Gaaffii aangoo Dabiratsiyoon dhiyeessan Ministirri Muummee Abiy otoo hin fudhatiin hafan

Madda suuraa, Abraham Belay/fb
Hogganooti TPLF wal-dhibdee ji'ootaaf ture keessa jiran Finfineetti Ministira Mummee Abiy Ahimadiifi qondaalota mootummaa federaalaa biroo waliin haala Tigraayi irratti marii taasisuun isaanii gabaafameera.
Dura taa'aa TPLF Dr Dabiratsiyoon Gabiramikaa'el fi Pireezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraayi Geetaachii Raddaa ji'oota jaha oliif wal-dhibdee gidduu isaanii mudateen wal-himachaa jiru.
Sadaasa 26/2017 A.L.I Finfinnee waajira ministira mummeetti haala nageenyaafi tasgabbii naannichaa irratti marii taasifamuu miidiyaaleen gabaasanillee wal-himachuu gareewwan lamaan kunneen irratti waan jiru garuu maddeen maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan BBC Tigrinyaatti himaniiru.
Mootummaa federaalaa fi hogganoota Tigraayi gidduu mariin adeemsifameen dhimmi ijoo nageenya naannichaafi rakkoo siyaasaa haala waliin hiikuu yoo tahu pireezidantiin yeroo naannichaa aangoo akka gadhiisan gaaffiin dhiyaachuus himameera.
Gareen TPLF Dabiratsiyooniin hogganamu rakkoo Tigraayi keessatti uumamaa jiruuf dadhabina bulchiinsa yeroo naannichaa eeruun kanaafimmoo Getaachoo Raddaa sababa akka tahan ibsuun, ''Geetaachoon aangoorraa ka'ee iddoosaa ittaanaan isaa Jeneraal Taaddasa Warada akka qabatan,'' yaada dhiyeessuu maddi dhimmicha dhiyootti hordofan dubbataniiru.
Gareen TPLF pirezidantii yeroo Geetaachoo Raddaan hogganamu, ''bulchiinsi yeroo sirnaan hojiisaa akka hin dalagne,'' gochuun Dabirtsiyooniifi garee isaanii himatan.
''Bulchiinsa yeroo kanaaf gufuu kan taatan isini(garee Dabirtsiyooniin hogganamu) jechuun deebii kan kennan Geetaachoo Raddaa, namoonni waraanaan buqqa'anis gara qe'eesaaniitti akka hin deebine godhaniiru jechuunis isaan himataniiru.
Hogganoota TPLF fi miseensoti yaa'iin waliigalaa TPLF boordii filannoon beekamtii hin arganne adeemsifamee Obbo Geetaachoo fi hogganoti paartii biroo arii'amuun booda gareen Dabirtsiyoon hogganan bulchiinsa yeroo kanarratti gaaffii kaasaa jiru.
Obbo Geetaachoon pireezidantummaa bulchiinsa yeroo kan qabatan bakka buutummaa TPLF irraa qabaniindha kan jedhuunis ittigaafatamummaa isaaniirraa akka ka'an mootummaa federalaa gaafachaa turan.
Amma yeroo wal-dhibdee hammaachaa jirutti marii ministira mummee waliin adeemsifameen Dabiratsiyoon gaaffiima wal-fakkaataa kaasaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabiratsiyoon Obbo Geetaachoon aangoorraa ka'anii iddoosaanii Jeneraal Taaddasan bakka haa bu'an isa jedhan ministirri mummee akka hin fudhanne maddi BBCtti himan dubbataniiru.
''Bulchiinsi yeroo hojiisaa akka hin dalagneef 'waraanni Tigraay' isin cina jira jechuun uummata burjaajessaa jirtu,'' jechuun garee Dabirtsiyoon kan qeeqan ministirri mummee ''maqaa mana maree jedhuun uummata jeeqaa jirtu,'' jechuun qeeqaniiru.
Dabaluunis ministirri mummee mootummaan isaanii bulchiinsa yeroo naannichaa gutummaan guutuu deeggareera jechuu akka hin dandeenyeefi hamma filannoo geggeessutti waan irraa eegamu gochaa akka turu dubbachuu isaanii maddi marii kana hordofan dubbataniiru.
Yaada kanaan kan hin gammanne gareen Dr Dabiratsiyoonin hogganamu Obbo Getaachoon bulchiinsa yeroo irraa akka bu'an ejjennoo jedhuun akka cichan maddi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan dubbtaniiru.
Hogganooti TPLF wal-dhibdee ji'ootaaf keessa jiraniin irra deddeebiin gara Finfinnee dhufuun qondaalota mootummaa federaalaa wajjin marii taasisanillee mootummaan federaalaa garuu rakkoo isaan waliin akka hiikan gorsuun isaan deebisuu maddi kun dubbateera.
Marii ministira mummee waliin adeemsifame kanarratti dhimmi naannicha keessatti seeraan ala albuuda baasuu bal'inaan adeemaa jiru haala uummata fayyaduufi seera qabeessa taheen adeemsifamuu qaba jedhameera.
Gareen lameen nageenya uummata naannichaa, bulchiinsa gaarii akkasumas fedhii misoomaa guutuuf waliin hojjechuuf waliigaluu kan ibsame yoo tahu, namoota waraanaan qe'ee isaaniirraa buqqa'aniifi hidhattoota gara hojii idileetti deebisuun haala si'ataa taheen akka adeemsifamu waliigalteerra gahamuu himameera.
Kana malees leecelloon naannichaa kara seeraan qofa faayidaarra akka oolu akkasumas tajaajiloti mootummaan kennu fooyya'anii fedhii uummataan akka dhiyaatan hojiin barbaachisu akka taasifamu waliigalamuunis miidiyaaleen biyya keessa gabaasaniiru.
Marii kanarratti kara mootummaa federaalaa ministira mummee dabalatee Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ministira Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiyoos fi kaanis hirmaataniiru.
Gama Naannoo Tigraayiin Obbo Geetaachoo Raddaa, Jeneraal Tsaadiqaan Gabiratansaayi, Jeneraal Taaddasa Warada akkasumas gama TPLF'n Dabiratsiyoon Gabiramikaa'el akkasumas ittaanaan isaanii Amaanu'el Asaffaa fi kaanis hirmaataniiru.












