Al-Naasiriin Liiverpuulirraa Diyaaz fudhachuu barbaaduufi odeessaalee jijjiirraa taphattootaa biroo

Liwiiz Diyaaz

Madda suuraa, Getty Images

Al-Naasir taphataa Liiverpull Liwiiz Diyaaziin fudhachuu barbaduu.

Baayer Muniik ammoo Filooriyaa Wiirtiz mallatteessifachuu akka danda'u ofitti amanummaan dubbachaa jira.

Chelsiin Jaaden Saachoo ergisaan Maanchester Yunaayitid irraa fudhatee jiru gara waliigaltee dhaabbataa ta'etti jijjiiruu barbaada.

Jaaden Saanchoo

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan Liiverpuul Liwiiz Diyaaz kilaba Sa'udii Piroo Liigii tae Al-Naasiriin barbaadamaa jira. Kilabiin kun taphataa lammii Kolombiyaa umuriin isaa waggaa 28 ta'e kana haala kontiraata isaa inni Anfiild waliin qabu itti dhiyeenyaan hordofaa jira.

Kilabni guddichi Bondosliigaa Jarmanii Baayer Muniik taphataa Baayer Liivarkusan Filooriyaa Wiirtz sossobachaa jiru.

Taphataa sarara duraa lammii Jarman umuriin isaa waggaa 22 ta'e kana Liiverpuul fi Riyaal Maadiriidis barbaadaa jiru. haata'u malee, Baayer Muniik akka taphataan kun achi deemuu dhiisee isatti makamuuf amansiisuuf yaalaa jira.

Chelsiin dandeettii Jaaden Saanchoo erga dhiyootii as agarsiisaa jiru ajaa'iibsiifachuun dhaabbataan Maanchester Yunaayitidirraa fudhachuu barbaadaa jira.

Taphataa lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 25 kun amma ergisaan Chelsii kan jiru yoo ta'u, Paawondii milyoona 25 kennee dhaabbataan fudhachuu barbaada Chelsiin.

Bireentifoord ammoo karra eegaa Liiverpuul lammii Rippabilika Ayerland ta'e Ka'ohimhiin Keeler fudhachuuf dubbachaa jira. Taphataa umuriin isaa waggaa 26 ta'e kana fudhachuuf Liiverpuul waliin haasa'aa jira.

Liiverpuul Keeler dabarsee kennuudhaaf Paawondii miliyoona 20 caalaa barbaada.

Kilabiin Xaaliyaanii bara kana shaampiyoonaa ta'e Naappooliin taphataa lammii Kandaalaa yeroo ammaa Liil keessa taphatu fudhachuutti dhiyaateera. Taphataa sarara duraa umuriin isaa waggaa 25 ta'e Jonaataan Daavid fudhachuuf kilabiin Serie A Xaaliyaan biraa Juuventuusis gaafataa jira.

Viktor Giyookeres

Madda suuraa, Getty Images

Chelsiin ifatti taphataa sarara duraa lammii Siwiidin ta'e Viktor Giyookeres Ispoorting Lisbaniif dhiyeessuurratti Juuventuusitti makameera.

Taphataa umuriin isaa waggaa 26 ta'e kun Arsenaaliinis baayyee barbaadamaa jira.

Juuventuus taphataa lammii Biraazil yeroo ammaa Riyaal Maadiriid jiruufi umuriin isaa waggaa 18 ta'e Ediriik ergisaan fudhachuu barbaada.

Manaajeriin duraanii Juuventuus Masiimiliyaanoo Aleegrii ammas manaajerummaan gara AC Miilaanitti deebiyuuf jedha. Gaheessi umuriin isaa waggaa 57 ta'e kun bara 201 hanga 2014, waggoota afuriif Saan Siroo tureera.

Ipsiwiich Taawon taphataa Chelsii lammummaan isaa Ispeen ta'eefi umuriin isaa waggaa 19 ta'e Marc Guiu ergisaan fudhachuuf yaada diyeesseera. Taphataan kun Ipsiwiichitti makjamaanaan bara dhufu kilabichi bara kana Piriimer Liigii keessaa waan gadi bu'eeruuf Shaampiyoonshippii keessa taphata jechuudha.