Suuraalee ajaa'iboo turtii guyyoota 100 konkolaataa 'Perseverance' Maarsirraa

Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech/ASU
Konkolaataan Nasa Maarsitti erge 'Perseverance' erga pilaaneetii diimtuu geesse guyyoota 100 lakkoofsiste. Robootin kun achi gubbaa mallattoon jireenyaa durii tarii yoo jiraate, akkasumas ji'ooloojii fi haala qilleensaa durii pilaanetichaa baruuf ragaalee funaanuuf godaante.
Guraandhala 18 erga achi geesse booda, roobotiin kun suuraalee aja'iboo naannawa bakka qubannaa ishee dhooqa 'Jezero Crater' jedhamutti kaastee jirti. Dhooqni Jezero bal'ina km49 kan qabu oggaa tahu, mudhii pilaaneetii diimtuu kanarraa gara kaabaatti kan argamudha.
Helikooptarri bicuu 'Ingenuity' ammoo qilleensarraan suuraalee kaasteetti. Heelikooptarri kun balaliinsa annisaa ofiin pilaaneetii biraarratti to'atamtu seenaa keessa ishee jalqabaa taatee jirti.
Kunneen suuraalee ergama kanarraa kaafaman isaan muraasa filannedha.

Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech/MSSS
Ibsa waa'ee suuraa, Ebla 6, konkolaataan Perseverance kaameeraa Watson jedhamu fayyadamuun, suuraa ofee (selfie) kana helikooptara Ingenuity wajjin kaasteetti. Suuraan kun suuraalee dhuunfaa 62rraa kan midhaaffame oggaa tahu, gara lafaatti erga ergamee booda walitti tolfame.
Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech/MSSS
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyootaan dura helikooptarri Ingenuity roboticha karaa jalaatin gadi buufamte
Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech/ASU
Ibsa waa'ee suuraa, Helikooptarri kg1.8 ulfaattu tun, teknooloojii qilleensa Maars daran haphii tahe keessa sochii godhamuuf agarsiiftuudha jedhameera.
Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech
Ibsa waa'ee suuraa, Ebla 19, Ingenuity'n seenaa hojjette - balallii annisaa ofiin pilaaneetii biraarratti kan to'atamtu seenaa keessa ishee jalqabaa taate. Gidduu suuraa kan mullattu heelikooptarri tun, meetira sadii olkahuun erga balaliite booda deebitee qubatte.
Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech
Ibsa waa'ee suuraa, Balallii Ingenuity lammeessoon ammoo suuraa haalluu qabu isheef kan jalqabaa tahe kaaste. Yeroo kana m5 lafaa olkahuun, naannoftee gara cinaa ammoo meetira lama balaliite. Achiis deebitee qubatte. Faanni Perseverance fi gaaddiduun Ingenuity lafa Maarsirra ni mul'ata.
Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech
Ibsa waa'ee suuraa, Caamsaa 7, Ingenuityn olka'insa meetira7 gahuun, meetira 129 balaliitee bakka biraa qubatte.
Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech
Ibsa waa'ee suuraa, Ji'a lamaan dura ammoo, Perseverance erga qubattee booda yeroo jalqabaaf sochii goote. Konkolataan toonii tokko ulfaatu kun, meeshaalee ragaa Maarsiirraa ittiin guuru daran ammayyaawaa tahan qaba.
Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech/ASU
Ibsa waa'ee suuraa, Kana malees Perseverance sirna carallaa leezarii ragaa ji'oolojii pilaanetichaa ittiin guuru qaba. Dhagaa sm15 kana wayita qoratutti, meeshaan leezarii kun tuqaa urameefi bicuu tahe gara gidduu dhagaa kanarra dhiiseera.
Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech/ASU
Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataan haalaan ammayyaawaa tahe kun kaameeraawwan hedduu hidhateera. Suuraan kunis kaameeraa 'ija mirgaa' Mastcam-Z'n kan kahedha. Kaameraan gosa kanaa suuraalee akka ijji namaa arguu danda'utti kaasuu kan danda'udha.Konkolaataan Perseverance bajata oppireeshinii bara Maarsii tokkoo qaba - ganni tokko Maarsii gubbaa dacheerra ganna lamatti dhiyaata.