Lammiin Biraaziil qormaata konkolaachisummaaf haadhasaa of-fakkeesse to'atame

Madda suuraa, Military Police handout
Kaaba Biraaziilitti ga'eessi ganna 43 qormaata hayyama konkolaachisummaa haadha isaaf qoraamuuf jedhee akka haadhasaatti uffatte dhaqe to'atame.
Haati Heeyitor Iskeevi Maariyaan ganna 60 yoo taatu qormaata hayyama konkolaachisummaa al-sadi kufuusheerraa kan ka'e ture ilmishee bakkashee qoramuuf kan murteesse.
Uffata abaaboo of irra qabuufi hiinnaa qeensaa fi 'make-up' dhibachuun akkasumas wiigii mataasaarra ka'aachuun ture kan gara Noovaa Muutuum Paraanaa imale. Ittis milkaa'ee ture.
Ta'us garuu dubartiin qormaata konkolaachisummaarra turteefi dubartiin waraqaa eenyummaarra jirtu gargar ta'uun shakkii uume.
Boodas irratti baramee to'annoo jala oole.
"Hamma danda'een ishee fakkachuuf yaaleera. 'Make-up' hedduufi qeensaasaa hiinnaa bareechee dhibateera. Akkasumas faaya dubartootaa hedduun of bareecheera," jechuun leenjistuun Eelii Meendookaa G1'tti himteetti.
Poolisiin waamame sobaafi eenyummaa nama biraa fayyadamuun mana barnoota konkolaachisummaatti to'annoo jala ooleera.
"Innis amaneera. Dubartii qormaata dhiyaatte osoo hin taane ilmashee qormaata san haati isaa akka darbituuf jedhee qormaatameef ta'uu," jechuun leenjiftuun dabalatan dubbatteetti.
Heeyitor Iskeevi haatisaa karoora kana hunda akka hin beekne dubbateera.













