Ibidda Amaazoon dhaamsuuf biyyoonni G7 waligaluu gahaniru

Madda suuraa, Amnesty International via Reuters
Gareen biyyoota badhaadhanii G7 ibidda Amaazoonitti qabate dhaamsuuf gargaarsa gochuuf waliigaluu gahaniiru jedhan.
Pireezidantiin Fraans Imaanu'eel Maakroon Dilbata ibsa kennaniin deeggarsa ''teeknikaa fi maallaqaa kennuuf'' fiixeerra gahameeera jedhan.
Hooggantootni biyyoota G7 (US, Jaappaan, Jarmanii, Fraans, Itaalii, UK fi Kaanaadaa) yaa'ii isaanii magaala qarqara galaanaa biyya Firaansaay, Biyaariitz jedhamtutti gaggeessaa jiru.
Bosona Amaazoon Braaziilitti argamu kun seenaa isaa keessatti balaan ibiddaa hanga kanaa isa mudatee hin beeku.
Qeeqxonni Pireezidantii Braaziil Jeer Bolsonaaroo haasa'aa isaanii jibba kunuunsa naannoo qabu fakkaatuun manca'uu bosona kanaaf hayyama kennaniru, dhaabsisuufis tarkaanfiin fudhatan hin jiru jechuu qeequun.
Hammeenyi ibiddichaa fi deebii mootummaan biyyattii kenne wal madaaluu dhabuu isaaniitiinis sadarkaa idila addunyaatti mormii fi wawwaachuun ta'eera.
Pireezidant Maakroon torbee darbe balaa ibiddaa kanaan ''badiisa idila addunyaa'' ittiin jechuun marii isaanii G7 irratti mata duree akka ta'u dhiibbaa uumaniiru.
Ibsa isaanii Dilbataatiinis hundi isaanii biyyoota ibidda kanaan miidhaman atattamaan gargaaruuf waliigalaniiru.
''Gareen keenya biyyoota Amaazoon waliin wal qunnamaa jiru. Deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa barbaachisu qabatamattti raawwachuuf jirra'' jedhan.
Ministirri Muummee Biriiteen Booris Joonsan biyyi isaanii £10m akka arjoomtu beeksisaniiru.
Biraaziil maal gochaa jirti?
Dhibbaa irratti hammaachaa dhufeef jecha pireezidant Bolsonaaroon Jimaata darbe humni waaraanaa ibidda kan dhaamsuuf akka duulu ajajanii turan.
Ministeerri ittisaa loltootni 44,000 hojii kanaaf naannolee toorbatti imaluuf qophaa'uu beeksiseera.
Xiyyaaronni waraanaas bishaan guuruuf socho'aniiru.
Pireezidantichi tiwiitara isaaniirratti Isaa'eel irraa deeggarsa argachuu isaanii barreesaniiru.

Madda suuraa, AFP
Ibiddi kun hangam hammaataadha?
Ibiddi daggalaa waqtii Bonaa Biraaziiliitti baratamaa ta'uus, kan alanaa garuu 85% caalee argamuu ragaan Inistitiyuutii qo'annoo Hawaa biyyattii agarsiiseera.
Bara 2019 keessa ibiddi si'a 75,000 harki caalaan ammoo Amaazoon keessatti dhalateera.
Quuqamtootni naannoo hedduun balaa kana Pireezidant Bolsonaaroon naannoof nama dhimma hin qabne ta'uu isaanii wajjiin walqabsiisu.
Bosona roobaa guddicha aaddunyaa kan ta'e Amaazoon, ittisa ho'a addunyaa keessatti kaarbonii hedduu ofitti fudhachuun gahee guddaa baha.
Biyyoota akka Peeruu, Ikwaadooriifi kaan 9 ta'an keessa kan qubate bosonni kun, harki caalaan isaa Biraaziil keessatti argama.
''Somba addunyaa'' jedhamuunis beekama. Gosaa biqiltuu miiliyoona 3 of keessaa qaba.















