Konkolaataan 'Perseverance' jedhamtu Nasa'n Maarsirra qubachiise suurawwan ajaa'ibaa ergaa jirti

Konkolaataan 'Perseverance' jedhamtu Nasa'n Maarsitti erge suurawwan ajaa'ibaa ergaa jirti.

Konkolaataan kun Dacheerraa kaaatee imala ji'a toorbaa booda Maarsirra Guraandhala 18, 2021 saatii 20:55 GMT irratti mikliin qubatte.

Erga Maarsirra qubattee kaastee konkolaataan kun suurraawwan hedduu nama ajaa'iban bakkeewwan irra qubatteefi naannoosheerraa ergaa jirti.

Konkolaataan kun dhooqa guddaa mudhii lafaa Pilaaneetii kanaatti kan argamu Jezero jedhamu maddii qubatte.

Konkolaataan kun ergama hojii mallattoowwan kanaan dura lubbu qabeessi Maarsirra jiraateera yoo ta'eef agarsiisan, haala qilleensaa durii qabaataa turee, ikoloojii, akkasums kattaawwan jiran amala isaanii qorachuuf. Suuraawwan konkolaataan kun ergite keessaa muraasni filamanii akka itti aanutti dhiyaataniiru.

Konkolaataan Nasa 'Perseverance' jedhamtu kun fandii yeroo hojiif barbaachisu kan waggaa Maarsii tokko qabdi. Waggaan Maarsii tokko ammoo akka kan Dacheetti waggaa lamatti tilmaamama.