Isparmii miiliyoona 50 keessaa akkamiin tokko qofti hanqaaquu bira gaha?

Isparmiin akkamiin socho'a? Akkamiin of geejiba? Maalirraa hojjetame? Waa'ee seelii kanaa ammallee wanti beeknu waan muraasa qofa maaliif tahe?
Dhikkisa onnee tokkoon, dhiirri tokko isparmii 1,000 oomishuu danda'a- yeroo saal-quunnamtii ammoo ispeermiin miiliyoona 50 tahu hanqaaquu tokko argachuuf imala jalqaba.
Galmasaa bira ispeermiin gahu muraasa qofa, dhumarratti ammoo tokko qofaatu hanqaaquu kana seenuu danda'a.
Seeliin maayikirooskooppiin qofa mul'atuufi imallisaas ammallee saayinsii hanga barbaadamu hin baramne.
Isparmiin akkamiin imala? Akkamiin hanqaaquu argata? Akkamiin cabsee seena?
Saaraa Maartiin da Siilvaan Yuunivarsiitii Dandii UK'tti baayolojii hormaaataa kan qorattu yoo tahu gaaffiiwwan kunneen gaafatti.
Isparmiin waliinsaa erga baramee waggaa 350 guutuus gaaffilee kunneen ammallee falmiif banaa tahaniitu jiru.
Maloota haaraa bahan fayyadamuun saayintistoonni isparmiin cidhaan keessatti oomishamuu irraa qabee godaansa hanqaaquu hanga cabsee seenutti jiru hordofaa jiran.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bu'aan qorannoo kanarraa argamaa jiran waan haaraa mul'isaa jiru. Kunis akkatti isparmiin godaanuufi jijjiirama qaama dubartii gaafa seenu irra gahu dabalata.
Seeliin biraan akka isparmii qaama gaafa seenu haala kanaan caasaafi bocasaa jijjjiiru hin jiru jedhu Adaam Waatkiins.
''Isparmiin- ispeermaatozowaan seelii lafa kanarra jiran irraa akkaan adda dha,'' jetti Maartiins Da Siilvaan. ''Akkatti aannisaa qabatu, sochiin seelii taasisu seeliiwwan kaan irratti waan hin mul'anne dha,'' jechuun ibsiti.
Isparmiin dalagaa guddaa waan qabuuf seeliiwwan kaan caala aannisaan isa barbaachisa. Kana malees dandeettii haalotatti of madaqsuu ni qabaata, kunis haala dhiirri tokko isparmii baasuuf fudhatuufi imala qaama saalaa dubartii keessatti taasisuun hanqaaquu argatu dabalata.
Seelii isparmii qofatu qaama namaan alatti lubbuun jiraachuu danda'a. ''Kanaaf haala dinqii taheen dandeetti addaa qaba. Tahus akka malee shifii waan taheef qorannoof nama rakkisaa,'' jette Maartiins Da Siilvaan.
''Waa'ee wal-hormaataa waan beeknu baayyeetu jira garuun hamma yoon dhimmooti hin hubannes akkasuma baayyee dha,'' jette.
Gaaffiin bu'uuraa ammallee waggaa 350 booda hin deebi'iin jiru, ispeermiin maali kan jedhu dha jetti.
''Ispeermiin haala ajaa'iba taheen waan baayyee of keessatti qabata,'' jedha Yuunivarsiitii Nootiingihaam, UK'tti piroofeesara tumsaa wal-hormaataa kan tahe Adaam Waatkiins.
''Isparmiin eegee DNA dhaan guutame akka tahetti yaanna yeroo baayyee. Amma garuu seelii akkaan wal xaxaa tahe akka taheefi odeeffannoon qaccee sanyii baayyee keessa akka jiru hubanneerra,'' jedha.
Saayinsiin isparmii bara 1677 maayikiroobaayolojistiin Antoonii Vaan Liiweenhooyiik jedhamu samuuda seeliiwwan 500 maayikirooskooppii manatti hojjetameen ilaalee waan ''simeen animaal'' jedhamu adda baasnaan jalqabe.
Bara 1683tti sanyii xiqqoo ilma namaa kan qabatee jiru hanqaaquu osoo hin taane isparmii dha jedhe.
