Riyaal Maadiriid Wiirtz fudhachuuf Liiverpuul harkatti qabaa jiraachuufi oduu jijjiirraa biroo

Madda suuraa, Getty Images
Liiverpuul taphataa sarara cinaa Baayer Liiverkusan Filooriyaan Wiirtz fudhachuuf itti gammadee hordofaa jira ture. Haata'u malee, amma Riyaal Maadiriid taphataa kana fudhachuuf harkatti qabaa jiraachuun gabaafame.
Arsenaal ammoo jifataa RB Leepizhiing Benjaamiin Seeskoo fudhachuf abbalaa jiru amma gatiin isaa meeqa akka ta'e itti himameera.
Maanchester Yunaayitid fi Chelsiin ammoo taphataa sarara duraa Ipiswiich Tawon Liyaam Deelaap fudhachuuf yaalii taasisan cimsanii itti fufaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa sarara cinaa Baayer Liivarkusan Filooriyaan Wiirtiz Liiverpuul cimsee barbaadaa jiru amma ija kilaba guddaa biraa keessa galeera.
Riyaal Maadiriid taphataa lammii Jarman umuriin isaa waggaa 22 ta'e kana Liiverpuul harkatti qabuu jalqabeera.
Baayer Liivarkusanitti leenjisaa taphataa kanaa kan ture Zhaabii Alloonsoo leenjisaa haaraa Riyaal Maadiriid ta'uu hordofee ammoo carraan Liiverpuul argachuu gadi bu'uu malaa? Yeroon isaa gahee kan ilaalamu ta'a.
Niiwukasil Yunaayitid ammoo waqitii jijjiirraa ganna kanaa keessa sochii jalqabaa taasisaa jiru.
Taphataa sarara ittisaa Kiristaal Palaas fi Ingilaand Maarki Guhii umuriin isaa waggaa 24 ta'eefi taphataa Bireentifoord lammii Kaameriin umuriin isaa mma waggaa 25 ta'e Biiyaan Mbeemoo fudhachuu barbaadaa jira.
Bireentifoord karra eegaa Liiverpuul lammii Rippablika Ayerlaand umuriin isaa waggaa 26 ta'e Kaho#imiin Keeler Paawondii miliyoona 20n mallatteesifachuuf gaafateera.
Bireentiford Keeleriin fudhachuuf kan barbaade erga karra eegaan isaa duraan jiru lammii Dachi umurii waggaa 31 ta'e Maark Fileeken Baayr Liivarkusan deemuuf qophii ta'u bareetidha.
Baayer Muniik taphataa sara duraa Liiverpuul Koodii Gaakpoo fudhachuuf fedhii akka qabu dubbatamaa jira. Baayer Muniik kilaboota Bondosliigaa Jarman sadii taphataan lammii Neezerlaands umuriin isaa waggaa 26 ta'e kun itti makamuuf hawwu keessaa tokkodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan sara duubaa Barnimaz Miloos Kerkeez Liiverpuulitti makamuudhaaf waliigaleera. Tapataan lammii hangaarii umuriin isaa waggaa 21 ta'e kun faayidaa dhuunfaa isaa ilaalchisee waliigaluurratti yaaddoo akka hin qabnellee kaaseera.
Taphataan sarara duraa Maanchester Yunaayitid Maarkas Raashifard amma kilabichaan barbaadamaa akka hin jirree barameera.
Taphataan lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 27 amma ergisaan Aston Viilaa jiru kun kilaba La Liigaa Baarseloonaatti makamuudhaaf hawwii gudddaa qaba.
Amma ejentiin ykn bakka bu'aan isaa ispoorting daarektarii Baarseloonaa Deekoo waliin dubbachaa jira.
Arsenaal taphataa Baayer Muniik Leeroy Saanee kilaboota fudhachuuf adamsaa jiran keessaa tokko ta'eera. Taphataan lammii Jarman umuriin isaa waggaa 29 ta'e kun kontiraatni inni Baayer Muniik waliin qabu ganna kana xumurama.
Niwukasil Yunaayitid kilaboota taphataa sarara duraa Ipsiwiich Tawon Liyaam Delaap fudhachuuf hojjetaa jiran keessaa tokkodha. Taphataa umuriin isaa amma waggaa 22 ta'e kana kilaboonni akka Chelsii, Maanchester Yunaayitid fi Everten barbaada ajiru.

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal taphataa sarara duraa lammii Siloveeniyaa umuriin isaa waggaa 21 ta'e Benjaamiin Seeskoo fudhachuudhaaf Paawondii miliyoona 92.5 akka kaffaluu qabu RB Leeppizhiing itti himeera.
Taphataan sarara gidduu Ingilaand Jordaan Handersan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 34 ta'e kilaba warra Daach Ayaaks gadhiisuu danda'a jedhamaa jira. Kanaaf, ganna kana osoo hin eegamiin kilaba qe'ee isaa ta'e Sanderlaanditti deebiyuu mala jedhamaa jira.
Taphataa Arsenaal dhimmee hordofaa jiru kana Maanchester Yunaayitidis barbaadaa jira. Eenyu akka kan ofii godhatu gaafa yeroon gahu ilaalla.
Barana shaampiyoonaa Xaaliyaanii kan ta'e Naappoliin taphataa sarara gidduu lammii Beeljiyeem ganna kana Maanchester Siitii gadhiisu Keevin Debiruunee fudhacuuf jedha. Taphataan umuriin isaa qaggaa 33 kun turtii isaa Maanchester Siitii keessatti waggoota hin dagatamne dabarseera.
Kana malees, kilabni Serie A Xaaliyaan kun taphataa sarara duraa Kanaadaa Jonaataan Daavid umuriin isaa waggaa 25 ta'e Liil irraa fudhachuuf yaadaa jira.
Kilabi Roomaa Jiyaan Piyeeroo Gaasperiin erga inni Atlaantaa gadhiisee leenjisaa haaraa godhatee qacarachuu barbaadaa jira.
Leenjisaan lammii Xaaliyaan kun Atlaantaa waggoota sagaliif tureera.












