Gaazexeessituun Al Jazeera haleellaa Israa'eliin West Baank keessatti ajjeefamte

Shereen Abu Aqleh

Madda suuraa, Al Jazeera

Ibsa waa'ee suuraa, Shereen Abu Aqleh waggoota 15 darbaniif waraana Israa'elii fi Paalastaayin gabaasaa turte

Gaazexeessituun Al jaziiraa Shereen Abu Aqleh jedhamtu haleellaa loltoonni Israa'el magaalaa West Baank keessatti argamtu Jeniin keessatti raawwataa turanitti osoo gabaasaa jirtuu ajjeefamuu miidiyichi gabaaseera.

Miidiyaan biyya Kaataar kun akka jedhetti loltoonni Israa'el ''itti yaadanii'' gaazexeessituu umrii waggaa 51 Abu Aqleh rasaasaan rukutanii ajjeesan.

Haleellaa kanaan gaazexeessaa kan biraanis madaa'eera.

Mootummaan Israa'el loltoonni isaa gaazexeessitootarratti xiyyeeffatanii haleellaa akka hin raawwanne ibseera.

Inumaa gaazexeessitoonni kunneen wayita walitti dhukaasaa turan hidhattoota Paalastaayiniin haleelamuu akka hin oolle qoratamuu qaba jedheera mootummaan Israa'el.

Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Yayir Laapid ajjeechaan gaazexeessituu Abu Aqleh akkaan gaddisiisaa ta'uu himanii, dhimma kana qondaaltota Paalastaayin waliin ta'uun akka gadi fageenyaan qoratan ibsaniiru.

"Walitti bu'iinsaa fi dirree waraanaa gosa kamiyyuu keessatti gaazexeessitootaaf eegumsi godhamuu qaba. Hundi keenyayyuu ammoo dhugaa baasuuf dirqama qabna,'' jedhan.

Gargaaraan Ministira Dhimma Alaa Kaataar Lolwah al-Khater, gaazexeessituu Abu Aqleh osoo golgaa fuulaa of eeggannoof godhatamu uffattee jirtuu fuula keessa rasaasaan rukutamte jedhan.

Ministeerri Fayyaa Paalastaayin gaazexeessituun kun erga rasaasaan rukutamtee hatattamaan gara hospitaalaa geeffamtee booda du'uu mirkaneesse.

Gaazexeessituun kuni waggoota 15 darbaniif waraana Israa'el fi Paalastaayin afaan Arabaan gabaasaa turte.

Gaazexeessituun Al Jaziiraa Nidaa Ibraahim gaazexeessituu Abu Aqleh ''nama naamusaa fi kabaja guddaa qabduudha,'' jette.

Ajjeefamuunshee gaazexeessitoota ishee waliin hojjetan kaaniif rifaatuu guddaadhas jette.

Waraanni tibbana Israa'elii fi Paalastaayin gidduutti gaggeeffamaa jiru lammiilee Israa'el 17 fi lammiilee Yukireen lama galaafateera.

Lammiileen Paalastaayin 26 ta'an, loltootaa fi namoota nagaa keessaa, ajjeefamaniiru.

Waraanni Israa'elii fi Paalastaayin yeroo dhiyoo as kan hammaate erga loltoonni Israa'el Weest Baank keessatti haleellaa qaqqabsiisuu eegalaniiti.