Urjiileen dur ija keenyaan argaa turre maaliif dhabamaa jiru?

Magaalota halkan irra mul'atanii fi ifaan faalaman

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalota halkan irra mul'atanii fi ifaan faalaman

Waggoota kurnan darban keessa lakkoofsi urjiilee namootni ija isaaniin arguu danda’anii akkaan hir’ataa dhufaniiru.

Sababni isaa immoo ifa nam-tolcheerraa kan ka'e galgala ifti samii keessaa dabaluu ykn ''Skyglow'' dha.

Akka qorattoonni jedhanitti kuni bara erga bara 2011 dabalaa dhufeera.

Dr Kiristoofer Kiibaa, Gidduugala Qorannoo Ji’oosaayinsii Pootsdaam, Jarman irraa BBC'tti akka himanitti,’’ urjiileen samii irratti arginu badaa dhufaniiru’’.

Isaa fi waayillan isaanii argannoo kana barruu qorannoo (Afaan Ingiliziitti geessa) irratti maxxansaniru.

Faalama Ifaa

Akka qorattoota faalama ifaatti Faabiyoo fi Saalvaadoor Baaraa,’’ Viidiyoo fi suuraa Dachee kanaa halkan Gidduugala Qorannoo Hawaa Idil-adunyaa irraa yoo ilaallu, uummatni miidhagina ifa magaalotaan booji’amu, isaanis ifa mukkeen Ayyaana Qillee irraa fakkaata.

"Isaan kun suuraa faalamaa tahuu hin hubatan. Akka halluu sabbata Waqayyoo isa sababa gaazooliniidhaan bishaan keessatti uumamuu dinqisiifachuutti ilaalu, garuu faalama keemikaalaa tahuu isaa hin huabatan.’’

Dr Kiibaan waggoota dhiyoon as faalama ifaa fooyya’uu wantootni agarsiisan akka jiran himan.

Sababni isaa ammo magaalotni hedduun ibsaan fayyadaman kan aannisaa qusatu akka tahu waan godhaniif jedhan.

Magaalotni biyyoota guddatan keessaa ibsaa daandii irratti dur fayyadaman, ibsaa ammayyaa’aa [LEDS]’n bakka buusaa jiru.

Isaan kunneen gara lafaatti gadi kan qaban yoo tahu faayidaan isaanis achuma irratti kan xiyyeeffatedha.

"Abdiin jiru yoo kallattiin ifaa sirriitti qajeele fooyya’insi ni jiraata kan jedhudha’’ jedhan.

‘’Garuu gosa ifaa hedduutu jira, ibsaa daandii irraa, faaya adda addaaf kan ibsaman, beeksisaaf, fi kanneen kana fakkaatan walitti qabamuun ibsaa samii kanaa rakkoo keessa akka galu godhu’’ jedhan.

Akkatti urjiileen hir'achaa dhufan

Madda suuraa, Kyba et al.Science

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ejensichi waan kana ‘’ifa faallaa tahe [lighting paradox]'' jechuun ibsa.

Yerootti ibsaan LEDS hamma aannisaa fayyadamnu xiqqeessuun dandeettii namootni halkan arguuf qaban yoo dabalu, hammi faalama ifaa garuu dabaleera jedhan.

Karaa faallaa taheen yoo ibsamu, hammuma namootni ifa gatiin isaa rakasa tahe fayyadamanii fi ifa gaarii argatan araadni hawwaasni ifa guddaa argachuuf qabus dabalaa deema jedhan qorattootni.

Faalamni ifaa dandeettii nuyi urjiilee arguuf qabnu xiqqeessa qofa miti.

Garuu fayyaa namaa hubuun yeroo hirribaa namootaas ni jeeqa jedhan.

Dabalataan amala hormaata umamaa kaaniis ni miidha. Qorannoon dhiyoo bahe tokko akka agarsiisetti hammi ilbiisotaa sababa kanaan hir’ataa dhufeera.

"Akkas tahuu hin qabu ture,'' jedhan Dr Kiibaan. '‘Ammayyuu wantootni fooyyessuu qabnu hedduun jiru, yoo ifa guddaa fayyadamta tahe, ho’a samii irraa xiqqeessuus qabda,‘‘ jedhan.

"Yaaadachuu kan qabnu faalamni ifaa aannisaa qisaasa’edha. Aannisaa ifaa kana gara samiitti gadhiisaa jirra, akkas gochuu hin qabnu ture,‘’ jedhan Dr Kiibaan.