Sinoodosii falmisiisaa haaraatti phaaphaasota kan muudan Abbaa Saawiroos eenyu?

Madda suuraa, Nolawi Orthodox Tewahdo Media
Tibba kana Mana Kirsitaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti gaaffiifi dhibdeen adeemaa ture dhohee sinodosiin haaraan ijaaraameera.
Hangafni phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Kibba Lixaa fi Barreessaa Olaanaa Qulqulluu Sinodoosii Abbaa Saawiroos Manni Kiristaanaa beekamtii dhorkatus sidoodosii Oromiyaa fi sabaafi sablammoota Itoophiyaa ijaaruun walitti qabaa dha.
Abbaa Saawiroos sinoodosii Paatriyaarikiin waldaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa balaaleffataniifi ''aggaammii diigumsaati'' ittiin jedhan jalatti kutaalee lallabaa naannoo Oromiyaa fi Kibba Itoophiyaatti argaman 26'f phaaphaasota muudaniru.
Sinoodosii haaraan hundeeffamuun kan ibsame Amajjii 22 yoo ta'u Abuna Saawiroosiifi paaphaasiiwwan muudaman biroon ibsicha kan baasan magaalaa Walisoo irraayi.
Abbaa Saawiroos wanta Sinoodosii kana ijaruun barbaachiseef yoo ibsan "Bataskaanni Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa naannolee keessatti itti fufuuf danqaan (Afaaniifi caasaa bulchiinsaa) mudachuu waan hubanneef, warra badan barbaaduuf, warra jiran ammoo jajjabeessuf murtee seena qabeessa kana murteessineerra" jedhan.
Paatiriyaarkiin waldattii Qulqulluuu Abuna Maatiyaas gochaa kana ''Waldaa keenya irratti xiyyeeffatee duula guddaatu ta'e. Waanti ta'e kuni waanta Qulqulluu Sinodosiin hin beeknefi itti hin yaannedha'' jechuun morman.
Erga ta'iin kun raawwatee paaphaasonni muudamanii haala qabatamaa Waldaa Ortodoksi Tawaahidoo keessa keessumaa hooggansaa fi tajaajila afaan Oromoo ilaalchisee yaadni addaa addaa dhagaahamaa jira.
Abbaa Saawiroos ilaalchisees himannaawwan akkasumas jajuun miidiya hawaasummaa irratti bal'inaan qoodamaa jira.
Ofii Abbaa Saawiroos eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walitti qabaa SinoodosiiOromiyaa fi sabaafi sabalammootaa haaraa ijaarame kan ta'an Abbaa Saawiroos abbaa isaanii luba Mogas Lichee Gadaa fi haadha isaanii aaddee Tanaanyee Gammachuu Dabalaa irraa bara 1957 tti Godina Shawaa Lixaa aanaa Ada'aa Bargaa bakka Adaadii Soodabilee ganda qulqulluu Balawold jedhamtutti dhalatan.
Maqaan isaanii duraa Abbaa Akaalewold jedhama.
Abbaa Saawiroos barnoota amantaa Ortodoksi Tawaahidoo adda addaa kawaala (gadaamiiwwan) adda addaa seenuun baratan.
Akka BBC'n seenaa isaanii namoota itti dhiyaatanii beekan irraa argate agarsiisutti, Abbaa Saawiroos barsiisaa Mazgabuu Geetaneh irraa qubee hanga faarfannaa Daawitiitti akkasuma barumsa diyaaqonnumaa qe'ee dhaloota isaanii, Adaadii qulqulluu Balawaldiitti baratan.
Abbaa Saawiroos dubbiiwwan yeroo adda addaa godhan keessatti kawaala beekamaa Dabre-Tsimmonaa jedhamutti barnoota amantaa hedduu barachuu ni dubbatu.
