Sudaanitti kaampii baqattoota lammiilee Itoophiyaatti namoonni maaree jaldeessaan qabamuun himame

Qaama maareen jaldeessaa qabe

Madda suuraa, Reuters

Sudaaniitti bakka baqattoonni Itoophiyaa sababii waraanaatiin baqatan qubatan keessatti weerarri maaree jaldeessaa ka’uun namoonni lama qabamuu Motummoota Gamtomaniitti Dhaabbanni Baqattootaa beeksiise.

Dhaabbatichatti Komishinii Olaanaan Dhimmoota Baqattootaa (UNHCR) kaampiiwwan baqattootaa gara bahaatti argaman keessatti dhukkubichi mul’achusaatiin walqabatee, baqattoonni lammiilee Itoophiyaa sadii kaampii Tunaayidibaah keessatti dhukkubsataniiru jedhe.

Kaampiin baqattootaa Tunaayidibaah kan baqattoonni Tigraay irra sababa waraanaatiin heddumminaan itti godaanuun himamu kunis bulchiinsa Sudaan Gadaariif keessatti argama.

Akka raga dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti kaampichi baqattootaa gara kuma 23 ta’an qabateera.

Kana malees kaampiiwwan baqattootaa lammiilee Ertiraa keessatti dahatan kan bulchiinsa Kasaalaa keessattis dhukkubichi mudachuun namni tokko dhukkubsachu dhaabbatichi BBCtti himeera.

Namoonni dhukkuba maaree jaldeessaa Kanaan qabamanis buufataalee wallaansaa keessatti yaalii argataa kan jirna yoo ta’u, kanneen dhukkubicha qabaachuuf shakkaman ammo, adda baafamuun kunuunsa barbaachisaan taasifamaafi jiraachu dhaabbatichi dabaluun himeera.

Kanaanis Ministeerri Eegumsa Fayyaa Sudaan, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi kanneen biraa waliin ta’un nageenya baqattootaa mirkanneessuu fi weerarichi akka hin babal’anne ittisuuf hojjataa jiru jedhameera.

Akka dhaabbatichi jedheetti, kunuunsa namoota dhukkubichaan qabamaniin alattis maatiiwwan namoota dhukkubsataniitiif qorannoon taasifameefiira.

Dhaabbileen kunneenis waloon ta’un baqattootaafi hawaasa naannichaatiif hojiiwwan hubannoo cimsan hojjataa jiraachuun kan ibsame yoo ta’u, tatamsa’in dhukkubichaa to’achuuf ammo saamunaafi meeshaalee qulqullinni ittiin eegamu kan biraa baqattootaaf kennameera jedhame.

Kana malees baqattoonni tarkaanfiiwwan isaan maaree jaldeessaa kana ittisuuf fudhatan kan qajeelfamoota ittisa dhukkubichaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin wal siman akka ta’aniifi nageenya baqattootaa kan mirkanneessan ta’u akka qabaatan UNHCR akeekkachiise.

Mallattooleen dhukkubichaa maali fa’i?

Namoonni dhukkuba maaree jaldeessaan qabaan jalqabarratti gubaa qaamaa, dhukkubbii mataa, dhukkubbii dugdaa, dhukkubbii maasaa, nyaataa qaamaa fi waan hundumaaf fedhii dhabutu irratti mul’ata.

Yoo gubaan qaamaa irraa qabbanaa’uutti ammo, fuularraa kaasee qaamni hooksiisuu eegala. Keessattuu ciqileefi milli caalaa kan hooksiisu ta’a.

Kunis kan sadarkaa garaa garaa qabuufi baayyee kan dhukkubu ta’u danda’a. Keessattuu dhiitoon gogaa namaa irratti umamuu kun boodarra gogaan madaa’uun akka bifa geeddaru taasisa.

Bakki dhiitoon sun bahe irratti godaannisa dhiisee darba.

Dhukkuubbiin kunis yeroodhuma isaatti kan badu yoo ta’u, hanga guyyoota 14-21 ni fudhata jedhama.

Dhukkubichi attamiin daddarba?

Namoonni nama dhukkuba maaree jabdeessan qabamee waliin tutuqqaa qabu saaxilamu danda’a.

Vaayirasiin dhibee kanaatis karaa qaawwan gogaa keenyarratti argaman, karaa ijaa, funyaaniifi karaa afaanitiin gara qaama keessaa galu danda’a.

Kana malees vaayirasiin dhibee kanaa tibba quunnamtii saalaatti tutuqaa maanaa umamuun dadarbu danda’a.

Kanaan alattis jaldeessa, hantuuta ykn beeladoota vaayirasii dhukkuba kanaatiin qabaman waliin tutuqaa qabaannaan dhukkubichi namatti darbu danda’a.

Haata’u malee irra caalaan namoota dhukkuba kanaatiin qabamanii balaa hamaaf hin saaxilaman.

Akkuma dhukkuba maaree torbanoota muraasa keessatti kan fayyamu yoo ta’u, ta’us darbee darbee dhukkubbii cimaa qaqabsiisu danda’a.