Taateewwan ijoo Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa keessatti mudatan maal fa’i?

Madda suuraa, Getty Images
Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti muudama phaaphaasotaa ‘sirna mana amantaa cabsuun raawwate’ booda muddamni dhalatee ture furmaata argateera.
Kanaanis abbootiin amantaa seera cabsaniiru jedhamuun Sinoodoosiin murtee ugguraa itti dabarse, aangoo lubummaa isaanii duraanitti akka deebiyan waliigalamuunis ibsameera.
Taateen torbanootaaf hordoftoota amantichaa gidduu atakaaroofi muddama dhale, lubbuun namootaas darbuufi hidhaa namoota hedduuf sababa tahe, xumura argateera.
Dhimmoonni ijoon dhiyeenya kana mudatan maal fa’i turan? Bataskaanattiin waggoota dhiyoon asitti taateewwan akkamii keessummeessite? Odeessa kanaan guduunfaa dhimmoota kanneenii ilaalla.
Taateen tibbanaa kan jalqabe wayita phaaphaasonni Oromiyaarraa tahan sadii, loogii fi hir’ina sab-daneessummaa waldattii keessa jiru irratti komii kaasuun, muudama abbootii amantaa erga raawwatanii boodadha.
Akka abbootiin amantaa kun jedhanitti "bataskaanni kun namoota saba tokkoorraa tahaniin dhuunfatamte."
Dureewwan amantaa kun tajaajilli kadhannaa fi kaanis Afaan Oromoo dabalatee afaanota biyyattii keessa jiran kaaniin akka gaggeeffamu kan gaafatan ennaa tahu, waldattiin garuu kun ammumayyuu raawwachaa jiraachuufi kan hafus itti dabaluuf hojjechaa jiraachuu himti.
Qaamni olaanoo waldaaa kanaa kan tahe Sinoodoosiin, taateen kun haleellaa tokkummaa bataskaana kanarrati raawwatedha jechuun balaaleffate.
Muudamaa fi gaaffii kana adda durummaan kan gaggeessaa turan Angafni Phaaphaasii Abuna Saawiroos, phaaphaasummaan kan muudaman 2005tti oggaa tahu, ‘Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabaa fi Sablammootaa’ jedhamus hundeessan.
Abuna Saawiroos ergaa yeroo garagaraatti dabarsaniin: “Afaan hunduu Waaqayyoo biratti walqixadha” jechuun, waldattiin garuu kanaaf kabajaa hin laanne jechuun komatu.
Siinodosiin haarayaan kun rakkoowwan afaaniifi eenyummaan walqabatanii Bataskaanattii keessa jiraniin, hordoftoonni amantichaa hedduun amanticha dhiisaa jiru jedhu.
Angafoonni phaaphaasii fi phaaphaasonni haaraa muudaman irra jireessi isaanii, Itoophiyaatti naannoo lakkoofsa uummata guddaa qabdu Oromiyaa irraati.

