Dureewwan amantaa Tigraay dhiifama Mana Kiristaanaa Ortodoksii irratti deebii kennan

Dhiifama Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa Tawaahidoo Itoophiyaa dhiheesse jalqabbii jajjabeessaa ta’u dureewwan amantaa Naannoo Tigraay keessa jiran ibsan.
Qaamni olaanaa mana kiristaanichaa guyyaa Kamisaa waraana Naannoo Tigraay keessa adeemeen walqabatee itti gaafatama ofii bahuu dhabuu ibsuun dhiifama gaafatee ture.
Haa ta’u malee, dureen amantichaa olaanaa Naannoo Tigraay irraa dhimma kanarratti BBC’n dubbise ''dhiifamni jalqabbii gaariidha, garuu gahaa miti,'' jechuun BBC Afaan Tigriffaatti himan.
Dureewwan amantichaa Naannoo Tigraay keessa argaman Manni Kiristaanaa Ortodoksii waan irraa eegamu hin goone jechuun durumaa mufii fi komii ibsaa turan.
Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Manbara Salaamaa Ortodoksii Tawaahidoo Tigraayiifi Hojii gaggeessaan Kutaa Lallaba Biyyaa Shiree Inda Sillaasee Nibura’id Tasfaay Tawalda ‘’dhiifama gaafachuun ni deeggarama’’ jedhan.
‘’Manni Kiristaanaa dhiifama gochuun beekamti. Haa ta’u malee, jijjiirama ilaalchaa taasisaniiru jedhee hin amanu. Jalqabbicha garuu akka gaaritti ilaala,’’ jedhan.
‘’Dhiifamani miidhaa gaheefi sarbama mirgaa hin deebisu. Imimmaan dhangala’e hin haqu. Dhiiga dhangala’e bakka hin bu’u.
‘’Inumaa dhiifamni kuni garaarraa miti. Kan tooftaaf raawwate fakkaata,’’ jedhan.
Yeroo waraana kaaba Itoophiyaa waa’ee nageenya abbootii amantiifi hordoftoota ilaalchisuun waan barbaachisu gochuu dhabuun walqabate ibsuun ture Manni Kiristaanaa dhiifama gaafachuu kan ibsite.
‘’Waraanni akka dhaabatu yeroon ibsa baasuu dhabuun,’’ akkasumas yeroo waraanichaa dureewwan amantaafi ummata hunda ‘’qaaman argamtee jajjabeessuu dhabuun’’ dhiifama gaafatte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni waggaa lamaaf Tigraayiitti ka’ee Affaariifi Amaaraa dhaqqabee ture jalqaba waggaa kanaa waliigalteen nagaa mallattaa’uu hordofee tasgabbaa'eera.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa dhibdeen akka furamuf irra deddeebbiin carraaqaafi waamichas gochaa ture.
Qulqulluun Sinodoosii ibsa baasen sababa dhiifama gaafateef akkanaan ibse:
‘’Waraanni akka dhaabatu yeroon ibsa baasuu dhabuun,’’ akkasumas yeroo waraanichaa dureewwan amantaafi ummata hunda ‘’qaaman argamtee jajjabeessuu dhabuun’’ dhiifama gaafatte.
Ibsi bahe manni kiristaanattii eeguma nagaan bu’ee deeggarsa namoomaa Qulqulluu Sinodoosiin hundaa’e yeroon ummata bira akka hin geessine ibse.
‘’Kanarraa kan ka’e Mana Kiristaanaafi ummata Tigraay gidduu komiifi waldhibdee uumameen Qulqulluun Sinodoosii ifatti dhiifama gaafateera,’’ jedhe.
Nibuuri’iid Tasfaay, ‘’dhiifamni kuni barfateera’’ jechuun hamma yoonaa maaliif akka ture gaafataniiru.
Waraana Tigraayitti adeemsifameefi Bataskaana Ortodoksii maaltu walitti fide jechuun kan gaafataman Nibuuri’iid, ‘’maallaqaafi haamileedhaan hanga adda waraanaatti dhaqanii deeggaraniiru,’’ jedhan.
Bataskaanni kuni deeggaraa ‘’isaanii’’ turte jechuun abbootiin amantaa otoo hin hafiin duula waraanaa irratti hirmaataniiru jechuun himatu.
Dabaluunis, ‘’macaafa irratti seexanni farra nagaa akka tahe taa’ee otoo jiruu, isaan nu hogganuu mannaa seexanni nu haa geggeessu fa’i jedhanii turan,’’ jechuun ibsaniiru.
Abbootii amantaa dhuunfaatiin waan jedhame akkamiin bataskaana kana bakka bu’uu danda’a jechuun gaaffii dhiyaateef, ‘’kunneen miseensota Sinoodii dha.
Yaada kana kan kenne namoota dhuunfaati yaadni isaanii bataskaana bakka hin bu’u jechuun ibsa hin kennine,’’ jedhaniiru.
‘’Qeesii fi monokseen gadaamiitti yeroo gudeedaman callisaniiru. Kana kan godhan namoota dhuunfaa dha hin jennu. Kanaafi, dhiifamni kuni tooftaa dha kan jennu. Kunis tahee garuu ija gaariin ilaalla,’’ jedhan.
Tigraayi qaama Itoophiyaa taatee biyyattii keessa Manni Kiristaanaa lama jiraachuu danda’aa yaada jedhuuf, Nibuuri’’iid, abbootiin Tigraayi dhiibamanii as gahuu eeruun, ‘’isaantu nuun qollifate. Badiin hundi isaaniin kan dhufe dha. Balleessaa keenya miti. Manneen Kiristaanaa lama haa jiraatan kan jedhe nuu miti.’’
Dabaluunis, Bataskaannii Naannoo Tigraayi keessa jirtu waggaa sadiif geggeessaa malee, bajata malee cufamtee akka turte kaasuun, ‘’amma uummata keenya tajaajiluun dabaree keenya jennee kaaneerra. Dhiifamni kan dhufe yeroo kanattii dha,’’ jedhaniiru.
Tahus yeroo ammaa kanatti Paatriyaarkiin bataskaanichaa Abuna Maatiyaas geggeessaa isaanii tahuu akka fudhatan Niiburadi’ii ibsaniiru.
Dhiifama gaafatamuun Manbara Salaamaa Kasaaate Birahaaniif waan hin eegamne dha,‘’Jalqabbii gaarii dha. Garuu gahaa dha hin jennu,’’ jedhaniiru.
Dhumarrattis Manbara Salaamaa Kasaaate Birahaan paatriyaarikii ofii filachuu irratti, ‘’hamma har’aa irratti marii’annee hin beeknu. Yaadas hin qabnu. Paatriyaarikiin keenya Qulqulluu Abuna Maatiyaasi dha,’’ jedhaniiru.
Qulqulluun Sinoodosii, ‘’waraannii dhaabatee erga nagaan erga bu’ee booda deeggarsa namoomaa taasise Manni Kiristaanaa dhaqqabsiisuu dhabuusheen bataskaanaafi uummata Tigraayi gidduu komii uumameef maqaa sinoodosiin dhiifama gaafateera.’’
Dhiifamni Qulqulluu Sinoodosii kan dhiyaate geggeessitoonni bataskaana kanaa abbootii amantaa Tigraayi jiran waliin haasa’uufi rakkoo uumameef furmaata fiduuf turban dhufu gara naannnichaa akka imalan ibsuun booda.












