Garee Abbootii seeraa: Konkolaachisaan Varjiiniyaa yakkamaa waraanaa ture

Madda suuraa, David Ross
Gareen Abbootii Seeraa Yuunaayitid Isteetis namni Varjiiniyaa keessatti taaksii 'Uber' oofuun jiraatu bara 1980 keessa waraana waliinii Somaaliyaa keessa turerratti uummata dararuun nama yakka hojjechaa tureedha jedhan.
Lammiin Somaaliyaa Farhaan Taanii Waarfaa tibba darbe magaalaa Waashingitan DC keessatti Koloneelli waraanaa Somaaliyaa duraanii Yusuuf Abdii Alii jedhamu dararaa akka irraan ga'ee ture raga baheera.
Yusuuf ajajaa Humna Waraanaa biyyaalessaa fi deggeraa Abbaa Irree Mohaammad Ziyaad Barree ture jedha ragaan manni murtii irratti dhiyeesse.
Manni Murtii Federaalaa Alekzaandariyaa, Varjiiniyaa keessatti argamu Kibxata kaleessaa akka adda baasetti, Yusuuf waggoota 30 dura nama Waarfaa jedhamu kana haala suukanneessaadhaan darareera.
Manni murtichaa Waarfan rakkoo isa mudaterraa akka dandamatu doolaara Ameerikaa 500,000 murteesseeraaf.

Madda suuraa, CBC
Jalqaba bara 2004 Yusuuf irratti himata kan banan Aab Warfaan murtee darbetti hedduu akka gammadan BBC'tti himan.
Bara 1987 garee loltootaa nama kanaan hoogganamuun mana isaaniitii butamanii fudhatamuu kan dubbatan Aab Waarfaan isa booda guyyoota jiran keessatti hedduu akka dararaman dubbatu.
Maallaqa guddaa kaffaluun kadhatanii du'a jalaa baraaramuun gara US akka imalanis dubbataniiru.
Yakki Yusuuf kan barame jalqaba bara 1992 wayita miidiyaan biyya Kanaadaa CBC'n gabaasa bal'aa waa'ee gochaa isaarratti hojjeteeti.
Akka gabaasichaatti Yusuuf wayita ziyaad Baarree waliin hojjechaa turetti namoota namoota dhibba hedduutti lakkaawaman reebaa, ajjeesaa fi madoo itti uumaa tureera.
Wayita gabaasichi miidiyaadhaan darbutti Aliin inumaa Kanaadaa keessatti eegduu nageenyaa 'Security Guard' ta'ee hojjechaa ture.
Erga gabaasi sun qilleensarra oolee Aliin Kanaadaa keessa akka hari'amee baafamu taasifame.
Aliin wayita Kanaadaadhaa hari'ametti gara US deemee achi turus, US ammas nama kana biyyasheetii baasuuf hojii eegalte. Inni garuu bara 1996 deebi'ee US jiraachuu eegale.
Akkamiin deebi'ee akka US seene wanti ifa ta'e hin jiru.

