Madda suuraa, Sinoodoosii Oromiyaa
Balaaleffannaa Sinoodosii
Muudama abbootiin amantaa kun gaggeessan hordofee sinoodoosiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa yaa’ii ariifachiisaa taaheen, muudama beekamtii keenyaan ala raawwate jedhan kana balaaleffataniiru.
Angafoota Phaaphaasii Abuna Saawiroos, Abuna Ewosxaaxiyoos, fi Abuna Zeenaa Maarqoos dabalatee, phaaphaasota haaraya muudaman 26 irraa aangoon lubummaa mulqame.
Murtee sinoodosichaan abbootiin amantaa kun aangoo lubummaa isaanii fayyadamurraa, akkasumas qabeenya bataskaanattiitti akka dhimma hin baane ugguraman.
Kun garuu abbootiin amantaa kun karoora qabataniin, phaaphaasota muuduu fi waldoota naannoo Oromiyaa keessa jiranitti abbootii kana erguurraa isaan hin danqine.
Haasawa MM Abiy Ahimad
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taatewwan kanniin booda muuddamni hammaachaa wayita deemetti MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimma kanarratti ergaa dheeraa miidiyaalee mootummaa biyyattiirratti tamsa’e taasisan. Waldattiin rakkoo mudate mariin akka furtu dhaaman.
Kana maleen bulchaan biyyattii kun miseensonni kaabinee isaanii dhimma kana keessa harkasaanii akka hin galchines akeekkachiisan. Dabaluunis qaamoleen gama lamaan jiran haqa qabu jedhan.
“Qaamni addatti deeggerrus tahe morminu hinjiru. Lamaanuu Ortodoksoota. Gama lamaanittuu gaffiifi dhugaan jiru… Mirga uummataa; fedhii uummataa afaan ofiin fayyadamuu otoo hin ukkaamsiin furuun ni danda’ama.”
MM Abiy dabaluun: “Oromiyaa keessa Afaan Oromootiin tajaajilamuun barbaada jedhee gaaffii hordofaan amantichaa dhiyeessu, ‘siif hin kennamu’ jechuuni hin dandayu. Ana miti mirga afaan isaatiin tajaajilamuu kan goonfachiise.”
Hariiroon bulchiinsa MM Abiy fi Bataskaana hordoftoota biyyattii keessa lakkoofsaan hedduu qabdu, kana jidduu jiru, gaarii ture.
Haatahu malee waggoota dhiyoon asitti hordoftoonni amantichaa dhiibbaan nurra gaha jechuun komachuun gabaafameera.
Keessaafuu wayita waraanni Tigraay keessa adeemaa turetti, paatriyaarikin waldattii Abuna Maatiyaas, naannichatti “duguggaan sanyii” raawwatameera jechuun isaanii hordofee walitti dhufeenya isaanii addaan fageesseera.

Madda suuraa, Sinoodoosii Oromiyaa
Mormii fi taateewan ittaananii mudatan
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimmicharratti haasawa taasisan hordofee, mootummaan garee ‘seeraan alaa bataskaana gargar baasu’ kana deeggera jechuun Sinoodoosiin himate. Haasawni mummichi taasisan gariin kan doggogorsanidha jechuunis qeeqe.
Achiis Sinoodoosichi hordoftoonni amantichaa Sooma Nannawwee guyyoota sadii turuuf gurraacha uffachuun mormii isaanii akka dhageessisan waamicha taasise.
Mormii kana gidduutti angafoonni phaaphaasiifi phaaphaasonni haaraa muudaman, bataskaanota naannoo Oromiyaatti argaman keessatti ergamaa turan - bakka ramadamanittis galaa turan.
Bakkeewwan gariitti mormiin ennaa mudatu, kaanitti ammoo simannaan taasifamaafii ture.
Kana hordofee muddama dhalateen, magaalaa Shaashamanneetti yoo xiqqaate lubbuun namootaa shan darbuufi hedduunis miidhamuun, miidiyaalee bataskaanattii wajjin hidhata qabaniin gabaafameera.
Akka Bataskaanni kun jettutti abbootiin amantaa ‘seeran ala’ mudaman kunniin, wayita waldaaleetti galan, humnoota nageenyaa mootummaarraa deeggarsi taasifameeraaf.
Uggura intarneetaa, hiriiraa fi kaan
Hiriirri mormii magaalota biyyattii hedduu keessa taasifamuuf karoorfame hordofee, angawoonni biyyattii qunnamtii intarneetaa fi marsaalee hawaasaa garii irratti uggura kaa’an.
Dhaabni addunyaarra qunnamtii intarneetaa hordofu Netblocks akka himetti, ugguri kun marsaalee hawaasaa kanneen akka Facebook, Messenger, Telegram fi TikTok irra kan kaa’ame ture.
Kana gidduutti sinoodoosiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, MM Abiy Ahimad fi angawoota mootummaa Itoophiyaa biroo wajjin marii taasisan hordofee, hiriirri mormii labsamee ture haqamuun himame.
Guyyootaan boodas muddamni torbanootaaf biyyattii muddamaafi atakaaroo keessa galche, lubbuun namootaa darbuufi hidhaa namoota hedduuf sababa tahe, waliigaltee qaamota lamaaniin goolabameera.

