Konkolaataa akka Laamborginii miidhagu Itoophiyaatti oomishuun barbaada- Abrahaam Isheetuu

Abrahaam Ishetuu hojii kalaqa isaan badhaasota adda addaa mo'ateera.

Madda suuraa, Abrahaam Ishetuu

Abrahaam Isheetuu jedhama. Shawaa Kaabaa Ejeree ganda Jeneraal Taaddasaa Birruu dhalatanitti dhalatee guddate.

Inni ammoo gootummaa teeknoloojii yeroo waliin wal madaalu keessa jira. Itoophiyaa biyya konkolaataa bitachuun qaalii tahe keessatti asumatti oomisheen rabsa jechaa jira.

''Hanga umuriinkoo waggaa 19 tahutti kalaqa guddaa tokko biyya kanaaf gumaachuun qaba'' jedheen hojjechaa ture kan jedhu Abrahaam kanumaaf jecha barumsarraa hafee kaayyoo isa kanas galmaan gahuutti jira.

''Kalaqni waan yeroon irra darbudha. Daftee gabaa isaa argachuu qabda'' jedhe Abrahaam yeroo BBCtti himu.

Chaayinaan osoo na hin dursiin konkolaattoota elektirikiin hojjetan biyyuma keessatti oomishee rabsuun barbaadas jedhe.

Qormaata kutaa 12ffaa fudhatee qabxii yuunvarsiitii isa galchu argatus hangan injiineriingii waggaa shan baradhee bahutti Chaayinaan konkolaattota elektirikaa ani ijoollummaakoo qabee hojjechuu barbaadu na dursuun biyya fudhachiisti jechuun yuunvarsiitii irraa hafee hojii kalaqaa isaa itti fufe.

Barataa kutaa 11 ta'ee Shawaa Kaabaa naannawa itti dhalatee guddatetti konkolaataa elektirikaan hojjetu hojjechuun tajaajila geejiba uummataaf akka ooltu taasise.

Mootummaa irraa eeyyama baafachun deddeebisa ummaataa malees, daabboofaa rabsuuf itti fayyadamaa jiru. Konkolaataan isaa kun al takkaa chaarjii guttannaan hanga kilo meetira 150 deemuu akka dandeessu hime Abrahaam.

Konkolaataan isaa kun namoota torba fe'uu dandeessi. Magaala keessa tajaajila geejibaa kennaa jirti jechuun BBCtti hime.

Bara 2014 A.L.Itti yeroo konkolaataa elektirikaa kana hojjetu konkolaattootni biroo akka ammaa kana Itoophiyaa keessa galuu hin jalqabne ture jedhe

Amma konkolaattota isaa miidhaksee hojjechuun lakkoofsa isaanii gara shanii geesiseera.

Dabalataan amma namoonni dhuunfaa ajaja baayiskilii fi doqdoqqee 400 ol akka isaaniif oomishuuf kennatanii eeggataa jiru.

Tibbana dorgommii kalaqaa namoonni 5000 ol irratti hirmaatan injifachuun Baankii Awwaash irraa miliyoona tokko badhaafameera.

Isa dura ammoo Baankiin Dadala Itoophiyaa dorgommii kalaqaa qopheesse irratti Abrahaam mo'achuun badhaasa Birrii miliyoona tokkoo fi kan ittiin hojii jalqabu ammoo liqaa miliyoona 10 isaaf kennuuf waadaa gale.

Baankii Awwaashis badhaasa kenneefiin dabalata liqaa hojiif isa gargaaru hanga miliyoona shanii isaaf kennuuf adeemsa irra jira.

'Maatiinkoo kalaqaan milkaa'a jedhanii hin yaadne'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ani ijoollumaakoo irraa eegaleen kalaqa jaaladha. Maatiinkoo garuu kanatti gammadaa hin turre. Akkan barumsakoo irratti xiyyeeffadhu barbaadu ture jedhe.

Yeroo kutaa torba baradhu istoovii fa'aa hojjechaa ture. Istoovii humna soolaariin hojjetu ergan hojjedhee dorgommiif Adaamaatti nu waaman.

Yeroo achi deemu kutaa nuuf qaban keessa bishaan ho'isnee akka qamaa dhiqannuuf kan gargaaru ho'istuu [boiler] arge.

Achii galeen wantootuma naannoo keenya jiran irraa ho'istuu [boiler] daqiiqaa afur keessatti bishaan haala gaariin ho'isuuf gargaarun hojjedhe.

''Naannoo keenya hoteela gurguddaa keessa malee hin jiru waan taheef maaliif gatii xiqqaadhaan uumataaf akka dhiyaatuuf hin hojjedhu jedheen hojjechaa ture.''