Kanaan booda bara 1685tti isparmiin tokkoon tokkoosaa miciree ilma namaa ''lubbuusaa'' wajjiin qabateera jechuun murteesse.
Waggaa 200 booda 1819 Joohaannis Fireedriik Meesheera hakiimaafi baayolojistii lammii Siwiiz tahe seelii adii ilma namaa qo'achaa huccuu hospitaalaa irratti hafe yoo qo'atu waan ''niwukileen'' jedhame argachuu hime. Kunis yeroo ammaa kana isa DNA jedhamu dha.
Joohaannis qorannoosaa itti fufee isparmii qurxummii Saaman jedhamu qo'achuutti ka'e. Kunis ''niwukileeniin'' isparmii kanneen biraa irraa guddaa tahe ture.
Bara 1874tti waan seelii isparmii ijaaru ''pirootaamiin'' jedhamu adda baasuu hime.
Kanaan pirootinii isparmii keessa jiru irratti odeeffannoon jalqabaa argame. Tahus qabiyyee pirootiinii isparmii keessa jiru guutummaatti baruudhaaf waggaa 150 fudhate.
Ergasii dhalli namaa hubannoon isparmii irratti qabu fooyya'aa dhufe. Garuu isparmiin ammallee icciitii dha jedha Waatkiins.
Saayintistoonni guddina miciree baraa dhufanillee, isparmiin kiroomoozoomii abbaa dabarsuu qofa miti hojiinsaa. Odeeffannoon dabalataa qacceen sanyii akkam tahuu qaba kan jedhus kenna.
''Akkatti micireen qaama dubartii keessatti guddatu irratti dhiibbaa gochuu danda'a kunis daa'ima dhalatu irratti jijjiirama guddaa fiduu danda'a,'' jedha.
Sirna hormaataa kana kan oofu jijjiirama tirataa dubartii yoo tahu- dhiirri jijjiirama kana bira gahuuf tattaafata jedha Iskoot Piitniik.
Seeliin isparmii yeroo umrii saalfattootti oomishamuu jalqabu, ujummoo bishaanii cidhaanii ''seeminifeeroos'' jedhamu keessatti tolfama.
''Cidhaan keessatti iddoo isparmiin oomishamu yoo ilaalle, seelii geengoo taheetu jalqaba, sunis waan geengo kamiyyuu fakkaachuu danda'a.'' jedha Waatkiins.
''Kanaan booda jijjiirama ajaa'ibaa keessa darbuun isparmii mataafi eegee qabu taha. Qaama keessatti seeliin kamiyyuu caasaa isaa haala addaa kanaan hin geeddaru.''
Isparmiin qaama dhiiraa keessatti guddatee bilchinarra gahuuf torbee sagal gaafata. Isparmiin qaama dhiiraa keessaa hin baane du'ee, qaamatti deebi'ee fudhatama. Garuu isparmiin carraa qabuun qaama keessaa bahee- adeemsa isaa jalqaba.

Madda suuraa, Alamy
Erga isparmiin qaama dhiiraa keessaa baheen booda dorgomtoonni miiliyoona 50 tahan caasaa qaamaa eegee fakkaatu fayyadamuun gara hanqaaquutti daakaa jalqabu.
Sochii isparmii kana viidiyoo garagaraan argitanittu tahuu mala garuu ammallee saayintistoonni isparmiin akkatti daaku(imalu) reef hubachaa jiru.
Kanaan dura isparmiin eegee(filaagalam) jedhamu akkuma raachaa bitaa mirgatti raasaa akka socho'utu beekama.
Tahus bara 2023 qorattoonni Yunivarsiitii Biriistool, UK eegeen isparmii haala sochii ogeessi herreegaa Alaan Tuuriing burqisiiseefi yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa gudunfaa fure waliin wal-fakkaata jedhan.
Bara 1952tti Tuuriing keemikaalonni adeemsa keessa boca gargaraa uumaa deemu. Adeemsi sochii keemikaalonni baayolojikaalaa lama taasisan taateewwan baayolojii uumamaa ajaa'iba jedhaman ibsuuf oolan ibse.
Kunis ashaaraa harkaa, baallee, baalaa fi kaan akkamiin caasaa qaban akka qabatan baruuf gargaara.
