Al-Hilaal Buruunoon murtee dhumaa akka beeksisu gaafachuu: Oduu jijjiirraa taphattootaa

Madda suuraa, Getty Images
Al-Hilaal taphataa Maanchester Yunaayitid Buruunoo Ferenaandeez fudhachuurratti waan jedhe, Maanchester Siitiin ammoo morkii Raayaan Cherkii fudhachuuf taasifamutti makamuufi Leeroy Saaneen gara Piriimer Liigiitti deebiyuu danda'a, Kiristaanoo Rondaaldo ammoo Al-Naasir gadhiisuuf jira kan jedhan oduu jijjiirraa taphattootaa har'a odeeffamaa jiru keessaati.
Kilabiin Sa'udii Piroo Liigii Al-Hilaalamballii Maanchester Yunaayitid Buruunoo Fernaadeez murtee isaa akka dafee isa beeksisu gaafachaa jira.
Taphataan lammii Poorchugaal umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 30 ta'e kun sa'aatii 72 eessatti ejjennoo isaa akka beeksisuuf Al-Hilaal cimsee gaafateera.
Maanchester Siitiin ammoo dorgommii taphataa Liyoon umuriin isaa waggaa 21 ta'e Raayaan Chekirii fudhachuuf taasifamutti makameera.
Taphataan sarara gidduu lammii Faransaay kun Liiverpuul fi Chelsii waliinis maqaan isaa ka;aa jira.
Taphataa Niwukasil Yunaayitid Kaaluum Wilsan mallatteesifachuuf Liids Yunaayitid abbalaa jira.
Everten ammoo taphataa Ingilaand umuriin isaa waggaa 33 ta'e kana fudhachuuf dorgommiitti seeneera.
Tootenhaam taphataa Baayer Muniik Leeroy Saanee akka mallatteessifatuuf carraan kennameeraaf. Taphataan lammii Jarmanii kun dhuma ji'a dhufurraa kaasee kontiraata isaa fixatee bilisa ta'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aston Viilaan ammoo taphataa Feeyinoord umuriin isaa waggaa 18 ta'e Zepikuq=wiinoo Redmoong mallatteessifachuuf jedha. Taphataan lammii Daach kun jijjiirraa taphattootaa ganna kanaan kontiraata isaa xumuree bilisaan deemuu ni danda'a.
Taphataa sarara duraa dhimmee barbaadaa kan jiru Arsenaal ejentii jifataa Ispoorting Lisban kan ta'e Viktor Giyokeeres waliin Lisban keessatti dubbateera.
Taphataa umuriin isaa waggaa 26 ta'e lammii Siwiidin kanaaf Paawondii miliyoona 58.7 dhiyeesseera kilabni Landan Arsenaal.
Maanchester Yunaayitid taphataa Ipiswiich Taawon Liyaam Delaap waliin dubbachuun dhimmoota barbaachisanirratti waliigalaniiru.
Maanchestar Yunaayitid amma murtee taphataa sarara duraa lammii Ingilaand kun murteen isaa itti aanu maal akka ta'e eegaa jira.
Taphataan sarara duraa lammii Poorchugaal, Kiristaanoo Ronaaldoo kilaba Sa'udii Proo Al-Naasir gadhiisuu akka jiru eegamaa jira.
Taphataan umurin isaa yeroo ammaa waggaa 40 guuteeru kun kilaba haaraatiif mallatteessee Waancaa Addunyaa Kilabaa (Club World Cup) Waxabajji 15 Yunaayitid Isteet keessatti gaggeeffamurratti hirmaata jedhee eegamaa jira.












