Dhagaan samii guddaan dacheefi addeessa gidduu qaxxaamure

Bufata Qorannoo Hawaa Idil-addunyaa (ISS) dachee irra keessa mul'atu

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Bufata Qorannoo Hawaa Idil-addunyaa (ISS) dachee irra keessa mul'atu

Dhagaan samii guddaa yookiin astirooyiid magaalaa tokko mancaasuu danda'u orbitii dacheefi addeessa gidduu qaxxaamure.

Dhagaan samii kuni 2023 DZ2 jedhamee waamama.

Astirooyid qaama kattaa baayyee guddaa Aduutti marsuuti. Astirooyidoonni akaakuu guddaafi xixiqqaa ta’anitu jiru.

Akka saayintistonni tilmaamanitti, dhagaan samii kuni fageenya lafarraa 175,000km fagaatee gaafa Sambataa qaxxaamure.

Asteroyidii guddaa bal'inni isaa 40m - 90m tilmaamamuf lafatti hammana dhihaachuun waan baratame miti.

Astironomaroonni taateen kuni waggaa kudhan keessaa takka mudata jedhan.

Akka qorannoo hawaa US Nasa'tti, astironomaroonni waa'ee asteroyiid beekumsa isaanii akka gabbifatan kuni carraa gaariidha.

Carraan dhagaan kuni dachee rukutuu xiqqaadha, lafatti dhihaachuun isaa hubannoof carraa gaariidha jedhan Eejansii Hawaa Awuroppaatti hoogganaa ittisa pilaanetii kan ta'an Richaard Mossl.

Qondaalli kuni qabiiyyee dhagaa samii kanaa baruuf daataan dabalataa barbaachisa jedhaniiru.

Dhagaan samii hammana lafatti yeroo dhihaatu baayinokulaara fi teleskoppii xixiqqoon ilaaluun danda'ama.

Dhagaan kuni orbitii dacheetti bara 2026 akka deebi'u ibsaniiru. Yeroosis ta'u pilaaneti dacheef balaa hin ta'u jechuun saayintistoonni yaada kennaniiru.

Asterooyidiin dacheefi addeessa gidduu bahe kuni dacheerraa baayinokulaaraan ni mul'ata

Madda suuraa, GIANLUCA MASI, THE VIRTUAL TELESCOPE PROJECT

Ibsa waa'ee suuraa, Asterooyidiin dacheefi addeessa gidduu bahe kuni dacheerraa baayinokulaaraan ni mul'ata

Baatii kana keessa dhagaan samii kanaan qixxaatuufi maqaan 2023 DW mogga'eef carraan dachee guyyaa jaalalleewwan bara 2046 rukutuu danda'u 432 keessaa tokko qofaadha jedhameera.

Qondaalli qorannoo hawaa Awuroppaa kuni dhagaan samii 2023 DW dacheerraa miiliyoona kiloomeetira 4.3 akka fagaatee bu'u himan.

Osoomallee dhagaan kuni dacheetti qajeele, dacheen ofiirraa ittisuu malti.

Jalqaba waggaa kana xiyyaar-samiin Nasa beekaa dhagaa samii hanga piraamidii gahutti bu'ee kallattii jijjiirsiseera.