Lubbuu ofii galaafachuuf murteessee kan ture Wilsan Kubbaan miilaa isa baraaru hime

Koolum Wilsan

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan sarara duraa Niwkaasil Yunaayitiid Kalum Wiilsan ijoollummaa isaatti lubbuu ofii galaafachuuf murteessee akka ture hime.

Taphataan lammii Ingilaand ganna 33 kun seenaa ijoollummaasaa sagantaa Poodkaastii tokko waliin dubbateera. Ijoollee jaha maatiinsaa horatan keessaa Wiilsan kan hangafaati. Ijoollee kaanirraa abbaan gargariidha.

Kunuunsa gahaa osoo hin argatiin baankii nyaataarraa soorachaa guddate. Harmeensaa ammoo mana keessatti miidhaa dubartootarra gahuun rakkachaa turan.

Wilsan miidhaa ijoollummaasaatti keessa darbe irraa bayyanachuuf amma deeggarsa xiinsammuu akka barbaadaa jirus dubbateera.

''Osoon mucaa ganna 12 ta'ee jiruu lubbuu koo galaafachuuf yaadaan ture'' jedha Wilsan.

Akkatti yaada lubbuu ofii galaafachuu akka dhaabe yeroo dubbatu ''ani ijoolleen ture. Booda wanti jireenyi namaa kennu kana qofa miti jedheen yaade'' jedha.

''Wanti hedduun na eegu jira. Humni guddaan tokko na waammate, kubbaan miila dhugumatti na baraare. Iddoon itti miliqu naa ta'e.

''Harmeen koo konkolaataa hin ooftu, leenjisaa koo (Sunday league coach) dhufee na fudhata. Yaroon naannoo koorraa fagaadhu maatii hiriyyootakoo biran deema.''

Wilsan leenjisaan isaa nama gaarii akka ture maatiinsaas gaarii akka ta'an yoo dubbatu, yeroo tokko tokko gara manaa yoon galu nyaata naaf kennu'' jechuun ibsa.

''Jaalalaafi kunuunsa silaa manatti hin arganneen argadhe- kuni filannoo koo hin turre, dogoggora harmee kootis miti. Naannoon koo naman ani ta'uuf ademuirratti dhiibbaa godheera. Kubbaan miilaa wantoota kana mara keessaa akkan bahuna gargaareera.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wilsan waggaa tokko dura miidhama isaa bara ijoollummaa waldhaanuuf ogeessa xiinsammuu barbaaduu akka eegale himeera.

Ogeessii cimina qaamaa kilaba isaanii akka inni ogeessa xiinsammuu dubbisu jajjabeessuus himeera.

Wantin hubadhe wayita kubbaan miilaafi jireenyi akka gaarii deemu, miira si jeequ sana ni qolatta jedheera.

Wilsan bara 2022tti waancaa addunyaa Qataar irratti biyyasaa Ingilaand bakka bu'ee hirmaateera.

Ji'oota 18 darban danqaaleen adda addaa wayita irratti daddabalaman miirri jeeqamuusaa humnaa ol itti ta'e akka ture kan himu Wilsan ''ogeessa xiinsammuu na barbachisa jedheen yaade'' jedha.

Yeroo ta'etti jireenyisaa daandii dogoggoraarra imaluu akka jalqabe gara tirgaa fa'itti galuu akka eegales himeera. ''Nama akkasii ta'uu hin fedhu kan jedhu Wilsan deeggarsi ogeessaa akka isa barbaachisu amanuu hime.

Wilsan kubbaa taphachuu kan jalqabe kilaba Koventarii Siitiif yoo ta'u achiis Barnimaz waliin Piriimiyeer Liigii keessatti taphachuu eegale. Bara 2020tti ammoo gara Niiwkaasil dhufe.

Kontiraatnisaa bara kan raawwatama. Wilsan garee Niiwkaasiil dheebuu waancaa waggaa 70 kilbachaa waancaa Karabaawoo injifachuun xumure keesaa tokko.