MM Abiy Ahimad: Daba hojjatanii dhokachuun, saamanii basha'uun hin danda’amu

Madda suuraa, Getty Images
Namootni dararaa namarratti raawwatan nagaan rafanii akka bulan hayyamuu hin qabnu jedhan MM Abiy Ahimad har'a ibsa dhimma mirga namoomaa irratti kennaniin.
Ibsi gama marsaalee hawaasaa waajjira ministira muummeen bahe kun sarbami mirga namoomaa sababoota lammileen Itoophiyaa baroota hedduu motummoonni akka geedaraman qabsaa'aniif keessaa tokkodha jedha.
"Qaamooleen qabsoo ummataatiin aangorra bahan, fedhiisaanii alatti fedhii uummataa guutuu hin dandeenye. Ummanni irra deebiin sagaleesaa dhaggessisuus rakkinnichi itti caalu malee fooyyee hin agarsiifne" jedha ibsichi.
"Sirni dimookraasii dhiphachaa, miidhaan sababii sabummaa fi ilaalcha siyaasaa isaaniin ummatarra gahu cimaa, sarbamni mirga namoomaa itti caalaa, akkasumas malaammaltummaan biyyatti hanga mormaatti liqimsaa dhufe" jedha.
"Miidhaan mirgoota namoomaa lammiileerratti raawwatamu 'maaloo osoon dhalachuu baadhee' sadarkaa nama jechiisiisu irra gahe jedha.
Yaakki akkanaa qaamolee mootummaa akka poolisii, waajjira tikaafi mana murtiin deeggaramee raawwatamaa tures jedha.
"Namoonni daba nama irratti raawwatan kan himatanis, ragaanis, qorattoonnis, warri hidhanis, abbaan alangaas, abbaan murtees isaanuma ta'anii daba namarratti raawwataa turan."
Namoota bifa qindaa'e akkanaan yakka sarbama mirga namoomaa lammilee irratti raawwataa turan mootummaan seeratti dhiyeessas jedhaniiru.
"Namoonni yakka hojjetan eenyus ta'an eenyu, saba kam keessas dhokatan, abbaan fedhes yoo iyyeef hanga yakkaan shakkamanitti adamsinee seeratti dhiyeessuun keenya hin oolu" jedha.
"Daangaan biyyaas ta'e kan idil-addunyaa seeratti dhiyaachuu isaan oolchu hin jiru", mootummaan kutannoo jabaa qaba jedhan.
Kana kan goonu haqaaf malee haaloo bahuufi jibbaaf mitis jedhaniiru.
Yakkamtoota saba isaan keessa dhokachuu barbaadan irraa adda baasnee ilaaluu qabnas jedhaniiru.
"Sabni isaan keessa dhokachuu barbaadan bifa kamiiniyyu yakka isaan raawwatan ilaalee kan boo'u malee, warra isaaniif hamilee kennuun harka rukkutuufidha jennee hin amannu" jedha ibsi kun.
"Haameenya hojjetanii dhokachuun, saamanii maal-dhibdiin jiraachuun waan hin danda'amneedha."
Namoota yakka raawwatan seeratti dhiyeessuun cinatti rakkinichi irra deebiin akka hin uumamne sirna mirga lammilee kabaju ijaaruuf hojii riifoormii eegalle cimsinee itti fufnas jedha ibsi kun.