Ragaaleen akka agarsiisanitti barnoota Lubummaaf isaan gahoomsu kan baratan barsiisota akka Margeeta Mangistuu irraayi. Achuma Kawaala Dabre-Tsimmonaatti barumsa yeedaloo barsiisaa Zawudeerraa baratan jedhama. 'Qinee' ammoo barsiisaa abbaa Waldemariyaami fi barsisaa Naqaa Xibab irraa baratan.
Abbaa Saawiroos barnoota ammayyaa sadarkaa lammaffaa Finfinneetti xumuran.
Essa eessatti tajaajilan?
Abbaa Sawuroos barreessaa Olaanaa sinodosii yeroo ta'anitti Sinodosii Waldaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaan hangafa phaaphaasii kutaa lallabaa Shawaa Kibba Lixaa ta'uun tajaajilaa turan.
Sana dura Kawaala Geetesemaanii magaalaa Sabbataatti waggoota lamaa oliif tajaajilaniiru.
Phaaphaasii Jimmaa ta'uunis waggaa tokkoofi ji'a jahaaf hojjetaniiru.
Filannoo qomosoota Adoolessa 9 bara 1997 taasifameen phaaphaasii Nageellee Booranaa ta'anii filamuun tajaajilaas turan.
Qormaata lubummaa darbuutiinis kawaala Miskyehizunaanitti tajaajila lubummaa waggoota 14’f kennanii jiru.
ALI bara 2009 irraa eegalees barreessaa olaanaa qulqulluu Sinodosii tahuudhan hojjechuu iratti argamu.
'Qeerloos Itoophiyaati'
Abbaa Saawiroos Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo keessatti nama amantaa aangoo olaanaati jedhaman keessaa tokkorra jiru.
Ammoo dhalootni Afaan isaatiin tajaajila amantaa argacha waan hin jirreef amantaa kanarraa bahaa jira jedhanii amanu.
Kutaa lallabaa isaanii keessatti dubbii yeroo tokko dubbatanii tureen ejjennoo dhimma afaaniin tajaajilamuu irratti qabaniin maqaan ''zaranyaa'' jedhu itti bahuu dubbatanii ''sadii afuruu haa bahu, waayee kanaatiin homaa wantan sadaadhu hin qabu'' jedhanii turan.
''Hin sodaatinaa. Of ta'aa. Namni of hin taane, ofiifis ollaafis, firafis, biyyaafis hin ta'u...ijoolleen Oromoo akka barattu bichaa osoo hin ta'iin, amantaan kun akka babal'atu akka itti fufu barbaanna'' jedhanii rakkon jiraachuu dubbatan.
Rakkoo kana furuufis baroota darban tattaaffiiwwan kitaabota amantaa Afaan Oromootti hiikuu irraa kaasee hanga , kutaa lallaba isaanii keessatti tajaajilli Afaan Oromoo akka kennamu murteesuu gahaniiru.
Abbaa Saawiroos phaaphaasii kutaa lallabaa Shawaa Kibba Lixaa ta'anii wayita jiranitti ''tajaajilli Afaan Oromoo akka kennamu yeroo jalqabaaf chaappaa isaaniitiin Waldaa Duuka buutotaaf beekkamtii kennaniiru.''
Kitaabni galatoo Afaan Oromoo akka qophaa'uufi hojiin isaas akka galma gahu miseensa koree ta’uudhan gumaacha olaanaa bahanirus jedhamu.
Abbaa Saawiroos yeroo adda addatti himannaawwan akka ''lubbuun nama harka isaaniitti darbeera, ilma qabu, sanyummaa leellisu'' kan jedhan irratti ka'aa jira.
Abbaan kun garuu himannaawwan irratti kaa'n ''ragaa maleedha, dhugaarraa kan fagaate, maqa-balleessiidha'' jedhuun deebisu.
Himannaawwan kun keessumaa Phaaphaasii kutaa Lallabaa Shawaa Kibba Lixaa erga ta'anii itti jabaatus erga barreessaa Olaanaa Sinodosii booda jijjiiramni fidan ''Qeerloos Itoophiyaati'' isaan jechisiiseera jedhu warri isaan beekan.












