Bataskaanni guutuun akkamiin buqqaafame gara magaalaa biraatti geeffame?

Bataskaana Kiruunaa

Madda suuraa, Reuters

Bataskaanni Siwiidiin ganna 113 sodaa balaa tarsa'uu lafaaf gara iddoo km5 fagaatutti geejibame.

Bataskaanni halluu diimaa bara 1912 mukarraa tolfamte guutummaanshee ol kaafamtee waltajjii gommaa qabuufi sa'atiitti m500 imalurra kaa'amuun geejibamte.

Imalli kuni guyyaa lama akka fudhatus tilmaamamera.

Lafti naannichaa sibila baasuuf waggaa 100 ol qotamaa turuu irraan kan ka'e lafti akka tarsa'uu waan godhuuf balaa qaba jedhame.

Bataskaanni kuni achii sochoofamuun gamoowwan magaalaa Kiruunaa keessa jiran gara iddoo biratti hojii dhaqachuu keessatti akka mallattoo addaattii ilaalameera.

Ogeettii dhimma aadaa biyyattii kan taate Soofiyaa Laagarloof Maataan ''yeroon geesse egaaa, kana raawwachuuf waggaa baayyeef eegneerra,'' jette.

Namni bataskaana kana geejibuu irratti itti gaafatamummaan hojjetan Isteefaan Hoobilaad Johaansa, ''kana raawwachuuf qophii baayyee gooneerra,'' jedhan.

''Taatee seen-qabeessa, guddaafi oppireeshinii wal-xaxaa yoo tahu dogoggoraaf carraa hin qabdu. Garuu waan hunduu to'annoo jala jira,'' jedhan.

Akkaataan namni kuni itti dubbatu qophii yeroo dheeraa akka taasisan agarsiisa.

Bara 2010 keessa gamoowwan Kirunaa baayyee gara iddoo nagaa qabutti dabarfamaniiru.

Baayyeen isaanii immoo jigsamanii deebi'anii kan ijaaraman yoo kanneen seen-qabeessa tahan ammoo akkauma jiraniin gara iddoo biraatti geeffamaniiru.

Kunis gamoowwan Hajaalmaar Laandsboohamsgaardan manneen mukaaa keelloo sadan jedhaman iddoo sadiitti hirmaniiru.

Gamoon sa'atii lakkaa'uufi baaxii galma magaalaa biyyattii irratti argamus gara magaalaa haaraatti geeffameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seera Siwiidiniin gochaan albuuda baasuu gamoowwan jalatti adeemsifamuu hin danda'u.

Roobart Yiltaaloon hogganaa olaanaa dhaabbata misoomaa Kiruunaati, ''sodaan lafti baqaqee nama gadi fudhata jedhamu hin jiru garuu yeroo keessa sirna elektiriikiifi ujummoowwan bishaan xuriin faa keessa deemu balleessuu waan danda'uuf bu'uuraaleen misoomaa kunneen otoo hin badiin namoonni achii bahuu qabu,'' jedhan.

Dhaabbanni sibila baasuu LKAB baasii gamoowwan kunneen iddoo biraatti dhaqachuu doolaara biiliyoona 1 kaffaleera.

Bataskaanni Kirunaa meetira 35 kan ol dheeratu yoo tahu dalga ammoo meetira 40 bal'ata, ulfaatinnisaa ammoo toonii 672 dha.

Yeroo tokko gamoo bareedaa Siwiidiin 1950 dura ijaarame jedhamuun filatamee ture.

Gamoo hamma kana guddaatu iddoo tokkoo gara iddoo biraatti dhqachuun waan barame miti.

Injinaroonni bataskaana kana otoo walirraa hin bubuqqaasiin guutummaadhuma isaa xaawulaadhaan deeggaranii gara fuulduraatti oofuun achi geessuuf.

''Danqaan inni guddaan gamoo akkasii kanaa geejibuuf karaa irraa deemu qixeessuu ture,'' jedhan Joonsan.

''Karaa meetira 24 bal'isnee ibsaa karaafi riqichaa jiguuf tures kaasnee,'' jedhan.

Hojii akkaan of eeggannoo barbaadu ammoo keessoofi miyoota gatii jabeessa tahan iifi fakkiiwwan miseensa maatolii Siwiidiin Ilma mootii Yuujiniin ijaaraman otoo waan hin tahiin geejibuu dha.

''Waan muka wayiirra rarra'ee akka barbaadde fuutee deemtu miti,'' jedhan Joonsan.

Miyootaafi fakkiiwwan kunneen achii otoo kaafamanii ni miidhamu ture, kanaaf fakkiiwwan haguugamaniifi akka hin sochoonetti geeffaman.

Jiraattotaaf kuni hojii injinariingii qofa otoo hin taane battala miiraan guutame ture.

''Bataskaanni kuni wiirtuu hafuuraafi wal-gahii hawaasaa tahuun tajaajilaa ture,'' jechuun Soofiyaan dubbatti.