Suuraalee ajaa'iboo turtii guyyoota 100 konkolaataa 'Perseverance' Maarsirraa

Konkolaataan Nasa Maarsitti erge 'Perseverance' erga pilaaneetii diimtuu geesse guyyoota 100 lakkoofsiste. Robootin kun achi gubbaa mallattoon jireenyaa durii tarii yoo jiraate, akkasumas ji'ooloojii fi haala qilleensaa durii pilaanetichaa baruuf ragaalee funaanuuf godaante.

Guraandhala 18 erga achi geesse booda, roobotiin kun suuraalee aja'iboo naannawa bakka qubannaa ishee dhooqa 'Jezero Crater' jedhamutti kaastee jirti. Dhooqni Jezero bal'ina km49 kan qabu oggaa tahu, mudhii pilaaneetii diimtuu kanarraa gara kaabaatti kan argamudha.

Helikooptarri bicuu 'Ingenuity' ammoo qilleensarraan suuraalee kaasteetti. Heelikooptarri kun balaliinsa annisaa ofiin pilaaneetii biraarratti to'atamtu seenaa keessa ishee jalqabaa taatee jirti.

Kunneen suuraalee ergama kanarraa kaafaman isaan muraasa filannedha.

Konkolaataan Perseverance bajata oppireeshinii bara Maarsii tokkoo qaba - ganni tokko Maarsii gubbaa dacheerra ganna lamatti dhiyaata.