Madda suuraa, Getty Images
Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa waggoota dhiyoo keessa
Hagayya 2018: Sinoodosiin Qulqulluu walitti deebi’e
Adda Demokraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI) 1991tti humnaan aangoo qabachuu hordofee, Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa bakka lamatti addaan hiramte.
Paatriyaark Abuna Marqooriyoos, dhiibbaa siyaasaa mootummaan yeroos biyya bulchu irra gaheen biyyaa baqatanii, biyya Ameerikaatti sinoodosii haaraa dhaaban.
Sinoodosonni lamaan barkurnee lamaa oliif hariiroon isaanii citee turuun, 2018tti wayita MM Abiy aangoo qabatan, araara buusan.
Abuna Marqooriyoos baqaa biyyatti deebi’uun, 2022tti hanga lubbuun isaanii darbu paatriyaarkii waloo tahuun tajaajilaniiru.
Hagayya 2019: ‘Mana Lubummaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa’
2019 keessa abbootiin amantaa Oromiyaa irraa tahan, bulchiinsi haaraa akka naannootti barbaachisa jechuun, ‘Mana Lubummaa Oromiyaa’ hundeessan.
Koreen Luba Balaay Makonnin gaggeessan kun, hordoftoonni amantichaa bulchiinsi kanarra fooyya’aa taheefi afaan isaaniin tajaajilamuun isaaniif mala jechuun ture kan murtee kana fudhatan.
Luba Balaay wayita san BBCtti waan himan: "Kaayyoon keenya Oromoon mana amantaa kana keessatti of ilaaluu qabaadha. Aadaasaa, duudhaasaafi afaansaa dabalatee jechuudha. Kan amma duraa 'simaabaloodha’”.
Kana hordofees sinoodoosiin abbootii amantaa kana seeraan ala jechuun labse - Bataskaanaafi biyyattiis qoqqooduuf yaalan jechuun himate.
Boodarras qaamoleen lamaan waliigaluun araara buusan.

Madda suuraa, Getty Images
Fulbaana 2021: Muufannaa dureewwan Ortodoksii Tigraay
Waraana akkaan hamaa mootummaa jiddugaleessaa Itoophiyaa fi paartii naannoo Tigraay bulchu - TPLF wajjin Sadaasa 2020 dhalate hordofee, dureewwan amantaa Ortodoksii Tigraay, hariiroo Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa wajjin qaban adda muran.
Abbootiin kunniin, sinoodosiin “waraanicha deeggareera, wayita amantoonni fi bataskaanni haleelaman calliseera” jechuun komatan.
Yeroos Bataskaanattiin deebii kan hin laanne oggaa tahu, viidiyoon Abuna Maatiyaas tokko garuu miliqee bahee ture.
Yeroo lolaa sanatti Paatriyaarkin dhalataa Tigraay tahan kun, mootummaan Tigraayitti “duguggaa sanyii” raawwate jechuun ennaa dubbatan viidiyoon agarsiisu bahee ture. Sinoodosiin garuu ergaan kun ejjennoo paatriyaarkichaa qofa jechuun balaaleeffatee ture.
Dhiyeenya kana ammoo araarri qaamolee lamaan jidduutti bu’ee waraanni dhaabbatee as, paatriyaarkichi waamicha hariiroo bakka duraaniitti deebisuu taasisuun isaanii gabaafameera. Phaaphaasonni Tigraayis waamicha duree amantaa kanaa fudhachuu diduun isaaniis gabaafameera.












