Ilmi Mootii Sa'udii Hamaas, Israa’elifi biyyoota Lixaa qeeqan

Madda suuraa, Getty Images
Dhimma lola amma Baha Jiddu-galeessaa keessa jiru ilaalchise haasaan Ilmi mootii Sa'udii Turkii al- Fayisaal torban kana taasisan, haasaa dhugaa maatii mootii Sa'udii irraa kana dura hin argamnedha.
Haasaan kun akka hooggansi Sa'udii wa’ee dhimma kanaa yaadaa akka jiru kan agarsiisu ta’uu hubatameera.
Ilmi Mootii Turkiin, haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 lammilee Isra’el irratti gaggeeseefi haleellaa rookkeetii Isra’el walitti fufiinsaan Gaazaa irratti gaggeessitu ifatti balaaleffataniiru.
Kana keessa gootni hin jiru miidhamtoota malee jedhan.
Yunivarsitii Raayis Huustan Ameerika jirutti haasaa taasisaniin Ilmi Mootii Turkii, haleellaa qilleensaa Isra’el fi kan Hamaas qeequun dubbatan.
Haalaa yeroo ammaa keessatti sagalee Arabaa yemmuu Hamaasiin qeequ dhaga’uun waan barame miti.
Gareen kun [Hamaas] qajeelfama Islaamummaa namoota nagaa hin miidhinaa jedhu faallessaniiru jedhan. Namoota Hamaasiin butaman ykn ajjeefaman keessa harki caalaansaanii lammilee nagaadha.
Kana dura dippiloomaatiifi hoogganaa basaasaa kana turan Ilmi Mootii Turkii, balaaleffannaan Hamaas irratti dubbatan kan Isra’eliin balaaleffataniin kan wal maadaludha.
Israa’el “lammilee nagaa Filisxeem Gaazaa keessa jiran boombiin haleeluufi ijoollee, dubartootaafi dhiiroota West Baank keessatti haqa malee hidhuun,” qeeqaniiru.
Dabalataanis miidiyaaleen US wa’ee haleellaa Onkololeessa 7 irratti ‘haleellaa sababa malee’ taasifame jechuun gabaasuu isaanii qeeqaniiru.
“Wanta Isra’el waggootii 75’f uummata Filisxeem irratti raawwatte caalaa… sababa dabalataa maaltu barbaachisa?” jedhan.
Dabaluunis “uummatni to’annoo waranaa jala jiru to’annoo sana falmuuf mirga qabu,”jedhan.
Ilmi Mootii Turkiin, namootni siyaasaa biyyootii Lixaa “yeroo lammileen Isra’el Filisxeemotaan ajjeefaman boo’anii, yeroo lammileen Filisxeem Isra’eliin ajjeefaman garuu gaddalee ibsuu didan,” balaaleeffataniiru.
Erga Sanaa Pirezdaantiin US Joo Baayden, yeroo Isra’el daaawwatanitti, US miidhamtoota nagaa hundaaf akka gaddan himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaaf, haasaa, ilma mootii Turki akka bal’inaan gaabafamu utuu beekuu taasise kana duuba maaltu jira?
Haasaa kana taasisuun dura ilmi mootii kun, dursee anga’oota biyyattii, akkasumas maatii moototaa keessa isa cimaa fi biyyatti kan bulchu Ilma Mootii Mohaammed bin Salmaan waliin hin mari’atiin hin oolu.
Abbaan ilma Mootii Turkii, mootii beekamaafi biyyattii ammayyeessee Mootii Faayisal jedhamudha. Motiin kun bara 1975’tti ajjeefame.
Obboleessi isaa hanga 2015’tti du’aan boqotutti yeroo dheeraaf miniteera haajaa alaa Sa'ud Arabiyaa ta’ee tajaajilaa ture.
Barnoota isaanii US fi Biriteen keessatti barachuun isaanii ilaalchaafi aadaa biyyootii Lixaa akka hubatan taasiseera.
Sana booda waggootii 24f hoogganaa basaasaa Sa'ud Arabiyaa ta’uun damee basaasa biyya alaa dursaniiru.
Haleellaa 9/11 bara 2001 booda ambaasaaddara Sa'ud Arabiyyaa ta’uun Landanitti, sana boodammoo Washingtonitti tajaajilaniiru.
Amma umurii ganna 78’tti mootummaa Sa'udii keessatti aangoo kan hin qabne Ilmi Mootii Turki al-Fayisaal, yeroo waltajjiiwwan idil-addunyaa adda addaa irratti haasaa taasisan ilaalcha Sa'udii irratti hubannoo dabalataa kennuu itti fufaniiru.
Hooggantoonni Sa'ud Arabiyaa Hamaasiin hin jaallatan. Hooggantoonni Masirii, Joordaan UAE fi Bahreenis ilaalchi isaan Hamaasiif qaban akka ‘Islaamummaa siyaasa’ ta’ettidha.
Hamaas waajjira siyaasaa Qataar keessaa qabaatus, deeggaraan isaa ijoon Iraanidha.
Iraan ammoo waggootii dheeraaf Sa'ud Arabiyaa waliin waliif diina.
Sa'udiifi Iraan bara kana waldhabdee isaanii seeraan furuuf walii galaniis, lamaan isaanii gidduu wal amantaan hin jiru.
Kun ta’us, lamaan isaanii haleellaa boombii Israa’el Gaazaa irratti gaggeessaa jirtu balaaleffachuun, deeggarsa Filisxeemiif qaban ibsaniiru.












