Jijjiirraa taphattootaan Man Utd, Arsenaal, Man Siitii, Liiverpuul fi kaan eenyu fa'aa adamsaa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchester Yunaayitid taphataa Bireentifoord Biriyaan Mbeumo, fudhachuuf haasaa jalqabeera.
Liiverpuul ammoo Filooriyan Wiirtz waliin kontiraata isaarratti waliigaleera, garuu Baayer Liivarkuusan maallaqa taphataa kana fudhachuuf dhiyaate dideera.
Arsenaal ammoo Benjaamiin Seeskoo waliin dubbachuu Sanbata darbe eegaleera.
Amballiiin Maanchester Yunaayitid gara Al-Hilaal deema jedhamee murteen isaa eegamus, akka hin deemne ifa godheera. Oduu jijjiirraa taphattootaa biroo jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara duraa Bireentifoord Biriyaan Mbeumo Maanchester Yunaayitid deemuu barbaada, kilabichis taphataa lammii Kaameruun umuriin isaa waggaa 25 ta'e kana waliin dubbachuu jalqabeera.
Inter Miilaan ammoo taphataa maanchester Yunaatid lammii Deenmaark umuriin isaa waggaa 22 ta'e Raasmus Hayiluund ganna kana ergisaan fudhachuu barbaada.
Amballiin Maanchester Yunaayitid Buruunoo Fernaadeez kilaba Saawudii Arabiyaa Al-Hilaal deema jedhamee murteen isaa eegamaa ture.
Amma garuu Buruunoo Fernaadeez miindaa torbanitti Paawondii 700,000 dhiisee Maanchester Yunaayitid akka turu ibseera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan sarara duraa Kiristaal Paalaas umuriin isaa waggaa 27 ta'e Liin Filiip, Mateetaa akkuma kana taphattoota Maanchester Yunaayitid fudhachuuf barbaadu keessaa tokkodha. Taphataa lammii Ingilaand kana fudhachuuf Juveentuus fi AC Miilaan Maanchester Yunaayitid waliin dorgommiitti seenaniiru.
Taphataan Ingilaand umuriin isaa waggaa 18 ta'e Lewiis Iskeelii ganna kana Arsenaal waliin kontiraata haaraa mallatteessuuf jedha. Taphataa kana fudhachuuf Riyaal Maadiriid kajeelaa waan jiruuf, Arsenaal ammoo 'Kajeeltuu garaan haa cittu' jechuun kontiraata isaa haaromsuufiif jedha.
Arsaal taphataa RB Leepizhing sarara duraa Benjaamiin umuriin isaa waggaa 21 Paawondiimiliyoona 67.4 kennee fudhachuuf ifatti marii jalqabeera.
Kilaba shaampiyoonaa Xaaliyaan bara kanaa kan ta'e Naappoliirraa dorgommiin isa mudatus Arsenaal taphataa sarara duraa lammii Siwiidin umuriin isaa waggaa 26 ta'e Ispoorting Lisbanirraa fudhachuuf yaalii taasisu ammallee hin dhiisne.
Liiverpuul ammoo taphataa sarara gidduu lammii Jarmanii Filooriyaan Wiirtz waliin kontiraata hanga 2030 turu irratti waliigaleera. Haa ta'u malee, taphataa umurii waggaa 22 kana gadhiisuuf Baayer Liivarkuusan Paawondii miliyoona 110 Liiverpuul dhiyeesse didee Paawondii miliyoona 127 malee jechaa jira.
Baarseloonaan Liiverpuul irraa taphataa lammii Kolombiyaa umurii waggaa 28 Liwiis Diyaaz fudhachuuf haasaa jalabeera. Taphtaa kana fudhachuudhaaf Sa'ud Arabiyaarraa fedhiin dhiyaachaa jira.
Chelsiin taphataa sarara gidduu Ingilaand umuriin waggaa 22 Jaared Biraanziwayit Everten irraa fudhachuufyaadaa jira. Totenhaam ammoo taphataa kana fudhachuuf dorgomaa Chelsii ta'uu barbaada.
Taphataan sarara gidduu Ingilaand Joob Beliingihaam kilaba duraanii obboleessa isaa Juud Beliingihaam Boorsiyaa Doortimand deemuu fedha jira. Kilabiin Jarmanii kun taphataa umuriin isaa waggaa 19 fudhachuuf Sanderlaand waliin dubbachuu jalqabeera.
Chesliin taphata sarara cinaa lammii Ingilaand yeroo ammaa Boorsiyaa Doortimand ta'e Jaamii Giitens fudhachuus yaadaa jira. Taphataan umuriin isaa waggaa 20 ta'e kun Paawondlii miliyoona 50 akka itti ba'u himameera.
Maanchester Siitiin taphataa AC Miilaan lammiin isaa Neezerlaandis ta'e Tijjaanii Reejinders fudhachuuf waliigalteerra ga'uutti dhiyaachaa jira.
Taphataan umuriin isaa waggaa 26 ta'e kun Fifa Club World Cup Waxabajji 14 Yunaayitid Isteet keessatti taphatamurratti akka argamee hirmaatullee ni barbaada.
Kilaboonni akka Everten, maanchester Yunaayitid fi Weest haam taphataa sarar duraa lammii Serbiyaa Aleksaandar Mitiroovich fudhachuuf sochii jalqabuu danda'u.
Taphataa umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 30 ta'e kana fudhachuuf kilabiin Sa'ud Arabiyaa Al-Hilaal akkuma kana fedhii agarsiisaa jira.
Biraayiten ammoo taphataan sarara gidduu Shefiild Yunaayitid Olee Arbilaastar eessa akka deemu eegaa jiru. Taphataan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 21 ta'e kun miidhaa isarra ga'erraa dandamachaa kan jiru yoo ta'u, kilabiin kun kajeelaa jira.
Taphataan sarara gidduu duraanii Arsenaal lammii Ingilaand Jaak Wiilsher yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 33 ta'e, Kilaba Liig Waan Plymouth Argyle leenjisuudhaaf adda durummaan barbaadamaa jira.












