Irreecha Hora Finfinnee uffata aadaa Oromoon faayame irratti suuraalee filatamoo

Irreecha Hora Finfinnee bara 2022 irratti namoonni kumaa-kitilaan lakkaa'aman hirmaataniiru

Sirna galateeffannaa fi kadhaa Waaqaa kan ta'e Irreechi, kan bara 2022 kabajamuu eegaleera.

Irreechi baranaa Onkoloolessa 1 fi 2, 2022 kan kabajamu yoo ta'u, jalqabarratti kan kabajamu Irreechi Hora Finfinnee eegaleera.

Uummanni Oromoo uffata aadaan faayamee ba'e magaalaa Finfinnee bareecheera.

Malkaa Doloolloo Buddeenaatti wayita namoonni irreeffatan
Namoonni wayita irreefataa jiran

Bakka irreeffannaa magaalaa Finfinnee-Malkaa Doloolloo Buddeenaa fi naannoon isaa qeerroowwan, qarreewwan, abbootii Gadaa fi haadholee siinqee akkasumas foollee Oromoon faayamaniiru.

Qeerroo fi qarreen uffata aadaan miidhaganii gara malkaa imalaa jiru
Qarreewwan Oromoo uffata aadaan faayamanii

Irreechi sirna uummata Oromoo ta'us kan irratti hirmaatu garuu uummata Oromoo qofaa miti.

Sabaa fi sab-lammoonni kutaalee biyyattii garaagaraa irreecha Finfinnee kanarratti argamaniiru.

Uffata aadaa isaaniin faayamuun sirnicha bareechaniiru.

Alaabaa irraa namoonni uffata aadaasaaniin faayamanii argamaniiru
Ummanni wayita irreeffatuutti
Uummattoota naannoo kibbaa uffata aadaasaaniin faayamanii argaman

Irreechi bakka araaraa, jaalalaa, qulqullummaa fi tokkummaan itti cimuudha jedhu namoonni irreecharratti hirmaatan.

Uummanni Oromoo kutaalee biyyattii garaagaraa irraa dhufan walarguutti gammadanis, kanneen sababoota rakkoo nageenyaa fi balaa hongeen hin argamanis jiru.

Tokkummaan irreecha kanarratti mul'ate addunyaaf fakeenya kan ta'uudha.

Irreechi bakka tokkummaan sabaa itti cimuudha

Irreecha baranaa irratti qacceewwan Oromoo Keeniyaa keessa jiraatanis argamaniiru. Keeniyaa keessa Oromoonni hedduun kan jiran yoo ta'u waggoota kurna hedduuf qomoosaanii Oromiyaa jiruun walarganii hin beekan.

Waggaa hedduu booda barana sanyiisaanii dubbisuuf gara Itoophiyaa imalaniiru.

Jilli Keeniyaa irraa imalu Shaashamanneetti wayita simatamu

Madda suuraa, Irecha Caravan/FB