Manni Lubummaa Tigiraay Iphis Qoophoosota kudhan muuduuf

Manni Lubummaa Tigiraay phaaphaasota kudhan muuduuf

Madda suuraa, Televizhinii Tigiraay

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Mana Lubummaa Waliigalaa Ortodoksi Tewaahidoo Tigiraay naannichaa fi biyyoota alaatti Iphis Qoophoosota kudhan muuduuf murteessuu beeksisan.

Manni Lubummaa Waliigalaa Manbara Selaam Kassate Birhaan Facaasaa Caamsa 15/2015 ibsa baaseen bakkeewwan iphis qoophoosotni itti muudaman eereera.

Naannoo Tigiraay keessaa kutaa lallabaa Kibba Lixa Tigiraay, Lixaa fi Kibba Tigiraay keessatti tahuu ibseera.

Biyya alaa keessaa Ameerikaa Kaaba, Awurooppaa, Awustiraaliyaa, Kanaadaa fi Baha Gidduugaleessaatti akka tahan ibsaniiru.

Manni Lubummaa Waliigalaa Manbara Selaam Kassate Birhaan, kora guyyoota lamaaf Caamsa 14 fi 15 taa’ame irratti murtee kanarra gahuu ibseera.

Biyya keessattis tahe biyya alaa irraa amantootni tajaajila ''afuuraa guutuu argachuuf'' fedha qaban irraa ka’uun Iphis Qoophoosotni akka muudamaniif irra deddeebiin gaafachaa turuu irraa ka’uun murtoo kana akka dabarsanis himaniiru.

Iphis Qophosootni muudama argatanis yeroo dhiyootti hojii isaanii akka jalqaban ibsicha irratti himaniiru.

Sinodosiin Ortodooksi Tewaahidoo Itoophiyaa muudama ammaa irratti yaada homaa hin kenniin malee, muudama Iphis Qoophoosotaa kana dura manni lubummaa Tigiraay kutaalee lallabaa Ameerikaa, Kanaadaa, Awurooppaa, fi Awustiraaliyaaf gaggeessee ture mormeera.

Siinodosichi Manni Lubummaa Tigiraay, caasaa bulchiinsa mana amantichaa waggoota dheeraaf turee fi jabaatee dhaabbate karaa diiguun ‘’Mana Lubummaa Waliigalaa Manbara Selaam Kassate Birhaan’’ kan jedhu hundeessan jechuun mormee ture.

Dabalataan seera ittiin bulmaata mana amantichaan ala ofuma isaanii muudama gaggeessuun akka isa gaddisiises ibseera.

Abbaa saawiroos waa’ee murtee naannoo Tigiraay ilaalchisee karaa nagaa akka hiikamuuf hojjetamuu qaba jedhan.

Hariiroon Mana Lubummaa Tigiraayii fi Qulqulluu Siinodosii qabbanaa'uu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Walitti dhufeenyi mana lubummaa Tigraayiifi Qulqulluu Sindoosii Itoophiyaa jidduu baduu kan eegale waggaa lamaan dura waraana naannichatti ka’een wal qabateetti.

Abbootiin amantaa bataskaana Tawaahidoo Ortodoksii Tigraay Mana lubbummaa Waliigalaa Itoophiyaa keessaa bahuun kan mataasaanii hundeeffachuuf murteesssuu beeksiisuun isaanii ni yaadatama.

Abbootiin amantaa Tigraay Sinidoosiin Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa motuummaa waliin dhaabbachuun kan himatan yoo ta’u, namoonni nagaafi abbootiin ammantaa yoo ajjeeffaman, dhaabbiileen amantaa wayita barbadaa’aan, qabeenyaan wayita saamaman Sinidoosiin calliisuu filateera jedhan.

Waliigaltee Piritoriyaatti taasifame hordofuunis haala mana lubbummaa jidduutti umame karaa nagaatiin furuudhaaf yaalamulleen bu’aa malee hafeera.

Mudamni mana lubummaa Tigraay ifa kan taasifame Wiixata ALI Caamsaa 14, 2015 ture.

Abuna Maatiyaas dhimma kana ilaalchisuun dubbii taasisaniin, ‘‘qormaatoonni Oromiyaafi Tigraay keessatti mudatan mana lubummaa bira darbuun kan ummataa ta’aa waan dhufaniif gaaffii ummataa sirriitti dhaggeeffachuun haala amantichaafi dambiin ittiin bulmaataa eeggateen, jaalalaafi ogummaan gaaffiilee isaanii kabajnee fudhachu qabna,’’ jedhanii turan