Rakkoo naannoo keenya jirutu akkan kalaqatti galu na gargaare. Rakkoo furuuf jechan ofumakoon deeggarsa malee hojjechaa ture jedhe.

Obboleessikoo barumsatti jabaa waan tureef akka isaa akkan tahu barbaadu malee maatiinkoo hojii kalaqaakootti hin amanan ture.

''Dhuguma konkolaataa hojjedhee gurgura jedhanii hin amanan. Amma garuu jabaadhu na jechaa jiru.''

Yeroo weerarri koroonaa dhufe ammoo meeshaa tutuqqaa malee harka dhiqachuuf gargaaru hojjedhee gabaatti baaseen ture.

Miilumaan irra ejjetanii saamunaa fi bishaan kan namaaf buusu hojjedhe. Walumaa gala yeroo sana kalaqoota uummataaf tajaajila kennan adda addaa 16 hojjedheera jedhe dargaggoon kun.

Bara 2014 ammoo konkolaataan ijoollummaa koo irraa jalqabee diizaayinii ishee hojjechaa ture hojjedheen tajaajila akka kennitu taasise jedhe.

Konkolaataankoo jalqabaa kun har'ayyuu hojiirra jirti kan jedhu dargaggoo Abrahaam chaarjii guuttachuuf hanga sa'a afurii fudhata jedhe.

Al takkaa guunnaan hanga KM 150 deemti. Amma guyya guyyaan galii naaaf galchaa jirtis jedhe.

Maqaan konkolaataa isaa jalqabaa kun Jaalannee jedhamti.

Amma Finfinnee keessatti bakka oomishaa barbaaduun konkolaattota biroo sadii xumuree kan arfaffaa ammoo %80 irra jira.

Kalaquma isaa kanaan badhaasa ''Naggaadiraas'' jedhamu Baankii Daldalaa Itoophiyaa qopheessee fi dorgommii Baankii Awwash qopheesse mo'achuun waliigalaan Birrii miliyoona lama argate.

Oomisha konkolaattotaa biyya keessatti gaggeessuuf ammoo liqaa akka kennaniif baankonni lameen waadaa galaniiruuf.

Abirahaam hiriyyoota isaa waliin tahuun akka hojjetu hime.

Warshaa oomisha konkolaataa biyya keessatti banuu akka barbaadu kan hime Abirahaam bakka bal'aa gahaa tahe hin arganne jedhe.

Mootummaan bakka oomishaa akka kennuuf gaaffii dhiyeessee akka jirus hime.

Salaalee e-Baayik

Dargaggoo Abrahaam kaampaanii konkolaattota, baayiskilii fi doqdoqqee oomishan banuuf eeyyama mootummaa irraa fudhateera.

Amma kaampaanii kana hundeessuu kan hime dargaggoon kun baayiskilii fi doqdoqqee fa'aa kan elektirikaan hojjetan hojjechaa jirra jedhe.

Qaama miidhamtootaaf kan gargaaru 'wiilcheerii' dabalatee warra kottee sadiin deeman hojjechaa akka jirus hima.

Oomisha isaaf maallaqa guddaa nu gaafata. Maallaqa gahaa fi bakka oomishaa gahaa waan hin arganneef malee ajaja 425 ol konkolaattota miila sadii ajaja fudhannee jirra jedhe.

Itoophiyaan haga yoomiitti konkolaataa gatii qaaliidhaan biyya alaa irraa galchiti kan jedhutu akkan kutannoon hojichatti galu na taasise jedhe.

Ji'oota muraasa booda yeroon kaampaniikoo guutummaan hundeessu namoota 25 tahan nan qacara kan jedhu dargaggoon kun amma namoota jaha hojjechiisaa akka jiru hime.

Harkumaan waan oomishaa turaniif miidhagina konkolaattotaa oomishuu aka warra biyya alaa galanii fakkeessuuf rakkataa turuu kan hime Abrahaam konkolaattota kana booda oomishnu garuu miidhagina isaanii eeguun oomishuuf yaalaa jedhe.

Konkolaattota miila sadii deemanii fi doqdoqqee akka humna isaaniin gatiin isaa wal caala jedhe. Inni guddaan al takkaa chaarjii tahee km 165 deemuu danda'a. Innis gatiin isaa hanga Birrii 150,000 gurgurra jedhe.

Inni xiqqaan ammoo takkaa chaarjii tahee km 35 deemu danda'a. Inni gatiin isaa hanga Birrii 35,000 taha jedhe.

Dargaggoon kun warshaa isaa kana guddisuun konkolaattota biyya alaa irraa galchuu akka xiqqaatu gochuuf akka kaayyoo qabu hime.