Rakkoon naannawa Dambi Doolloo akkamiin kalaqa Raajiif yaada ka'umsa ta'e?

Barataa Dambi Doollootti kalaqa adda addaan beekamu

Madda suuraa, Raajii Ibsaa

Barataa Raajii Ibsaa tekinoloojii hojjeteen sadarkaa naannoo Oromiyaatti injifachuun dorgommii sadarkaa federaalaa 'Itiyoo Kihilot' (Ethio skills) irratti dorgomaa jira.

Godina Qeelleem Wallaggaatti jiraataa magaalaa Dambi Doolloo kan ta'e barataa Raajii Ibsaa kalaqa 'addaa' hojjeteen miidiyaalee hawaasaarratti leellifamaa jira.

Barataan umrii waggaa 17 kun Mana Barumsaa Waldaa Warra Wangeelaa Beetel Sadarkaa 2ffaa (BESS) keessatti barataa kutaa 10ffaa yemmuu ta'u, kalaqnisaa raakkoo hawaasa isaa furuu bira darbee biyyaaf kan ta'u akka ta'e abdii qabaachuu dubbata.

"Tekinooloojiin kalaqe neetwoorkii haaraadha. Akkuma netwoorkii Itiyoo-Telekoom fi Safaricom ummanni keenya fayyadamaa jiru kunimmoo netwoorkii haaraadha" jedha barataa Raajiin.

Kalaqasaa kanaaf maqaa 'Dambi Dollo Network' (Netwoorkii Dambi Doolloo) jedhu kan moggaaseef yemmuu ta'u, kaayyoofii karoorrisaa gara fulduraa garuu magaalaa Dambi Doolloon bira kan darbee akka ta'e himeera.

"Rakkoo naannoo keenya keessa jirutu kaka'umsa naaf ta'e"

Barataa Raajii Ibsaa naannoo itti jiraatutti tajaajilawwan elektiriikiifii neetwoorkii baay'inaan akka ciccitu hima.

"Sababa sanaan namni bilbilee waldhaba, namni dhukkubsatu tokkos ambulaansii waammachuuf ni rakkata ture. Namni lubbuudhaan miidhamellee ni jira ture" jedha.

Rakkoon haawaasasaa irra deddeebiin mudatufii hanga lubbuu namaarratti dhiibbaa geesisuutti gahe kunis kalaqasaatiif ka'umsa akka ta'eef himeera.

Kanaafis waggoota afur dura bara 2013 umriisaa waggaa 13'tti kalaqasaa kanarratti hojjechuu eegale.

"Achumarraa ka'uudhaan fooyyeessaa dhufee ALI bara 2017 kanatti haala gaariidhaan akka hojjetu taasise" jedha.

'Dambi Dollo Network' akkamiin hojjeta?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Meeshaa tajaajila neetwoorkii bilbilaafii intarneetii (data) kennuu danda'u kana meeshaalee dhiyeenyatti argaterra akka hojjete kan himu barataa Raajiin, meeshicha hojjechuufis toorawwan intarneetii garagaraa mil'achuun beekumsa akka kuufate hima.

Meeshaan hammisaa xiqqaa ta'efii netwoorkiisaa tamsaasuuf utubaawwan mukaa yookiin sibiilaa dhedheeraa hin barbaanne kun hanga fageenya kilomeetira 1.5'tti tajaajila neetworkii bilbilaafii intarneetii kennuu danda'a.

"Simkaardii Itiyoo-telekoom fayyadamee 'access point' gara kootti (Dambi Dollo Network) jijjiiree yaalee mirkaneeffadhe. Osoon simkaardii mataakoo qopheeffadhee tekinoloonjiin kun tekinoloojii bakkee bahee hojii hojjechuu danda'udha" jedha.

Ammatti tekinoloojii hojjete kanatti mirga abbeentaa akka hinfudhanne kan himu barataa Raajii, sababa kanaan 'IP address' (lakkoofsa meeshaa yookiin netwoorkii toora intarneetiin qunnamtii uumuu danda'uuf kennamu) akka hinqabne hima.

"Garuu osoo tekinoloojiin kun toora IP argatee mobaayila keenyafii netwoorkii kana qunnamsiisuun IP'dhaan walitti bilbiluun ni danda'ama" jedha.

Kalaqasaa kanatti mirga abbeentaa baafatee hojiitti akka galu qaamolee garagaraarraa yaadni akka kennameef kan himu barataan kun, "anillee yaadasaanii fudhadhee dhaabbilee waliin wal dubbisee gara mirga abbeentaattin deema" jedheera.

Gama biraatiin tajaajilli intarneetii kalaqnisaa kennu saffisa guddaa kan qabu akka ta'e kan himu barataan kun, karoorrisaa gara fulduraa tekinoloojiisaa kana babal'isuufii fooyyessuun dhaabbata akka biyyaatti dorgomaa ta'e hundeessuu akka ta'e himeera.

Barataa Raajii kanaan duras hojiilee tekinoloojii garagaraa hojjechaa akka ture himeera.

Dorgommii sadarkaa federaalaa

Barataa Raajii kalaqasaa kanaan dorgommiiwwan sadarkaa garagaraa injifachuun dorgommii akka naannootti magaalaa Adaamaatti taasifames damee kalaqa addaatiin injifachuu danda'eera.

Haaluma kanaan dorgommii sadarkaa federaalaaf kan filame yemmuu ta'u, yeroo ammaas dorgommii sadarkaa federaalaa 'Itiyoo Kihilot' (Ethio skills) jedhamufii Ministeera Hojiifii dandeettii fi Inistitiyuutii Leenjii Tekinikaaf Ogummaa Federaalaan qophaa'eerratti hojiisaa agarsiisaafii dorgomaa jira.

Dorgommiifii agarsiisni kun Ebla 27 hanga Caamsaa 2, 2017'tti magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa kan jiru yemmuu ta'u, kunneen dorgommicharratti hirmaatanis dorgommiilee sadarkaa naannootti taasifamerratti damee ittiin dorgoman sadarkaa tokkoffaan kan xummuranidha.