Israa'eel waraana lafoon Gaazaa seenuun dura yaaddoofi bu'aa tilmaamte

Loltoota taankii keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Israa’el haleellaa gaafa Onkolooleessa 7 karaa kaabaan irratti raawwatame hordofuun loltootashee Gaazaa keessa galchuun Hamaas akka humna waraanaatti akka deebii’e hinjiraanneetti balleessuuf qophaa’aa jiraachuu guyyootaaf beeksiisaa turte.

Kanaafis humni eeggataa 300,000 ol ta’u Humna Waraana Israa’el (IDF)tti akka makamuuf waamameera. Maasiiwwan, dirree fi Kibbutz daangaa Gaazaa gama Israa’eliin argamu taankiiwwan Merkaavaa, meeshaa waraanaa sirna ofiin tilmaamanii dhukaasan fi loltoonni lafoo hidhannoo adda waraanaa guutuu hidhatan kumaatamaan gutummeera.

Humni Qilleensaa fi Galaanaa Israa’el ammoo bakkeewwan Gaazaatti Hamaas fi Filisxeem Islaamist Jihaad keessa dhokataniifi meeshaalee waraanaa keessa ni kuufama jedhanii shakkan irratti adeemsa haleellaa raawwachuun wal qabatee lammiilee nagaa hedduu fi ajajoota Hamaas muraasa kan ajjeessuun hedduurraan ammoo miidhaa qaqabsiisaniiru.

Dhohiinsi guyyaa Kibxataa Hospitaalaa Gaazaa irra gahuun du’aatii olaanaa qaqabsiiseefi gama lamaaniinuu wal himannaafi haaluu kaasee ammoo, naannicha keessaa muddama biraa kaaseera.

Kanaaf, Israa’el maaliif waraana lafoo karoorfatte Gaazaa keessatti hin eegaliin? Sababiiwwan hedduun kanaan wal qabatan jiru.

Dhimma Baayidan

Daawwannaan Pirezidant Joo Baayidan muddamaa keessatti torban kana keessa taasisanis, Waayit Hawus attam waa’ee haala badaa jiruun akka yaaddoofte kan agarsiisudha. Waashingitan yaaddoowwan gurguddaa lama qabdi: rakkoo namoomaa cimaa jiruufi balaa walitti bu’insi kun Jidduugala Bahaa keessatti babal’achuu.

Pirezidantiin Ameerikaa Israa’el Gaazaa, kan bara 2005 keessaa baate, deebistee to’achuu akka morman dursanii ifa taasisaniru. Kanaanis, ‘‘dogoggora guddaa’’ ta’a jedhan.

Baayidanis ifatti Israa’el kan daawwatan, Jidduugala Bahaatti michuu dhihoo Ameerikaatiif deeggarsa tarsimoo agarsiisuufi karoora Israa’el Gaazaaf qabdu dhagahuufidha.

Haala ifa hin taaneenis mootummaa Benjaamiin Netaniyaahuu cimaa irratti dhorkaa muraasa gaafataa jira ta’a. Ameerikaan Israa’el Gaazaa yoo seente, karoora bahumsa ishee fi yoom akka ta’e baruu barbaaddi.

Yeroo Airforce One [xiyyaara pirezidantii Ameerikaaf ramadaman]Teel Aviiv keessa dirree irra qubaturra dhaabbatee osoo jiruu haalli Israa’el weerara loltummaa guutuu Gaazaa keessatti itti raawwattus, Ameerikaafis ta’e Israa’eliif gaarii hin ta’u.

Dawwannaa Pirezidant Baayidan kan dhohinsa sukkanneessaa hospitaala Gaazaa Al-Ahlii Araabiin haguugameen, Baayidan jecha Israa’el dhohinsicha kan uumee rookkeettii dogongoraa Filisxeem dhukaaseen mudate jettuu ifatti deeggaran.

Aanga’oonni Filisxeem ammoo haleellaa qilleensaa Israa’elitu hospitaalicha rukkute jedhan. BBCnis sababii dhohinsa du’a namoota dhibbaan lakkaa’amanii kana addatti mirkanneeffachuuf hojjataa jira.

Dhimma Iraan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyoota muraasa darban keessa, Iraan haleellaan Israa’el Gaazaa irratti raawwatte deebii osoo hin argatiin hin hafu jechuun akeekkachisawwan cimaa baaftee jirti. Kun qabatamaadhaan maal jechuudha?

Iraan milishoota Shi’aa hedduu Jidduugala Bahaa keessatti deeggaraa, leenjiisaa, hidhachiisaafi hanga tokko to’ataa jirti. Isaan keessaayis baayyee cimaan, kan Leebaanos daangaa Kaaba Israa’elitti argamu Hiziboollaadha.

Biyyoonni lamaan bara 2006tti waraanaa sukanneessaafi cimaa gaggeessanii ture. Yeroo sanarraa kaasees, Hizboolaan deeggarsa Iraaniin ammatti rookkeettiiwwanii fi miisaa’eloota kan hedduunsaanii fageenya dheeraatti furguggifamuu danda’aniifi haalaan qiyyeeffatanii rukutaan 150,000 akka qabu tilmaamama.

