Leenjisaan xaaliyaanii kallattiin Waancaa Addunyaaf darbuu dadhaban maaliif Afrikaa komatan?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Xaaliyaanii Genaaroo Gatuusoo torban kana hin gammanne.
Biyyi isaa Noorweyiin 4-1 mo'amuun gara tapha mo'atanii darbuutti ceete. Kallatumaan darbuu hin dandeessu jechuudha.
Waancaa Addunyaa bara 2026 irraas kufuu dandeessi. Waancaa Addunyaa Kanaadaa, US fi Meksiikoon waliin tahan qopheessan irratti Afrikaa irraa biyyoonni sagal hirmaatu.
Bara ani taphataa ture biyyi qabxii gaarii qabaatee sadarkaa lammaffaan xumuru kamuu kallattumaan waancaa Addunyaaf darba ture.
Amma seerri jijjiirameera jedhe. Bara 1990 fi 1994 Waancaa Adunyaa irratti biyyoonni Afrikaa irraa hirmaatan biyyoota lama qofa ture. Amma sagal tahaniiru jedhe.
Ameerikaa Kibbaa irraa biyyoota 10 keessaa jaha kallattiin darbu. Torbaffaan ammoo tapha mo'atanii darbuuf dhaqaba. Kun baay'ee nama gaddisiisa. Seerri kun jijjiiramuu qaba jedhe.
Dubbii Genaaroo Gatuusoo kana keessa wantoonni dhuga hin taane jiru. Jalqaba bara 1994 biyyoonni Afrikaa irraa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatan baay'inni isaanii sadii ture.
Akkasumas bara 1990 keessa biyyoota sadarkaa lammaffaan xumuran hundatu kallattumaan waancaa Addunyaaf darbaa ture miti. Fakkeenyaaf Denmaark lammaffaan xumurtee kuftee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Duraan Awurooppaa keessaa dorgommii internaashinaalaa irratti kan hirmaatan muraasa ture. Bara 1990 keessa biyyoota Awurooppaa 32tu tapha gulaallii irratti hirmaate.
Bara 1994 ammoo biyyoota Awurooppaa 39 tahantu tapha gulaallii keessatti hirmaate.
Amma biyyoota Awurooppaa 54 tahantu kootaa Ardichaaf kenname 16 keessa galuuf tapha gulaallii irratti hirmaata.
Hammuma ardiin tokko biyyoota baay'ee qabaatu taphni isaan garee isaanii keessaa taphachuun darbanis baay'eedha.
Kanaaf Gaatusoon seerri jijjiiramuu qaba kan jedhu. Fakkeenyaaf Biraazil taphoota jaha mo'amtee garuu tapha Waancaa Addunyaaf darbiteetti.
Kun sirrii miti jedhee falma. Awurooppaanis garee adda addaatti qooduun akkuma biyyoota Ameerikaa Kibbaa akka biyyoonni tapha muraasa taphachuun darban haala mijeesseera.
Dubbiin Gaatuusoo kun kanaaf dhugaa irraa kan fagaatedha. Biyyoonni Awurooppaa seera ammaan hin miidhamne.
Waliigalaan yoo ilaalle garuu biyyoonni Ameerikaa Kibbaa %60 hirmaannaa argatu. Awurooppaan %29 hin caalu. Kun akkaataa ramaddii isaaniif kennameettidha.
Gaatuusoon waa'ee Afrikaa maal jedhe?
Biyya xiqqoo Afrikaa yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf darbite Keep Verdee irraa kan hafe warri kaan hundinuu sadarkaa idil-addunyaatti morkattoota jajjaboodha. Sadarkaa gaarii jedhamu irras jiru.
Aljeeriyaa, Masirii, Gaanaa, Iyivoorii Koost, Morookoo, Senegaal, Afrikaa Kibbaa fi Tuuniziyaadha.
Isaan keessaajaha kan tahan addunyaa irraa sadarkaa 50ffaa gadi jiru. Gaanaan sadarkaa 73ffaa irra jirti.
Gaatuusoon biyyoonni akkas sadarkaa Awurooppaa gadi jiran hirmaannaa argachuu hin qaban jedhan. Bakki isaanii biyyoota Awurooppaaf kennamuu akka qabu amana.
Hirmaannaan biyyoota Awurooppaa isa bara 1990 ture %54 irraa amma gara 33.33%tti gadi bu'eera. Walakkaan biyyoota ardichaa sadarkaa 50 gadi keessa jiru.
FIFA'n yeroo hirmaannaa biyyootaa 16 dabalu Afrikaaf biyyoota afur dabale. Awurooppaa irraa biyyoota sadii dabale.
Biyyoonni Afrikaa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatan %21.43 hin caalan. Garuu isaan keessa %7 qofatu sadarkaa isaanii 50 gadi jira.
Leenjisaan Xaaliyaanii dubbii kana hundaa kan kaasan osoo lakkoofsi biyyoota Afrikaa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii hin daballe tahe silaa yoona dabarree jirra jechuufi.
Garuu dubbiin isaa kun kufaatii Xaaliyaaniif sababa gahaa hin tahu.












