Dogongorri hiikkaa afaanii shufeerota kallattii garagaraatti oofe

Taappellaa daandirraa dogongoraan hiikame

Wanti akkasii isin mudatee beekaa?

Mee kana yaadaa - konkolaataa oofaa jirtu yookis lafoo imalaa osoo jirtanii, mallattoo daandiirraa agartan.

Ergaan kunis afaanota lamaan barraa'e - garuu waan garagaraa hima. Kam filattanii garam deemtu?

Waanti Weelsitti mudate waan akkanaati. Barjaan daandiirraa Ingiliffaan barreeffame gara bahaa akka goran ennaa himu, kan afaan Weelsh ammoo faallaa kanaa hima.

Mallattoon magaalaa Kaardif keessaa kun, sababa sirni kallattii tokkoo hojiirra ooleef, konkolaachistoonni gara bahaa qofa oofuu danda'u jedha.

Haatahu malee, hiikni Weelshin barraa'e: "Unffordd tua'r gorllewin yn unig" jedha - shufeeronni gara lixaa/dhihaa akka deeman ajaja.

Manni maree Kaardif barjaan kun buqqifamuun, kan biraan bakka buufama jedheera.

"Kontiraaktaratti himneerra," jedhe manni marichaa ibsa baaseen.

"Mallattoon dogongora qabu achi kaa'un, mallattoo 'deemuun hin heyyamamu' jedhuun bakka buufama.

"Galma daandii kanaattis, mallattoon kallattii tokkoon oofuu jedhus ni dhaabama, hanga ammaa yoo hin dhaabbatin tahe."

Dogongorri hiikkaa mallattoowwanii afaan Welshis tahe kaaniin mudatu waan haarayaa miti.

Inni akka guddaatti ilaalamu garuu kan bara 2008, Siwaansiitti mudate tahuu hin oolu.

Maaltu tahe?

Qondaalonni magaalaa Siwaansii barjaa daandiirraa dhaabuuf wayita qophaa'anitti, hiikkaa ergaa barbaadanii imeeliin gaafatan.

Deebiin gaaffii isaaniis oggasuu ergameef - isaaniif isa fuudhanii barjaa gubbaa kaa'an.

Garuu dogongora guddaa ture. Ergaan imeelii isaan gahe, hiikkaa isaan barbaadan odoo hin tahin: "Ammatti waajira hinjiru.

''Waan hiikamu qabaannaan naaf ergaa," kan jedhu ture.

Mee yaadi, ergaa kana barjaa gubbaa yoo agartu - maaltu sitti dhagahama?