Maayikirooskooppii 3D fayyadamuun qorattoonni Biriistool eegeen isparmii oliifi gadii raafamaa yeroo deemu dambalii uumaa waan deemuuf akka gara fuulduraatti deemu isa dhiiba. Imala isparmii hubachuun wal-hormaata dhiiraa hubachuuf fayyada.
Isparmiin qaama saalaa dubartii sarveeksii keessa darbee gara gadameessaa deema.
Dhumarratti qaama dubartii ujummoo feeloopiyaan keessa seenuu hanqaaquu barbaada.
Asitti waan saayintistoonni hin beekne tokkootu jira, isparmiin erga ujummoo feelopiyaan seeneen booda akkamiin hanqaaquu argata kana jedhu dha.
Tisiisni kuduraa irra ooltu isparmii qaamashee dachaa 20 caalu oomishti kuni otoo namaaf tahee dhiirri tokko isparmii hamma bofa paayitan meetira 40 dheeratu oomishu jechuu dha.
Isparmiin fayyaalessa taheefi daandii sirrii irra adeemu akkaan muraasa. Baayyeen isaanii qaama dubartii keessatti karaa irraa maqu.
Baayyeen isparmii toora galmasaatti otoo hin siqiin karaatti hafa. Isparmiin inni ujummoo feeloopiyaanii qaqqabe mallattoo keemikaalaa hanqaaquurraa gadhiifamuun daandiisaa bara.
Yaad-rimeewwan gariin isparmiin caasaa 'dhandhamaa' qaamaa fayyadamuun imala gara hanqaaquu taasisu jalqaba jedhu.
Isparmiin erga hanqaaquu argateen boodallee danqaan isa mudatu hin dhaabbatu. Hanqaaquun seelotaafi meebireenii dabalatee caasaalee garagaraan kan haguugamte dha.
Hanqaaquu keessa seenuudhaaf haguuggii dachaa baayyee kana keemikaala mataa isparmii keessa jiru fayyadamuun haguuggii hanqaaquu kanaa bulleessuu qaba. Keemikaalonniifi inzaayimoonni hojii kanaaf oolan akkamiin gadhiifamu kan jedhu ammallee icciitii hin furamne dha.
Gulantaan itti-aanu isparmiin waan qoraattii ''mataa'' irraa qabu fayyadamuun hanqaaquu cabsuuf yaala, eegee isaa dhadhahuun gara fuulduraatti of dhiiba. Haala kanaan isparmiin tokko meembireenii haqaaquu dabarraan hormaati uumama.
Seeliin ilma namaa tuuta kiroomoozoomii garagaraa lama qaba kunis dubartiifi dhiira irraa isa dhufu dha.
Isparmiin lama al tokkotti hanqaaquu tokko keessa yoo seene kiroomzoomii lakkoofsa sirrii hin taane wan tahuuf miciree guddatuuf jiru ajjeesa.
Haalli akkasii akka hin uumamneef hanqaaquun mala lama fayyadama. Kunis meembireeni haqaaquu irratti danqaa elektiriikii uumuun isparmiin biraa akka hin galle dhorka.
Garuu haalli kuni yeroo muraasa qofa turuun hanqaaquun gara haala duraan turetti deebi'a.
Kanaaf isparmiin miiliyoonaan lakkaa'amu imala jalqabullee tokko qofaatu hojiisaa fiixaan baasa. Tahus ammallee akkatti isparmiifi hanqaaquun wal baruun walitti makaman otoo hin baramiin jira.
Saayintistoonni waa'ee isparmii baruuf yaaliin taasisaan sanyii bineensota biroo qo'achuu dabalata.
Iskoot Piitniik Yunivarsiitii Siiraakas, Niiw Yoorkitti piroofeesara baayoloojiiti. Isparmiin namaa maayikirooskoppiin malee hin mul'atu tiisisni gariin garu isaparmii qamasaanii harka 20 caalu oomishu jedha.
Iskoot isparmii tisiisa kanaa fuudhee akka calaqqistu taasisee imalasaa hordofuu jalqabe.
Kanaanis qaama saalaa dhaltuu tisiisaa keessatti akkatti imalu qalbeeffachuun hormaatni sadarkaa moolikulaaratti akkatti uumamu adda baase.
