Jijjiirraa taphattootaan Man Yunaayitid, Man Siitii, Chelsiifi kaan eenyuun gaafachaa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu Paawondii miliyoona 55 baasu gaafachuu; Maanchester Yunaaytid fi Niwukasil Yunaayitid ammoo Piriimer Liigii keessaa taphattoota sarara fuula duraa gaafachaa jiraachuufi Beelingihaam gara Jarman deemuu danda'a kan jedhan odeeffamaa jiru.
Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu AC Miilaan fi Neezerlaands umuriin isaa waggaa 26 ta'e Taayishanii Raayindars fudhachuudhaaf socho'aa jira. Taphataa kanaaf Paawondii miliyoona 55 ol akka ramdamuuf ni eegama.
Taphataan lammii Biraazil Kazemiiroon kan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 33 ta'eefi taphataan lammii Arjentiinaa Alehaandiroo Gaarnaachoo kan umuriin isaa waggaa 20 ta'e warra Maanchester Yunaayitid gurguruu barbaadu keessaati. Kilabichi bara dhufu taphattoota hedduu hir'isee kan barbaadu bitachuudhaaf amma akka gadhiisu ifa kan godhe isaan kanadha.
Maanchester Yunaayitid taphataa Bireentifoord sarara duraa lammii Kaameruun umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 25 ta'e Biriyaan Mubeemoo fudhachuuf waliin dubbachuu jalqabeera. Gatiin isaaf kaa'ame ammoo Paawondii miliyoona 50 ta'a.
Niwukasil Yunaayitid ammoo taphataa lammii UK Liyaam Delaap kan umuriin isaa waggaa 22 ta'e kilaboota akka Everten, Maanchester Yunaayitid fi Chelsii dhiisee akka isa filatuuf Ipsiwiich amansiisuuf yaalaa jira.
Kana malees, Niwkasil Yunaayitid taphataa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 23 yeroo ammaa Biraayitaniif taphachaa jiru Pediroo cimsee barbaadaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Chelsiin Eyintirakt Firaankifartirraa taphataa waggaa 22 lammii Firaans Hugoo Ekitikee fudhachuurratti dubbataaniiru. Firaankifart taphataa Chelsiin gaafate kanaaf gatii Paawondii miliyoona 84 akka kennamuuf gaafateera.
Kana malees, Chelsiin taphataa sarara duraa Siwiidin yeroo ammaa Ispoorting Lisban keessa taphatu umuriin isaa waggaa 26 ta'e Viktor Gaayokeeres fi taphataa Ipsiwiich Delaap argachuuf baayyee hawwaa jira.
Viktor Gaayokeeres Arsenaal walii ega maqaan isaa ka'uu eegalee bubbuleera.
Yeroo ammaa Sanderlaandiif kan taphatu obboleessi Juud Belingihaam, Joob Beliingihaam gara Eyintirakt Firaankifart haala deemuu danda'urratti dubbatama ajira. Kilabiin Jarmanii biraa Leeppizhiingis taphataa kana fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira.
Taphataan kun bara kana Sanderland akka gara Piriimer Liigiitti ol guddatuuf gargaareera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maanchester Yunaayitid taphataa Woovis fi Poorchugaala Nilsan Semedoo fudhachuu barbaadaa jira. Taphataan umuriin isa waggaa 31 kun ganna kana bilisaan deemuu danda'a.
Ispoorting daarektariin Baayer Liivarkusan Simoon Rolfis Liiverpuul "qabatamaan" taphataa waggaa 22 lammii Jarmanii Filooriyaa wiirtiz akka barbaadu mirkaneesseera.
Ispoorting daarektariin Ji'oovaanii Mannaa akka jedhetti, taphataa sarara gidduu Beeljiyeem Kaavin Debiruun kan umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 33 maanchester Siitiirraa gaggeeffame fudhachuuf dubbachaa jira. Kaavin Debiruun kontiraata inni maanchester Siitii waliin qabu ji'a dhufu dhuma.
Chelsii, Baayer Muniik fi Maanchester Yunaayitid hundi isaanii taphataa sarara duraa lammii Poorchugaal yeroo ammaa AC Miilaan keessa taphatu umuriin isaa waggaa 25 ta'e fudhachuuf qabatamaan fedhii agarsiisaa jiru.
Niwukasil kontiraata taphataa sarara duraa Ingilaand umuriin isaa waggaa 33 ta'e Kaalum Wilsan dheeressuu hin barbaadne, garuu bifa faayidaa haaraatiin waliigaltee tolfachuun itti fufsiisuu barbaada.
Kilabiin Faaris FC bara kana haaraa gara Liigii 1 ol guddate taphataa sarara gidduu umuriin isaa waggaa 35 ta'e kontiraatni isaa ji'a dhufu dhumatu mallatteessifachuuf fedhii agarsiisaa jiru.












