Maan Yunaayitidifi Arsenaal Viktor Gaayikores irratti wal-qabuufi oduu jijjiirraa taphattootaa biroo

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa collee lammii Siwidiin kan ta'e Viktor Gaayikores kilaboonni Ingilizii irratti wal-qabuu itti fufaniiru.
Jifataan Ispoorting Lisban kun garuu bakka leenisaan isaa duraanii Ruuben Amoorim jiru, Maan Yunaayitid deemuuf qophiidha jedhame.
Arsenaal ammoo Aston Viilaa irraa Moorgaan Roojars adamsuutti ka'eera. Tootinhaam leenjisaa isaa Angee Poostakoguluudhaaf paawundii miliyeena afur kennee gaggeessuf jedha.
Oduu jijjiirraa taphattootaa har'aan mata duree hoo'aa kan ta'e waa'ee jifataa Ispoorting Lisban Viiktoor Gaayikooresiiti.
Arsenaal rakkoo jifataa qabu furachuuf Gaayikoores faana dhahaa turus, inni garuu bakka leenjisaan duraanii Ispoorting Lisban Ruuban Amoorim jiru Maan Yunaayitid dhaquu akka fedhutu odeeffamaa jira.
Arsenaal maqaansaa taphattoota akka Gaayikoresiifi Beenjaamiin Seeskoo fa'aa mallatteessisuuf haasofsiisus hanga ammaa waan qabatamaa irra gahe hin qabu. Garuu taphataa sarara cinaa Aston Viilatti milkaa'ina gaarirratti argamu Moorgan Roojars mallatteessisuuf fedhii agarsiisera.
Akkasumas jifataa lammii Biraazil ta'e Igoor Paaksiyoo kilaba Feeyenoord irraa fudhachuufi kan jedhu odeeffamaa jira.
Manchestart Yunaayitid jifataa lammii Kaameruun Biriyaan Mbuumoo Bireentfoord irraa fudhachuuf jedhus dhiyeessii maallaqaa Yunaayitid kenne Bireentfoord kufaa godheera.
Yunaayitid jifataa kana fudhachuuf paawundii miliyeena 45 irratti dabalataan kan beeksisarraa argamu miliyeena 10 dhiyeessud kilabni Bireentfoord paawundii miliyeena 60 malee jechuun didee jira.
Kilabni Tootinhaam ammoo leenjisaa isaa lammii Awustiraaliyaa ta'e Ange Poostikoguluu hari'uu yoo barbaade, beenyaa paawundii miliyeena afur kennee gaggeessa kan jedhus odeeffamaa jira.
Gama biraan ammoo taphataan lammii Israa'el Maanor Solomoon Liidsitti gahuumsa agarsiisaa jiruun gara Tootinhaam deemuu mala jedhama.
Taphataan sarara cinaa Boosiyaa Dortimundifi lammii Ingiliz ta'e, Jeemii Giitans Cheelsiin ija irra godhateera.
Leenjisaan Leevarkusan Erik ten Haag taphataa sarara cinaa Maan Yunaayitid kan ta'e Antoonii fudhachuuf abbalaa jira.
Kilabni Saawudii Arabiyaa Al- Hilaal ammoo Naappoolii irraa Viiktoor Osimheen fudhachuuf paawundii miliyeena 55 fi kan beeksisarraa argamu paawundii miliyeena 4 dhiyeessera.
Jijjiirraa taphattootaan hanga yoonaa maqaansaa baay'ee kan ka'aa hin jirre Maan Siitiin ammoo Wolvis irraa taphataa lammii Naayijeeriyaa ganna 23 ta'e Ayiit- Nuurii fudhachuuf fiixerra gaheera.
Arsenaal ammoo taphataa ganna 24 lammii Biraazill ta'e Roodirigoo Maadriid irraa mallatteessisuuf ammayyuu faana dhahaa jira.












