Saa'udiin waggaa 70 keessatti yeroo jalqabaaf suuqii alkoolii banuufi

Nama alkoolii buusaa jiru

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Saa'udii Arabiyaan suuqii alkoolii namoota biyya alaa Musliima hin taanetti gurguru waggaa 70 keessatti yeroo jalqabaaf Riyaaditti banuufi.

Namoonni suuqii kanatti maamila tahuu danda'an dippilomaatota dhugaatii saamsame waggootaaf eeyyama mootummaan galchachaa turan qofaa dha.

Qondaaloti Saa'udii suuqiin dhugaatii alkoolii kuni ''daldala dhugaatii seeraan alaa hambisuuf,'' gargaara jedhan.

Dhugaatiin alkoolii bara 1952 ilmi Mootii Abdulaaziiz dhugee dippiloomaatii Biriiteenitti dhukaasee ajjeesuun booda seeraan dhorkame.

Dukkaanni alkoolii kuni Mummee Dippiloomaatii Riyaad jirutti banama jedha sanadni AFP fi Rooyitarsiin dhaqqabe.

Maddi karoora kanaaf dhiyeenya qabu suuqiin kuni torbanoota muraasa keessatti akka banamu eegama jedha. Tahus daangeffamni ni jiraata.

Kanneen dhugaatiin isaan arraasise bitachuun dura galmaa'uufi mootummaa irraa eeyyama argachuu qabu

Namni ganna 21 gadi tahe gara suuqii kanaatti galuun hin eeyyamamuufi, inni galus, ''yeroo hundumaa uffannaa qixaa,'' keewwachuu qaba

Namoonni dhugaatii kana bitatan nama biraa, kan akka konkolaachisaafaa ergachuun hin danda'an.

Ji'attii hammi namni tokko bitatus hojiirra oola jedhameera.

Akka sanadni AFP'n arge agarsiisutti dhorkaawwan kunneen rincicaa hin tahan.

Ji'atti alkooliin bitachuun danda'amu qabxii 240'n daangeeffamaa dha. Dhugaatiin gosa araqee litiroon tokko qabxii jaha qabata, waayiniin qabxii sadii fi biiraan ammoo qabxii tokko qabata.

Jiraattonni biyya alaa dippiloomaatii hin taane kan biyyattii keessa jiraatan alkoolii kana bitachuu akka danda'an waanti jedhame hin jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Alkoolii Riyaad keessatti haala kanaan eeyyamamullee, warreen dhugaatii kana fayyadaman eessatti akka dhuganiifi dhuguun booda amala agarsiisan irratti of eeggannoo gochuu qabu.

Seera Saa'uudii ammaan dhugaatii fayyadamuun ykn qabatanii argamuun qarshiin adabsiisuufi hidhaa nama buusuun dabalataan addabaabaayittii reebamuufi nama biyya alaaf immoo biyyattiitii arii'amuu fiduu mala.

Kana malees sandichi qondaaloti ''qajeelfama haaraa'' hamma alkoolii dippiloomaatonni biyyattii galchuu danda'anii murteessuuf karoorsaa jiru. Kunis wal-jijjiirraa miyaa to'annoon ala tahe daangeessuuf gargaara.

Waggootaaf dippiloomatonni korojoo isaanii keessa keewwachuun hamma biyyi keessa turan eeyyamtuufi galchu ture.

Tarkaanfiin kuni qaama hawaasa Saa'udii bilisa gochuu keessaa tokko yoo tahu hojiiwwan ilma mootii Mohaammad bin Salmaaniin karoorfaman ''Vision 2030'' keessaa isa boodanaati.

Biyyooti galoo galaanaa dhorkaawwan wal-fakkaatoo qabu.

Tahus Yuunaayitiid Arab Imireets(UAE ) Kataar kanneen Musliima hin taaneef hoteela, kilabaafi manneen dhugaati keessatti ni gurguru.

Mootummaan Saa'udii garuu tarkaanfii biyyoota kanaan wal-fakkaatu akka fudhattu waan agarsiisu hin jiru.

Alkoolii dhuguun amantaa Islaamaa dhorkaa tahus, Saa'udii hanga bara 1952tti biyyattii keessatti hin dhorkamne ture.

Kuni kan jijjiirame erga Mishaarii bin Abdulaaziiz Al-Saa'ud, ittigaafatamaa qontsilaa ittaanaa Biriiteen kan Jiddaa jiru bara 1951tti alkoolii akka dabaluuf gaafatee didnaan itti dhukaasee ajjeesuun booda dha.

Waggaa tokko booda Mootiin Abdulaaziiz alkoolii guutummaatti dhorkan. Mishaariin ajjeechaan balleessaa jedhameera.