Israa'el waajira Al Jaziiraa Yeruusaalem keessa jiru uggurte

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Israa'el sochii televizhinii Al Jaziiraa biyyattii keessa jiru cufuuf murteesseera, dhaabbatichi afaan garee hidhataa Hamaasidhas ittiin jedheera.
Ministirri mummee Beenjaamiin Netaaniyaahuu kaabineen isaanii otooma waraanni Gaazaa itti fufee jiruu miidiyaan kuni akka cufamuuf murteessuu himan.
Poolisiin waajira dhaabbata tamsaasaa Kataar, Yeruusaaleem hoteela Ambaasaaddar keessa jiru Dilbata kaleessaa weerareera.
Al Jaziiraan himannaa irratti ka'e,''balaa kan qabuufi soba badaa tahedha,'' jedheera.
Dhaabbatichi ''tarkaanfii seeraa barbaachisu hunda,'' fudhachuuf akka jirus hime.
Ministirri Koominikeeshinii Israa'el Shiloomoo Kaarhii yeroo weerarametti meeshaan fudhatmeera jedhan.
Viidiyoon ministirichaan X irratti maxxanfame poolisoti yeroo hoteela seenan agarsiisa.
Gareen BBC waan tahe mil'achuu yaalee ture garuu akka viidiyoo hin waraabneef dhorkameeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Rooyitars jedhutti tajaajilli saatalaayitii Yes jedhamu, ''murtoo mootummaadhaan buufatni tamsaasaa Al Jaziiraa Israa'el keessa jiru akka dhaabbatu taasifameera,'' ergaa jedhu dabarseera.
Tahus uggurri kuni guutummaan miti sababiinsaas tamsaasni dhaabbatichaa ammallee karaa Feesbuukii aragmuu danda'a jedhe.
Al Jaziiraan Israa'el keessa jiru cufamuumn gareewwan mirga namoomaafi pireesiif falmaniin qeeqameera.
Waldaan Mirgoota Siviilii Israa'el uggurri kuni akka ka'uuf Mana Murtii Olaanaa Israa'elitti himannaa jalqabeera.
Gareen kunis Al Jaziiraan meeshaa ololaa Hamaas taheera inni jedhu bu'uura kan hin qabneefi uggurri irratti taasifames, ''ajandaa siyaasaa sagalee qeeqaafi miidiyaa Arabaa ukkaamsuu irratti kan xiyyeefate dha, '' jedheera.
Waldaan Pireesii Biyyoota Alaa (FPA) mootummaan Israa'el murtoosaa deebi'ee akka ilaaluufi, ''Al Jaziiraan cufamuun deeggartoota walbummaa pireesii hunda yaaddessuu qaba,'' jedhe.
Dabaluunis ibsa baaseen, ''Israa'el amma mootummoota abbaa irree miidyaalee cufanitti makamteetti,'' jechuun Netaaniyaahuun miidiyaalee biyyoota alaa ''farra biyyaaati,'' jedhee yaadurratti xiyyeeffata jechuun akeekkachiiseera.
Koreen Eegumsa Gaazexeessitootaa CPJ' tti Hogganaan Sagantaa Kaarloos Maartiineez dee laa Sernaa haaluma wal-fakkaataan: ''Kaabineen Israa'el Al Jaziiraafi miidiyaalee alaa hundi bilisummaan akka socho'an eeyyamuu qaba, keesumaa yeroo waraanaa, '' jedhe.
Waajirri Mirga Namoomaa UN mootummaan Israa'el uggura akka kaasu X irratti gaafateera: ''Miidiyaan bilisaa fi walabaa iftoomaafi ittigaafatamummaa mirkaneessuuf bu'uura. Amma Gaazaarraa gabaasuuf itti jabaataa taheeras,'' jedheera
Gaazexeessitoonni biyyoota alaa Gaazaa akka hin galle dhorkamaniiru. Hojjattoota Al Jaziiraa qofatu achii haala jiru gabaasaa ture.
Qondaaloti Israa'el waggootaaf Al Jaziiraadhaan farra Israa'el dha jechuun himataaa turan.
Onkololeessa 7 erga waraanni jalqabee ammoo qeeqni Al Jaziiraa irratti qaban jabaachaa dhufe.
Waraana kanaan yeroo Hamaas kibba Israa'el haleellaa bane lammiileen Israa'el 1,200 kan ajjeefaman yoo tahu, namoota 250 butaman keessaa 128 haala maalirra akka jiran hin beekamu,34 du'aniiru tilmaamni jedhu jira.
Haleellaa boodarra Israa'el fudhataa jirtuun Gaazaa keessatti namoonni 34,600 yoo ajjeefaman, 77,900 madaa'aniiru jedha ministirri fayyaas Hamaasiin hogganamu.
Ji'a darbe paarlaamaan Israa'el mootummaa biyyattiif aangoo miidiyaalee biyya alaa yeroo waraana Hamaas nageenya biyyaalessaaf yaaddoo tahan yeroof ittiin cufu danda'u seera raggaaseera.
Biyya waajirri mummee Al Jaziiraa argamu Kataaritti immoo erga waraaanni jalqabee mariin Israa'eliifi Hamaas kan adeemsifamaa jiru.
Marii kana dura hoggantummaa Kataariin taasifameen Sadaasa drabe dhukaasni yeroof dhaabbatee, lammiileen Israa'el butaman 105 deebi'anii ture.
Al Jaziiraan Israa'el beekuma hojjattootasaa irratti xiyyeeffachuu himeera.
Gaazexeessitoota dhaabbatichaa Hamzaa al-Dahduu, ilmi hogganaa waajira Al Jaziiraa Waa'el al-Daahduu haleellaa Israa'eliin kana dura ajjeefaman. Israa'el garuu gaazexeessitoota irratti qiyyaafachuu ni haalti.
''Israa'el walbummaa pireesii gadi-qabuun yakka raawwattu gaazexeessitoota hidhuufi ajjeesuun dhoksuuf yaaluun hojii keenyarraa nun dhaabu,'' jedhe dhaabbatichi deebii dhorkaa irra kaa'ameef kenneen.












