuquuti, akka dhaabbata amantii biyya biraa miti,'' jedhan.
Kanaafuu waanti seeraan ala ta'e dhaabbilee amantii keessatti yoo raawwatame mootummaan dursa himuu qaba jedhu.
''Biyyan bulcha jedhamee, waan fedhan raawwachuun, seeran alas yoo ta'e qabeenya ummataa mancaasuun hin danda'amu.
Mootummaan siyaasa tasgabbii qabu barbaadu hawaasa mariisisuu qaba, furmaanni hawaasa biraa akka maddu gochuu qaba. Bulchiinsi paartii Badhaadhinaa kana raawwachuu dadhabe natti fakkaata,'' jedhan.
Mootummaan kanarraa yoo hin baranne sirnichi balarra bu'a jedhanii akeekkachisan.
Dr Tasfaayeen ammoo waldhabbii siyaasaa fi amantii furuun kan danda'amu olaantummaa seeraa mirkaneessunii jedhu.
Mootummaan dhimma amantii keessa seenee uummata jeequ hin qabu, dhaabbileen amantiis siyaasa keessa akka hin seenne mootummaan daangessuu qaba jedhu.
Wadhabbiiwwan manneen amantaa keessatti mul'atan qondaalonni mootummaa olaanoon gidduu seenanii araarsuuf wayita yaalan mul'ateera.
Pirofesar Geetachoon ''gaaffiwwan dhaabbilee amantii keessatti ka'an bu'urrisaanii amantiidhamoo siyaasa dhimma jedhu deebisuuf qorannoo bal'aa gaggeessuu barbaachisa,'' jedhu.
'Bilbiltuu akkeekkachiisaa'
Kanaadaa, Kaalgaaritti qorataa kan ta’an Pirofesar Geetachoon mootummaan dhimma amantii gidduu seenuun walitti bu'iinsi akka hammaatuf sababa ta'eera jedhu.
Kanaaf ammoo mootummaan qaamoleen nageenyaa tibbana hordoftoota amantii Islaamaa waliin walitti bu'u akka fakkeenyaatti eere.
Mootummaan ''biyyi nageenyaa fi tasgabbii otoo hin qabaatiin walitti bu'insi yeroo umamu na fayyada jedhee yoo amana ta'e, balaa cimaa hordofsiisa," jedhu Pirofesar Geetachoon.
''Amantii keessatti amantiif jecha aarsaa kaffaluuf bakka guddaan akka laatamuuf'' kan eeran Pirofesar Geetachoon, mootummaan amantii da'eeffachuun fedha siyaasa ofii guuttachuuf yaalu dhiisuu qaba jedhu.
Abbootin amantiis amantii da'eeffatanii siyaasa raawwachuuf yaaluu dhiisuu qabullee jedhu.
Dhaabbileen amantaa biyyattii tokko godhanii tursiisaniiru, mootummaa ykn dhaabbilee siyaasa miti jedhu Pirofesar Geetachoon.
Waggoota kudhanitti lakkaa'amaniif Itoophiyaatti hordoftoonni amantii mootummaa waliin walitti bu'aa kan turan, qondaaltonni mootummaa dhimmoota keessoo isaanii seenuu hordofeeti.
Bara bulchiinsa ADWUI gara xumuraatti hordoftoonni amantii Islaamaa bulchiinsa amantii keessa seenuu itti fufinsaan mormuu hordofee, namoonni hedduun hidhamuun ni yaadatama.
Dhiyeenyatti ammoo waldhabbii hoggantoota bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa giddutti dhalate hordofee, mootummaan waan isarraa eegamu hin raawwanne, al-kallattiin dhimmicha keessaa qooda qaba jechuun himataa turan.
Ammas naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti masjiidonni hedduu diigamuu hordofee, hordoftoonni amantiii Islaamaa mootummaan dhaabbilee amantiif eegumsa hin goone jechuun himataa jiru.
Mootummaan dhaabbilee amantaa saamicha lafaa keessaa qooda qabaachuun himata.
Saamicha lafaa seeraan ala gaggeeffamaa jirurratti tarkaanfii fudhachaa jiraachu eere.
Itti-gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa, ijaarsi seeraan alaa magaalaa Shaggar keessaa diigame amantaa bu’uura kan godhate akka hin taane eeran.
Obbo Yaared, mootummaafi amantoota giddutti shakkii fi wal-gaarreeffannaa uumamu rakkoon siyaasaa ittuu akka hammaatu, jeequmsi biraa ka'ee lubbuu namoota galaafachuu mala jedhanii yaaddaa'u.