Asirratti Israa’el yoo Gaazaa weerarte Hiziboollaan daangaa Kaaba Israa’eliin adda haaraa banuu danda’a yaaddoo jedhutu jira. Kunis Israa’el akka adda lamaan waraana gaggeessitu dirqiisiisa jechuudha.

Haata’u malee, Hizibollaan yeroo kanatti waraana kana akka barbaadu mirkanneessuun dubbachuun hin danda’amu. Keessattuu, erga dooniiwwan humna galaanaa Ameerikaa lama qarqara galaana Kaaba Meeditiraaniyaan qaqqabuun deeggarsa Israa’eliif qophii ta’un ibsame kanatti waraanaa barbaachuunsaanii hin baramne.

Kunis tarii haleellaa Hiziboollaan raawwatamu kamiifuu humna qilleensaa fi galaanaa Ameeriikaatiin deebiin kennamuu akka danda’u hanga tokko Israa’eliif wabii kennaaf.

Haata’u malee, waranaa dhumaa Israa’el Hiziboollaa waliin bara 2006tti gaggeessiteen, hidhattoonni misaa’eloota farra doonii hammayyaa’oo ta’aniin doonii waraana Israa’el qarqara galaanaatti rukutuunsaanii ni yaadatama.

Karoora Israa'el Gaazaa seenuu ture

Madda suuraa, Getty Images

Dhimma namoomaa

Ilaalchi mootummaa Israa’el rakkoo namoomaaf qabu, Hamaas Gaazaa keessaa buqqisee baasuun walqabate, kan addunyaa kaanitiin boodatti hafaadha.

Haleellaa qileensaa Israa’el raawwattuun walqabatee duuti namoota nagaa Filisxeemootaa dabalaa akkuma deemuun, gaddi addunyaan haleellaa sukkanneessaa Onkolooleessa 7 Hamaasiin raawwatameef Israa’eliif agarsiisaa ture, amma iyya haleellaan qilleensaa akka dhaabbatuufi lammiileen nagaa Gaazaa akka baraaraman kan jedhuun bakka bu’eera.

Yoo loltoonni lafoo Israa’el Gaazaa kan seenan ta’e ammoo lakkoofsi namoota ajjeeffamanii kana caalaa ni baayyata.

Loltoonni Israa’elis akkuma kana ajjeefamuu danda'u. Haxxee hidhuudhaan, dhokatanii eeggachuudhaan, isnaayippariifi kiyyoowwanii ni ajjeeffamu. Irra caalaan lolaa ammoo ulaawwan lafa jalaa dheerina qaban keessatti ta’uu danda’a.

Garuu ammoo, ammas dhiibbaa miidhaa kanaa kan irra gahu ummatuma nagaa ta’uu danda’a.

Dadhabbii odeeffannoo waraanaa guddaa

Tika Israa’el baatii kana keessa waan hamaatu isa mudate.

Shin Bet, eejjansii tika biyya keessaa, haleellaan Hamaas jalqabaa dhufaa jiraachuu bira qaqqabuu dadhabuusaatti itti gaafatamummaa fudhateera. Innis ajajoota Filisxeem Islaamist Jihaad hordofuudhaaf Gaazaa keessa oddeeffannoo kan kennaniifi hidhata tikaa qabaachuu qaba ture jedhameera.

Garuu ammoo, taateen guyyaa Sambataa sana ganama kibba Israa’elitti mudatees, erga waraana Yoom Kippur bara 1973tti as kun seenaa biyyattii keessatti kufaatii tika isa badaadhaa.

Dhaabbanni tika Israa’elis guyyoota 10 darban keessatti naasuudhaan sirreeffama gochuuf yaalaa kan jiru yoo ta’u, kunis maqaafi eddoowwan namoonni butaman keessatti argaman, akkasumas bakka ajajoonni Hamaas itti dhokatan adda baasuun raayyaan Ittisa Israa’el gargaaruudhaan.

Isaanis yeroo lolli lafoo itti eegaluu qabaaturratti, akkasuumaan jijjigaa gamoo keessa marmaaruurra akka kallattii sirriitti erguu danda’aniif, odeeffannoo gahaa walitti qabachuuf yeroon akka kennamuuf gaafatanii ta’uu danda’a.

Haleellaa boombii Israa’eliin boodas ammas gochi Hamaasiifi Filisxeem Islaamist Jihaad itti fufee loltoota Israa’el kan itti dhufan yoo ta'e dura dhaabbachuuf karoorfachuun eeggataa jiru ta’a.

Keessattuu ulaawwan lafa jalaa sana keessatti balaafamaa ta’uu mala. Dhaabbanni tika Israa’el eddoosaanii adda baasuufi haaluma sanaan raayyaa akeekkachiisuu barbaada.