Dubartiin astiroonomerii Arabaa jalqabaa taate gara hawaatti imaluuf Buufata Idil-adunyaa Hawaa geese

Rayyanah Barnawi muuxannoo ishee hawaa keessaa karaa viidiyoo ijoolleef akka qooddu himte

Madda suuraa, Reuters

Dubartiin astiroonomerii Arabaa jalqabaa taate gara hawaatti imaluuf Buufata Idil-adunyaa Hawaa geese.

Rayyanah Barnawi namoota Sawudii lamaan ergama hawaa dhuunfaa sagantaa Axiom jedhamuun gara hawaatti imalan keessaa tokko.

Imalli gara hawaatti taasifamu kun buufata idil-adunyaa Hawaa Ameerikaa jiru irraa Dilbata rokkeettii 'SpaceX Falcon 9’ jedhamuun kan gaggeeffamu taha.

Turtii ishee orbiitii Buufata Hawaa Idil Adunyaa guyyoota kudhaniif karoorsite kana keessatti qorannoo waa’ee isteem seelii fi kaanserii harmaa gaggeessuf akka qophoofte himteetti.

Dubartiin ganna 34 kun, ogeettii saayinsii baayoomedikaaliti. Kaayyoon ishee dubartoota Baha Gidduugaleessaa hojii adda addaa keessa jiran dadammaqsuuf akka tahe himteetti.

Viidiyoo osoo isheen buufa hawaa hin gahin dura waraabame irratti akka jettetti,’’Uuummata adunyaa maraaf kan jedhu fuuldurri keenya ifadha. Akka guddistanii abjattanin barbaada. Ofitti amanaa, namummaatti amanaa.’’

Adde Barnaawiin ergama imala Hawaa Axiom 2 jedhamu kana irratti nama lammii biyyashe etahe Alii Alqaarnii waliin deemti.

Innis biyyoota Galfi keessaa gama dhiirotaan nama lammaffaa gara hawaa deemuuf jedhu taheera.

Dabalataan lammiilee Ameerikaa lama, komaander Peegii Wiitsan fi paayileetii Joon Shoofner kanneen rokkeettii Kanaan imalanidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen kun gara buufatichaa kan deeman xiyyaara ‘Dragon’ SpaceX’n yoo tahu, isheen ammo rokkeettii Falcon 9 jedhamtu Buufata Hawaa Keneedii, Filooriidaa Keep Kaneveraal iraa furguggifamtu irra taa’uunidha.

Gareen kun yeroo turtii isaanii orbiitii irraa keessatti yaaliiwwan saayinsii fi qorannoowwan teeknoloojii 20 ol taasisu.

Isaan keessaa miidhaa hawaan fayyaa dhala namaa irratti qabuu fi teeknoloojii rooba roobsuu irratti qorannoo gaggeessu.

Hojiin qorannoo Aadde Baarnaawwii waan waggoota sagal darban irratti xiyyeeffachuun hojjechaa turte irratti kan hundaa’u taha.

Waggoota darbaiif kutaa laabiraatoorii ‘Stem Cell and Tissue Re-engineering Programme of King Faisal Specialist Hospital and Research Centre’ jedhamu keessa hojjechaa turte.

‘’Ibsa miidiyaa dhiyeenya kennite irratti dubartii astiroonemerii Sawudii jalqabaa gara hawaa deemtu tahuukoon ‘’gammaachuu fi kabaja guddaatu natti dhagahame’’ jette.

Buufata Qorannoo Hawaa kana keessa tahuun muuxannoo akkamii akka qabus karaa viidiyoo ijoolleef qooduuf akka jettu himteetti.

"Yeroo jalqabaaf astiroonomerii naannoo jiran irraa ijaan argauun hedduu isaan gammachiisa’’ jette.

Mishal Ashemirii, injiinerri qorannoo hawaa Sawudii fi Ameerikaa, Komishinii qorannoo Hawaa Sawudii gorsitu, galmi keenya dhalli namaa saayinsii irraa akka fayyadamu gochuudha’’ jette.

‘’Muuxannoo dhala namaa guddisuuf ergamni gara hawaa kun dubartoota ogummaa adda addaa keessa jiraniif fakkeenya taha jedheen abdadha,’’ jette.

Sawud Arabiyaatti dubartootni mirga konkolaataa ofuuyuu kan argatan bara 2018 keessa yoo tahu, dhaabbileen mirga namoomaaf falman, eegumsi dhiirotaan godhamu ammayyuu mirga dubartootaa daangesseera jedhu.