Qorattoonni lakkoofsi isparmii namaa akka addunyaatti akkaan hir'achaa jira jedhu.
''Sanyiin dhiiraa lubbuu qabeeyyii muraasaa maaliif isparmii guddaa oomishu? jechuun gaafata Piitniik. ''Deebiinsaa dhaltuun isaanii ujummoon isaanii akka isaaniif tahutti jijjiirama tirannaa keessa fidaniiru.
Garuu maaliif dhaltuun isaanii haala kanaan geeddaraman yoo jedhame, waan beeknu hin jiru,'' jedha.
Haa tahu malee isparmiin yeroo qaama dhiiraa keessa jiraatu seenaa guutuu hin qabu jedha Iskoot.
''Seenaa saayinsii keessatti ilaalcha jallataa tokkotu jira. Wal hormaata namaa irratti yoo dhufu akka waan dhiirri murteessutti beekama. Sirna hormaataa kana garuu kan jijjiirama tirannaa dubartiitu qajeelcha- dhiirri jijjiirama kana bira gahuuf tattaafata,'' jedha.
''Qaamni wal-hormaataa dubartii haala ajaa'ibaa taheen waan akka malee geeddaramu yoo tahu, isparmiin takkaa qaama dubartii seenee maal akka hojjetu waan beekamu hin jiru.
Sun addunyaa dhokataa guddaa tokko dha. Qaamni wal-hormaataa dubartii akkamiin sanyii haaraa uuma dhimmi jedhu ammallee hin hubatamiin jira,'' jedha Iskoot
Isparmiin tisiisa kuduraa irra ooltuu, waan akka faayaati, akka eegee piikook jechuu dha.
Waan miidhagaa bineeldotaafi bineensotarratti arginu isaaniif ''meeshaa waraanaati''
''Kunis diina ofirraa ittisuuf qofa osoo hin taane, waan saal-quunnamtii waliin wal-qabatu qaba. Dorgommii dhiirotaati, isparmiin tisiisaa dheeraa tahe ulaagaa faayaa jennu kanaaf fakkeenya gaarii dha. Qaamni hormaataa dubartii akkatti isparmii tokko isa kaanirraa filatu qaba.
Saal-quunnamtiin uumamuun dura akkatti filannoon taasifamu ni beekna jedha Iskoot.
Gosa simbiraa saal-quunnamtii argachuuf agarsiisa shubbisaa dhiyeessu dabalata. Kanaaf dhimmi kuni sochii, halluufi foolii dabalataa? Odeeffannoo miiraa kana fayyadamuun murtoon saal-quunnamtiif gahaa tahuufi dhiisuun kennama.
Kana booda garuu maaltu tahaa isaprmii irratti akkamiin dhiibbaa qabaataa kan jedhu ammallee hin beekamu.
Isparmii guutummaan guutuutti hubachuuf marsaa isaprmii guutuufi qaama dubartii guddina isparmii keessatti shoora guddaa qabu hubachuun murteessaa dha.
''Isparmiin cidhaan dhiiraa keessatti guddinasaa hin fixatu. Isparmiin qaama hormaataa dubartii gaafa seenu waan wal-xaxaafi murteessaa tahetu uumama.
''Kanaaf isparmiin qaama dhiiraa keessaa bahee yeroo qaama hormaata dubartii gahu maal taha kan jedhu qorachaa jirra jedha Iskoot.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaasa 2023tti baase agarsiisutti dhiirota addunyaa ja'a keessaa tokko wal-horuu hin danda'an. Rakkoon hormaata dhiiraa dhala dhabuu addunyaa irratti mudatuuf walakkaa ol kan gumaachu rakkoo hormaataa dhiiraati.
Faalama qilleensaa, tamboo aarsuu, alkoolii, nyaata madaalama dhabuu fa'itu dhala dhabuu kanaaf gumaacha jedhamus sababni bu'uuraa garuu ammallee hin baramne.
Saayintsitoonni akkatti isparmiin guutumaatti socho'u yoo barre dhala dhabuun dhiiraa maaliif mudata kan jedhus achumaan baruu dandeenya jedhu.












