Namichi sa’aatiitti km150 osoo konkolaachisuu hirribni isa fudhate adabame

Madda suuraa, ALBERTA RCMP
Konkolaatichi sa’aatiitti km150 osoo ariifatuu namichi konkolaachisu garuu hirribasaa keessa ture.
Akka poolisiin jedhutti, yeroo konkolaataan kun akkasitti ariifachaa turetti, teessumni konkolaachisaa duubatti diriiree siree fakkaata ture.
Namni isa waliin tures hirriba keessaa kan dammaqan yeroo Albeertaa ga’an ture.
Konkolaataan Teslaa ‘S’ jedhamu kun ofiisaan sa’aatiitti km140 deemuu danda’a. Poolisiin kan irratti xiyyeeffate 150’n ariifachuu yeroo eegaludha.
Dargaggoon ganna 20 konkolaachisuutti ture, Mudde keessa mana murtii akka dhiyaatuuf beellamni irratti qabamee jira.
Dargaggoon kun kan hayyamamee ol ariifachiisuun himatamee hayyamni konkolaachisummaa sa’aa 24’f irraa fuudhamuun itti aansee konkolaachisummaa of-eeggannoo hin qabneen himatame.
Taateen wal-fakkaatu ji’a Adoolessaa keessa naannoo Kibba Eedmantanitti mudatee ture.'
Saajin Daarii miidiyaa Kaanaadaa CBC’tti akka himanitti, ariitii sanaan wayita konkolaataa turetti namni to’ataa ture dhabamuun isaa nama naasisa jedhani.
Dabalataanis konkolaaticha yoo hordofnu ariitiinsaa dabalaa deeme, sababnisaas karaan banaa waan tureef ofiin ariitii dabalaa ture, namni sana hordofaa ture garuu hin turre jedhani.
Ganna 23 poolisii tiraafiikii ta’ee hojjadhetti waan akkasii argee hin beekus jedhu Saajin.
Haala amma jiruun konkolaataawwan Teslaa ofumaan kan of konkolaachisan ta’us, namni isaaniin to’achuun dirqamadha.
Akka dhaabbatichaatti konkolaataan guutummaan guutuutti of-to’atu yeroo dhiyootti gabaarra waan ooluuf, yeroos shillimii keessa seenuun nidanda’ama.













