NASA'n dubartiifi nama gurraacha jalqabaa gara Addeessatti erguuf

Namoota gara Ji'aatti ergamuuf filataman

Madda suuraa, NASA

Ejensiin hawaa US NASAn astiroonoomeroota afur turtii waggaa 50 booda gara ji'a ykn Addeessatti erguuf jiru ifa godhe.

Kiristiinaa Kooch ergama gara Ji'aatti ykn Addeessaatti deemuu kana fudhachuudhaaf dubartii jalqabaa taateetti.

Viktar Giloovar ammoo nama sanyiin gur'aachaa Ji'a irra ba'uudhaaf astiroonoomera jalqabaa jedhame.

Warri kunneen lamaan astiroonoomeroota Reeyid Waayizmaan fi Jermii Haansan waliin ta'uudhaan dhuma bara dhufuu ykn jalqaba 2025 gara Addeessaatti imaluuf ta'u.

Astiroonoomeroonni kunneen Ji'a irra hin qubatan, garuu ergamni isaanii garee isaanitti aanee deemee achirra qubatuuf karaa banuuf jedhameera.

Namoota afran gara Ji'aatti ergaman keessaa sadii lammii US yoo ta'an tokko ammoo lammii Kanaadaati.

Jara imalaaf filatamanii qophaa'an kanneeniif Huustan, Teksaasiti qophiin uummataan wal isaan barsiisuu gaggeeffameera.

Jarri kunneen of qopheessuudhaf ammarraa kaasaanii leenjii cimaa walirraa hin cinnetti seenu.

NASAn dhiira gurraacha ta'eefi dubartii ergama kanaaf filachuun hojii isaa keessatti namoota saalafi halluu garaa garaa keessummeessuf waadaa isaa mirkaneessaa akka jiru beeksise.

Astironomaroonni kanaan dura gara Addeessatti imalanii turan hundi isaanii dhiirotaafi adii turan.

Dirra Addeessa

Madda suuraa, NASA/JSC/ASU/ANDY SAUNDERS

Reeyid Waayizmaan, namni ganna 47, paayiletii humna waraanaa US kan ture yoo ta'u bara 2015tti buufata Hawaa Idil-addunyaatti balalii godhee ture.

Viiktar Giloovar ammoo gaheesa ganna 46 yoo ta'u bara 2020tti gara buufata hawaatti balali'uun ji'a jahaaf achirra ture.

Kiristiinaa Kooch injinara elektirikaalati. Guyyaa 328 hawaarra turuun dubartoota keessaa rikordii kan qabu isheedha.

Jeremii Haansan ammoo duraan balaliisaa xayyaara waraanaa Humna Qilleensa Kanaadaa ture.

"Namoonni Artemis-2 dhaan balali'an gara Addeessaa imaluuf jedhan kunneen namoota kumaatama osoo dadhabne hin jedhin gara urjiiwwaniitti nu fidan bakka bu'u...," jedhe Bulchaan NASA Biil Neelsan.

Konkolaataa Orion NASA

Madda suuraa, NASA

"Waayisman itti gaafatamaadha; Giloovar ammoo ittaanaa paayileetii isaati; Koochfi Haansan "ogeeyyii mishinii" jedhamun akka deeggarsaatti hojjatu," jedha.

Bara 1968tti gareen astironomarootaa Appoolo 8 jedhaman Addeessa irra qubachuun addunyaa ajab jechisiisanii turan. Balalii gara Addeessatti alana taasifamu kan Appoolo 8 irraa kan adda godhu teeknolojii jaarraa 21ffaa NASAn sagantaa 'Arxeemis kanaaf qopheesse fayyadamuudha.

Afoola Giriikii keessatti Arxeemis obboleettii lakkuu Appooloti.

Bara darbe NASAn rokkeettii gara Addeessatti erguu yaalee ture. Kunis ergama Arxeemis-1 kan jedhame yoo ta'u nama malee guyyoota 25 gara Addeessatti ergamtee turte.

Astiroonomaroonni amma gara Addeessaa imaluuf jedhan kun Arxeemis-2 koruun imalu.

Arxeemis-3 ammoo imalli Arxeemis-2 raawwatee ji'a 12 booda akka ta'utu eegama.