NASAn kallattii Astirooyid jijjiirsisuu akka danda'e mirkaneesse

Madda suuraa, NASA/JHU-APL
Dhaabbanni qorannoo hawaa Ameerikaa NASAn tibba kana Astirooyid guddicha kallattii isaa jijjiirsisuuf yaaliin taasise milkaa’uufiif ibse.
Astirooyid qama kattaa baayyee guddaa Aduutti marsuuti. Astirooyidoonni akaakuu guddaafi xixiqqaa ta’anitu jiru.
Astirooyidii inni NASAn amma kallattii isaa jijjiirsisuu danda’eera jedhe meetira 160 bal’ata jedhameera.
Astirooyidiin kun maqaan isaa Dimmoorfas kan jedhamu yoo ta’u, akka kallattii isaa jijjiirratu kan taasifame ammo ji’a darbe keessa ture.
Astirooyidiin kun akka kallattii isaa jijjiirrate kan mirkanaa’e ammo erga erga Telescope fayyadamuun ilaalameen booda akka ta’e ibsameera.
NASA yaalii kallattii Astirooyidii kana jijjiirsisuu kan taasiseef, qaamota gurguddoo gara garaa hawaa irraa gara lafaatti darbataman rukkutuu akka danda’u mirkaneeffachuuf jedhameera.
Pirojektiin Astirooyidii Daart jedhamu kallattii jijjiirsisuu kun NASAn qaamoleen gurguddoo kamiyyu kallattii jijjiirsisuu akka danda’uuf agarsiiftuu akka ta’e aanga’aan NASA Biil Neelsan dubbateera.
“NASAN Dachee irraa waan dhufu eeguu akka danda’u mirkaneeffanneerra,” jedhe Biil.
NASAn kallattii Astirooyidii guddicha kanaa akka kallattii isaa jijjiirsise kan mirkaneeffate karan biraa suurawwan Telecope Habil Ispees jedhamuun kaaseenidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dart ykn Double Asteroid Redirection Test Dachee kana irraa kiloomeetira miliyoona 11 fagaatee argama.
Saatelaayitiin meeshaa waa qabbaneessu ykn Firiijiin walqixxaatu NASAn hojjete Astirooyidii Dimmoorfas jedhamu kana waliin sa'aatii tokko keessatti kiiloomeetira kuma 22 deemuudhaan akka walitti bu'u pirojektii godhamedha.
Saatelaayitiin kun ammoo erga Astirooyidii waliin walitti bu'een booda diigameera.
Walitti bu'insa kanaanis kallattii Astirooyidichaa jijjiirsisuun danda'ameera.
Astirooyidichi kan isa caalu Astirooyidii Dimmoorfas jedhamuun saffisa sa'aatii 11 fi daqiiqaa 55 marsaa ture.
NASAn Astirooyidicha saatelaayitaan erga rukkuteen booda garuu saffisni ittiin Dimoorfoos marsu gara sa'aatii 11 fi daqiiqaa 23tti gadi bu'eera.
Yunivarsiitii Joon Hopkinsitti ogeessi Applaayid Fiiziksii Dr. Naansii Caabot akka jedhanitti, saatelaayitiin NASA Astirooyidicha xiqqoodhuma dhiibee kallattii jijjiirsisuu danda'ullee, yeroo itti aanutti kallattii Astirooyidii ballinaan jijjiirsisuuf waggoota dursuun saatelaayita furguggaasuu barbaachisa.












