Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Irreecha Hora Finfinnee uffata aadaa Oromoon faayame irratti suuraalee filatamoo
Sirna galateeffannaa fi kadhaa Waaqaa kan ta'e Irreechi, kan bara 2022 kabajamuu eegaleera.
Irreechi baranaa Onkoloolessa 1 fi 2, 2022 kan kabajamu yoo ta'u, jalqabarratti kan kabajamu Irreechi Hora Finfinnee eegaleera.
Uummanni Oromoo uffata aadaan faayamee ba'e magaalaa Finfinnee bareecheera.
Bakka irreeffannaa magaalaa Finfinnee-Malkaa Doloolloo Buddeenaa fi naannoon isaa qeerroowwan, qarreewwan, abbootii Gadaa fi haadholee siinqee akkasumas foollee Oromoon faayamaniiru.
Irreechi sirna uummata Oromoo ta'us kan irratti hirmaatu garuu uummata Oromoo qofaa miti.
Sabaa fi sab-lammoonni kutaalee biyyattii garaagaraa irreecha Finfinnee kanarratti argamaniiru.
Uffata aadaa isaaniin faayamuun sirnicha bareechaniiru.
Irreechi bakka araaraa, jaalalaa, qulqullummaa fi tokkummaan itti cimuudha jedhu namoonni irreecharratti hirmaatan.
Uummanni Oromoo kutaalee biyyattii garaagaraa irraa dhufan walarguutti gammadanis, kanneen sababoota rakkoo nageenyaa fi balaa hongeen hin argamanis jiru.
Tokkummaan irreecha kanarratti mul'ate addunyaaf fakeenya kan ta'uudha.
Irreecha baranaa irratti qacceewwan Oromoo Keeniyaa keessa jiraatanis argamaniiru. Keeniyaa keessa Oromoonni hedduun kan jiran yoo ta'u waggoota kurna hedduuf qomoosaanii Oromiyaa jiruun walarganii hin beekan.
Waggaa hedduu booda barana sanyiisaanii dubbisuuf gara Itoophiyaa imalaniiru.